Rakkinni inni guddaan maalii dhaa? Rakkinni inni guddaan waggaa torbatti xumuramuu isaa atamitti beeknaa?



Gaaffii: Rakkinni inni guddaan maalii dhaa? Rakkinni inni guddaan waggaa torbatti xumuramuu isaa atamitti beeknaa?

Deebii:
Rakkinni guddaan yeroo waggaa torban dhufuu Waaqayyoo Isra’eeliin kan adabuu fi Addunyaa hin amane firdii isaanii kan itti xumuruudha.waldaan kristaanaa isheenis Gooftaa Yesuus Kristoositti qaama isaatti fi hojii isaatti kan amananiin kan ijaaramte, adaba cubbuu irraa fayyuudhaaf, yeroo rakkina isa guddaatti hin jiraatan. Waldaan kristaanaa addunyaa kana irraa ni fudhatamti, butamuu jedhamee dhugaan beekamuu (1ffaa Teso 4:13-18, 1ffaa Qoro 15:51-53). Waldaan kiristaanaa dheekamsa dhufu jalaa ni eegamti (1ffaa Teso 5:9). Qulqulluu sagalee isaa hundumaa irratti, rakkinni inni guddaan maqoota biraadhaan ni heerama, fakkeenyummaadhaanis guyyaan gooftaa (Isaa 2:12, 13:6-9, Iyu 1:15, 2:1-31, 3:14, 1ffaa Teso 5:2), rakkina yookaan rakkina isa guddaa (keessa deebii 4:30, Sefoo 1:1), rakkina isa guddaa, innis baay’ee kan hamaatuu kan yeroo waggaa torbaa giddu galeessa lamaffaatti kan argisiisu (Maati 24:21), yeroo rakkinaa yookaan guyyaa (Daani 12:1, Sefoo 1:15), yeroon rakkina Yaaqoob (Ermi 30:7).

Daani’eel 9:24-27 hubachuun barbaachiisaa dha, yeroo rakkinichaatii fi kaayyoo isaa hubachuudhaaf. Dubbifamni kun waa’ee torban 70 dubbata, “saba kan kee” mormuudhaan kan jedhuun kan labasame. Sabni Daani’eel Yihudoota, saba Israa’el, akkasumas Daani 9:24 yeroo inni dubbatuu Waaqayyo kan isaaf kennee, “hameenya haa xumuruu, cubbus haa raawwatuu, yakkas haraara haa godhu, tola bara baraasi haa seensisuu, mul’ataa fi raajii haa maxansuu, qulqulluu qulqullootaas akka muuduuf.” Waaqayyo “waa’ee subaa’ee torbaatamaa” kan inni labsee wantoota kana hundumaa xumuruudhaaf. Kun kan waggoota torbaatamii torbaati, yookaan 490. “Hiiki tokko tokkoo kan inni argisiisuu kan waggoota torban torbaatama.” Kun kan biraadhaan kan dubbifama kutaa kanaa mirkaneefameera, Daani’eel irratti. Lakk.25 fi 26, Daani’eel kan dubbatee Masihiin akka ajeefamuu dha, “kan torbaa torbaawwani fi torbawwan jaatami lama”, (walumaa galatti 69), Yerusaaleemin immoo ijaarudhaaf labsii erga baasee booda. Ibsa biraatiin, waggooti torbawwan 69 (waggoota 483) Yerusaaleemiin immoo ijaaruudhaaf labsii erga baasee booda, Masihiin ni qalama. Barreesitootni seena macaafa qulqulluu akka mirkaneesanitti waggoota 483 darbaniiru Yerusaalemiin immoo ijaaruudhaaf yeroo jiruu fi hanga Yesus Kristoos fannifamutti. Baay’een beektootni kiristaanootaa, ilaalchi isaani bara dhumaa (wantoota dhufan/haallonni), hubannoo olitti ilaalee qabu, Daani’eel irratti 77 irratti.

Waggoota 483 akka darban, Yerusaaleemiin immoo ijaaruudhaaf labsi baasee fi hanga du’a Masihitti kun kan yeroo waggaa torba tokkootti, Akka Daani 9:24tti raawwachuuf: “Hameenya ha fixu, cubbus haa raawwatu, yakkas haa haraarsu, tola bara baraas haa seensisu, mul’ataa fi raajii haa maxansu, qulqulluu qulqullootaas akka dibu.” Kun kan yeroo waggaa torba isa dhumaa yeroo rakkina guddaa jedhame beekama_ innis Waaqayyoo Israa’eeliin sababa cubbuu isaatiif adabuu isaa yeroo xumuruu dha.

Daaniel 9:26 ibsa muraasa laata, waa’ee yeroo rakkinaa waggaa torbaa: “innis namoota heedduu wajjin kakuu cimaa subaa’ee tokkoof godha walakeessa subaa’echaatti aarsaa isaatii fi kennaa qulqulluu isaa ni anbisa fiixee wanta xurawwaa sana irratti inni balleessu ni dhufa hanga guyyaa raawwata murtaa’ee sanatti dha’ichi isa balleessu sana irratti ni dhangala’a.” lakkoofsi kun namni inni itti dubbatuu, Yesuus “xuraa’ummaa badiisaa kan fiduu” kan jedhe dha (Maat 24:15) akkasumas “bineensichii” jedhee waama, Mul’ata 13 irratti. Daani’eel 9:27 kan jedhuu bineensichii waggoota torbaaf kakuu godha, garuu torban kana gidduutti (lakk.31/2 waggaa gara rakkinaatti), kakuu isaa diiga, aarsaa isaa anbisuudhaan. Mul’ati 13 kan inni ibsuu bineensichi fakkii mataa isaa mana qulqulluummaa keessatti akka inni bocuu dha addunyaa martinuu akka sagaduuf ni gaaffata. Mul’atni 13:5 kan jedhuu kun ji’oota 42f akka itti fufuudha, innis waggaa 3 1/2. Daani’eel 9:27 kan inni jedhuu kun kan ta’uu torban gidduutti, Mul’ata 13:5 kan jedhus bineensichii kana ji’oota afurtamii lamaaf akka godhuu dha, dheerinni wali gala yeroo ji’oota 84 yookaan waggaa torba ta’uu isaa salphaatti ilaaluun ni danda’ama. Daani’eel 7:25 immoo ilaalaa, “hanga baraa fi barootatti hanga walakaa baraatti” (bara=waggaa 1, baroota= waggaa lama, walakaa baraa=waggaa ½, walummaa gala waggaa 3 ½) akkasumas “rakkina isa guddaa” ilaala, kan waggoota torbaa walakeessa bara rakkinaa isa dhumaa, bineensichi taayita irra yeroo ta’u.

Rakkina isa guddaadhaa fi waabiin dabalataa Mul’ata 11:2-3, innis waa’ee guyyaa 1260 fi baatii 42 fi Daani’eel 12:11-12, innis guyyaa 1290 fi guyyaa 1335 kan inni dubbatu. Guyyootni kun kan rakkinnicha isa guddaa tuqaa isa giddugaleessa argisiisu. Daani’eel 12 irratti guyyootni dabalataa tarii firdii uummataa of keessatti qabachuu danda’a (Maati 25:31-46) fi mootummaa waggaa kumaa Kristoos yoomii fi eessa (Mul.20:4-6).


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Rakkinni inni guddaan maalii dhaa? Rakkinni inni guddaan waggaa torbatti xumuramuu isaa atamitti beeknaa?