settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo namoota hundumaa ykn kiristaanota qafa jaallataa?

Deebii


Waaqayyo biyya lafaa irra kan jiru hundumaa tokkoon tokkoon nama miira jaallatu qaba (Yoh 3:16; 1Yoh 2:2; Rom 5:8). Jaalaalli kun geggeedaramaa miti, amala Waaqayyo irratti kan hundaa'ee dha jaalala isaa irratti kan hundaa'ee dha (1Yoh. 4:8, 16). Waaqayyo nama hundumaatiif jaalalli inni qabu akka "haraaraan kan guutee jaalala isaa" yaadatamuu danda'a, kunis immoo Waaqayyo namoota cubbuu isaaniitiif batalumatti isaan hin adabu (Rom. 3:23, 6:23). "Waaqa irra kan jirtu abbaa keenyaa… namoota hamootaa fi nama gaarii irratti aduu isaa nii baasa, tolootaa fi cubbamoota irratti bokkaa isaa ni roobsa" (Matt. 5:45). Kun kan biraan Waaqayyo jaalala inni hundumaaf qabuu dha. Gara laafummaan jaalalaa gaarummaan isaa kristaanoota qofaaf osoo hin taane hundumaaf. Waaqayyo biyya lafaaf jaalala dhiifama godhu kan qabu namootis akka qalbi jijjiratan carraa kennuufin isaa ibsameera:- "warra tokko tokkotti waan turu akka itti fakaatu gooftaan waa'ee sagalee abdii isaa hin turu, haa ta'u malee hundumtuu gara qalbii jijjirannaa akka ga'an malee eenyuyyuu akka hin bannee jaallatee waa'ee keesan ni obsa." (2Phe 3:9) akkasumatti kan inni jaallatu jaalala Waaqayyoo inni nama hundumaa gara fayyinaatti waamicha inni waamee wajin wajin kan deemu yeroo ta'u kunis yeroo hundumaa gara isaatti goruu isaa heyyama isaa guutuu kan mul'isu fi isa kan gammachiisu kan ta'ee kan ibsuu dha.

Haa ta'uu malee Waaqayyo nama hundumaaf jaalala qabuun namni hunduu ni fayya jechuu miti (Matt. 25:46 ilaalaa). Waaqayyo cubbuu callisee dhiisuu hin danda'u, Waaqayyo Waaqa haqaa waan ta'eef (2Teselonqee 1:6). Cubbuun bara baraan osoo hin adabamiin hin hafu (Rom. 3:25-26). Waaqayyo cubbuu callisee bara baraan akka itti fufuu yoo heyyame inni jaalala hin qabaatu. Kan Waaqayyoo jaalallii haraaraan guutame callisuun isaa, Kristoosiin fudhachuu dhiisuu yookaan fayyisaa nu oolche ganuu (2Phex. 2:1) gara dheekamsa Waaqayyoo bara baraa galuu dha (Rom. 1:18) malee jaalala isaa miti.

Cubbamoota qulqullaa'uu kan barsiisu jaalalli Waaqayyoo nama hundumaaf miti Yesus Kristoositti kan amanu qofaaf miti (Rom. 5:1). Namoonni Waaqayyo wajjin gara dhi'eenya firoomuutti akka dhufan kan isaan godhu jaalalli Waaqayyoo ijoollee hundumaaf osoo hin taane mucaa Waaqayyoo warra jaallatan qofaaf (Yoha. 14:21). Jaalalli kun akka Waaqayyoo "jaalala kakuu" godhamee fudhatamuu danda'a fi haaloota irratti kan hundaa'ee dha kunis kan kennamuu fayyina isaaniif Yesussitti warra amanan qofaaf (Yoha. 3:36). Gooftaa Yesus Kristositti kan amanan hunduu yeroo hundaa kan jaallatamanii dha fayyummaan isaanii bara baraan eegama. Waaqayyo hundumaa ni jaallataa? Eeyyee, hundumaaf gara laafinaa fi gaarummaa argisiisa. Waaqayyo kristaanoota warra hin taanee caalaa jaallataa? Miti, akka jaalala isaa araaraan guutamee kan argamu miti. Waaqayyo karaa adda ta'een kristaanootni namoota amanan caalaa jaallataa? Eeyyee, amantootni mucaa Waaqayyoo irratti amantii qabu, kan fayyanii dha. Waaqayyo kristaanoota wajjin walitti dhufeenya addaa qaba sababni isaas Waaqayyoon bu'uura ayyaana bara baraan kristaanoonni dhiifamni ta'eef qofa dha. Waaqayyo dursa haalaa tokko malee jaalala isa haraara qabeessa ta'een gara Waaqayyoon amanuutti nu geessuuutu irra jiraata, ta'uun kan irra jiru jaalala kakuu isaa Yesus Kristoosiin fayyisaa godhanii warra fudhataniif kenneeraaf.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo namoota hundumaa ykn kiristaanota qafa jaallataa?
© Copyright Got Questions Ministries