settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo/Kitaabni qulqulluun abukaatoo saalaati?

Deebii


Seksititizimiin saala tokkoo dha. Baayinaan dhiira dha saala kan biraa irratti olaantummaa kan qabu, baayinaan dhiirri dubbartii irratti. Kitaabni qulqulluun barichi dubbartootaaf yaadni inni qabu loogii kan uumu akka ta'e kan fakkeessu ragaa heedduu qabateera. Ta'us garuu kitaabni qulqulluun gocha tokko yeroo ibsu kitaabni qulqulluun gocha sana kan deggeruudha jechuu miti. Kitaabni qulqulluun dubbartoota qabeenyaa tokko irra xiqqoo kan ol jettu godhee kan keessumsiisu akka turan kitaabni qulqulluun ni dubbata; garuu gocha sana Waaqayyo ni deggera jechuu miti. Kitaabni qulqulluun haawaasa keenya caalaa lubbuu keenya jijjiruudhaa fi haarressuu irratti xiyyaafata. Waaqayyo laphee jijjirame amala jijjiramu akka fidu ni beeka.

Bara kakuu moofaatti walumaa galatti aadaawwan guutummaa biyya lafaa irratti seera hidda sanyii kan hordofanii dha. Inni sun haalli seenaa isaa baay'ee ifaa dha; kitaaba qulqulluu keessatti qofa osoo hin taane hawaasa birratti seera hojii irra oolu keessattis dabalateera. Dudhaan seera ammayyaa fi ilaalcha namoota addunyaa "loogiin saalaa" "sexist." Jedhama. Namoota utuu hin taane Waaqayyo hawaasicha dirirseera. Inni immoo kan bulchiisichaa barreessaa qajeelfamichaa haa ta'u iyyuu malee akkuma amantoota biroo namni kufe abboommii kana hin kabajne. Kunis seenaa keessatti haalotni dhirootaa fi dubartootaa wal qixummaan akka hin jiraanne godheera. Addunyaa irratti kan nutti arginu wal qooduu fi loogiin waan haaraa miti. Baduu namaati fi bu'a seensa cubbuutti "sexism" jechaa fi shaakalli bu'aa cubbuutti jechuun sirri dha. Kitaabni qulqulluun sadarkaa sadarkaadhaan kan inni mul'isuu fi nu geggeessuu walitti dhufeenya saalaa loogii fi dhugumatti sanyiin namaa gochawwan cubbuu fi fayyina akka taanuu dha.

Waaqayyoodhaan mudaama taayitaa gidduutti madaallii hafuuraa jiru argachuudhaan kunuunsuuf gara kitaaba qulqulluu ilaalu qabna. Kakuu haaraan raawwata kakuu moofaati; kanaafiyyuu duraa booda aboo fi namni hundumtuu kan ittiin dhukkubne fayyina cubbuu rakkoo sanyii namaa hundumaa fi saala irratti kan hundaa'ee qajeelfama loogii irraa argana.

Fannoon Kristoos gocha guddaa wal qixaati Yoha. 3:16 "Namni kam iyyuu kan amane" jedha eenyuunis osoo hin dhiisiin hundumaa jecha hammatuu dha; hawaasicha keessatti dandeetti sammuutiin yookaan saala irratti hundaa'uudhaan eenyu iyyuu osoo hin hafiin labsii hundumaa hamaatuu dha. Dabalataanis fayyuudhaaf carraa wal qixa ta'e kan qabnu dubbifamni Galaatiyaa keessa jiru ni dubbata karaa amantiitiin "hundumti keessan Kristoos Yesusiin ijoollee Waaqayyooti, Kristoosii wajjin tokko akka taatan kan cuubamtan hundumtuu Kristoosiin hufataniitu. Yihuudii yookaan namni Girikii hin jiru, garba yookaan cawwaan hin jiru, dhiirri ykn dubartiin hin jiru, hundumti keessan karaa Kiristoos Yesuus nama tokko." (Gal 3:26-28) fannoo irratti loogiin garaagarummaan saalaa hin jiru.

Macaafni Qulqulluun saala lammaniinu dhiirotaa fi dubartoota bu'aa cubbuu sirriitti bifa ibsuun loogii saalaa kan qabu "Sexis" miti. Macaafnii Qulqulluun gosa cubbuu hundumaa ni galmeessa, garbumaa fi hidhaan akkasumasi kufaatii goototaa gurguddoo ni tareessa. Ta'us garuu Waaqayyo irrattii fi seera inni kaa'e irratti cubbuun godhamee fi fayyinaa fi furmaati kenname Waaqayyoo wajjin waliti dhuufeenya ta'u hundumaa dha. Kakuu Moofaan aarsaa baayyee caalu dheebuudhaan ni eega ture cubbuu dhaafis yeroo kam iyyuu aarsaan ni godhama ture Waaqayyoo dhaa wajjin barbaachisummaa araarsuu barsiisaa ture.Kakuu Haaraatti "hoolaa cubbuu biyya lafaa dhabamsiisu" ni dhalate, ni du'e ni awwaalame deebi'ee ka'e achirraas gara isaatti gara samitti ol ba'e achittis nuuf kadhata.fayyina cubbuu irraa isatti amanuu dhaan, innis loogiin saalaa gochaa ofkeesatti hammata.

Macaafa Qulqulluu keessatti loogii saalaa "sexism" komii kan banu beekumsa macaafa Qulqulluu dhabuu irratti. Umurii hundumaa keessa kan jiran dhirotaa fi dubartoota Waaqayyoo kan kenneef bakka isaanii qabatanii "Gooftaan akka isaaniin jedhu" yeroo jiraatanitti saalaa gidduutti madaallii ajaa'ibsiisa ta'a. madaalliin sunii Waaqayyoon kan jalqabeedha kan xumurus isa. Bu'aa cubbuu addaa addaa xiyaafannoo sirrii hin taane jira malee hundee isaatiin rakkoo isa guddaa miti. Walqixxummaan dhugaan Waaqayyoo wajjin karaa Kiristoos Waaqayyoo wajjin dhuunfaan araaramuu qofa. "Dhugaas ni beektuu dhugaanis bilisa isin baasa" (Yoh 8:32).

Dabalataanis dhiirotaa fi dubartootaaf ga'ee hojii addaa addaa akka qaban Macaafin Qulqulluun yaadachiisuun isaa loogii saalaa hin fidu. Macaafni Qulqulluun dhiiroonni waldoota kiristaanaatiif manattis ga'ee geggeessummaa akka taphatan Waaqayyoon akka isaan irraa eegu ifatti dubbata. Kun dubartoota gadi'aana godha? Tasumaa miti. Kana jechuun dubartoonni caalaatti abishaala miti dandeettii hin qaban ykn Waaqayyoo duratti akka waan xiqqoottii ilaalamu jechuu dha? Tassuma miti! Kun maal jechuu dha biyya lafaatiin cubbuu dhaan addunyaa bade keesatti caasaa fi aboon jiraachuu qaba. Waaqayyoon aboo irraa fi jalaan bu'aa keenyaaf techiiseera. Loogiin saalaa gochi kun jiraachuu isaa osoo hin taanee gochalee kana akka malee fayyadamuu dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo/Kitaabni qulqulluun abukaatoo saalaati?
© Copyright Got Questions Ministries