settings icon
share icon
Gaaffii

Jireenya bara baraa qabaadhuu?

Deebii


Macaafni Qulqulluun karaa gara jireenya bara baraatti geessuu qulqulluu dhiyeessa. Jalqaba, akka Waaqayyoon irratti cubbuu hojjenne beekuutu nurra jira: “hundinuu yakkaniiru hulfinni Waaqayyoos isanitti hir’ateera” (Roomaa 3:23). Hundumti keenya waantota Waaqayyoon hin gammachiisne hojjenneerra, akka addabbiin nuuf ta’u kan taasisu. Cubbuun keenya hundinuu guutummaatti Waaqayyo isa bara baraa irratti waan ta’eef, badiisini bara baraa qofaan ni ga’a. “Beenyaan nama cubbuu hojjetu du’a; kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesuus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraati” (Roomaa 6:23).

Haa ta’u malee, Yesuus Kirsitoos inni cubbu maleeyyii (1 Phexroos 2:22), ilmi Waaqayyoo inni bara babaraa nama ta’e (Yohaannis 1:1,14) gatii adabbii keenyaa kaffaluudhaaf du’e. Waaqayyo garuu utuma nuyi cubbamoota taanee jirru Kiristoos nuuf du’uu isaatiin ammam akka nu jaallate ni agarsiisa. (Roomana 5:8). Yesuus Kiristoos fannoo irratti du’e (Yohaannis 19:31-42), addabbii nuuf ta’u fudhachuudhaan (2 Qorontoos 5:21). Guyyaa sadiin booda du’aa ka’e. (1 Qorontoos 15:1-4), du’aa fi cubbuu irratti gooftummaa qabu mirkaneessuudhaan. “Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesuus Kiristoos warra du’an keessaa ka’uu uisaatiin abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuudhaaf haaraa godhee nu dhalchiiseera” (1 Pheexroos 1:3).

Amantiidhaan, ilaalchaa keenyaa geeddaruu nurra jiraata, Kiristoosiin ilaallatee- Inni eenyuu, maal akka hojjete, fayyinaafis maal (Hojii Ergamootaa 3:19). Yoo amantii keenya isa irratti keewwanne, gatii cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf fannoo irratti du’uu isaatti yoo amanne nuyi dhiifama arganne abdii jireenya bara baraa waaqa irrattii fudhanna. Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jallate; kun immo isatti kan amanu hundinuu jireenua bara baraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti. (Yohaannis 3:16). “Yesuus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yoo beeksifte Waaqayyo du’aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa ni argatta” (Roomaa 10:9). Hojii Kirisoos fannoo irratti hojjetetti amanuun gara jireenya bara baraatti daandii dhugaadha isa tokkicha! Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantiifayyifamatan inni immoo kennaa Waaqayyooti malee gochaa ofii keessanii miti; hojiidhaan miti namni tokko illee akka ittiin of hin jenyetti” (Efeesoon 2:8-9).

Yesuus Kiristoosiin akka fayyisaa lubbuu keetiitti yo itti amante, asi kunoo kadhannaa salphaatu jira. Yaadadhu kadhannaa kana jechuun kee yookiin kadhannaan gasti kami iyyuu si hin fayyisu. Cubbuu irraa kan sifayyisu Kiristoostti amanuu kee duwwaadha. Kadhatni kun karaa ati amantii kee Waaqayyo irratti qabdu itti agarsiiftu fi fayyina siif qopheessuu isattii isa galateeffattudha. “Waaqayyo ani sirratti akkan cubbuu hojjedhe fi adabbiin akka naaf ta’u nan beeka. Fayyinaaf amantii koo sirran godhadha. Ayyana kee ajaaybsiisaadhaa fi dhiifama gochuu keetti singalateeffadha- kennaa jireenya bara baraatti! Ameen!”

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Jireenya bara baraa qabaadhuu?
© Copyright Got Questions Ministries