Mallattoon bara dhumaa maalii dhaa?



Gaaffii: Mallattoon bara dhumaa maalii dhaa?

Deebii:
Maati 24:5-8 barri dhumaa ga’uu isaatiif kan argisiisuu waan xiqqoo mul’atuu nuuf kenna, “baay’een isaanii, ani Kristoos jechaa maqaa kootiin dhufu, baay’ees ni dogogorsuu. Lolaa fi oduu lolaa akka dhageessan isaanin jedhe, kun ta’un dirqama eegaadhaa, hin na’inaa, haa ta’uu malee dhumni amma iyyuu sichi. Sabni saba irratti mootummaan mootummaa irratti ka’aa, beelli dha’ichi raafamni lafaa bakka adda addaatti ta’a.” Raajjii sobaan dabalaa dhufuun isaa, lollii dabalaa dhufuun isaa, fi beellii dabalaa dhufuun isaa, dha’ichaa fi balaan uumamaa mallattoo bara dhumaa kanaati. Dubbifama kanaan of eegachiisa nuuf laata: akka hin dogogoree, sababii isaa mallattoon kun jalqaba dhiphinaati dhumni sichii dhufa. Hiiktoonni tpkko tokkoo akka argisisanitti tokkoon tokkoon sochiin lafaa, tokkoon tokkoon tasgabaa’uu dhabuu siyaasaa, fi Israa’el irra kan ga’uu tokkoon tokkoon waraanaa barrii dhumaa ariitiidhaan ga’aa akka jiru mallatto mirkanaa’uu dha. Haallii dhuma baraa ga’uun yeroo argisiisuu, isaan barrii dhumaa ga’eera jechuudhaani kan argisisan ta’uu dhiisuu danda’u. Ergamaan Phaawuloos akka inni nu akeekachiisuutti guyyaa dhumaatti barumsi sobaa dabalaa dhufa. “Afuurri garuu, mul’inatti, guyyaa bara dhumaatti kan dogogoran tokko tokkoo afurrii fi of arguu dhabuu sobdootaatiin barumsi afuura seexanaan kennamuu dhageefachaa, amantaa ganuu jedha” (1ffaa Ximoo 4:1). Guyyaan dhumaa “guyyaa mudamaa” jedhamuudhaan beekama, hameenyi namaa dabalaa dhufuu saatiif namoonni “dhugaa mormuu isaaniitiin” sababa (2ffaa Ximoo 3:1-9, akkasumas 1ffaa Teso 2:3 ilaali).

Kan biraan mallattoon yaadamu kan inni of keessatti qabatuu manni ququlluummaa Yihudootaa Yerusaaleemitti deebi’ee ijaaramuu isaa yeroo ta’uu, innis Israa’el irratti dinuummaa dabala, mootummaa addunyaa tokkoo dhaabuu duukaa bu’e. Ta’us, baay’ee mallattoon bara dhumaa inni guddaan mootummaa Israa’elitti. Bara 1948 Israa’el akka mootummaa of danda’ee tokkootti beekamtii argate, irra guddeessa bara haraaraa 70 asitti yeroo jalqabaatiif. Waaqayyoo Abrahamiif kakuu akka galeetti, sanyiin isaa Kana’aaniin akka “dhaala bara baraa” akka dhaalan (Uuma. 17:8), Hisqeelis waa’ee Israa’eel haaromsa foonii fi afuuraa raajeera (Hisq boqonnaa 37). Isiraa’eel lafa mataa isaa irratti mootummaa akka dhaabbatuu akka raajii bara dhumaatti isa guddaa dha, haala bara dhumaa Israa’eel wajjin wal qabachuu irraa kan ka’e (Daani. 10:14, 11:41, Mul.11:8).

Milikita kanaan tilmaama keessa galchuudhaan, abshaalaa fi hubatoo ta’uu dandeenya, abdii bara dhumaa kan ilaalate. Ta’us isaan haaloota adda addaan hiikuun nurra hin jiraatu, raawwiin bara dhumaa ga’uu isaa ifatti akka argisisan goone. Waaqayyoo ragaa ga’aa nuu laateera, qophaa’uu ni dandeenya, kan waamamneefis akkas akka taanuuf.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Mallattoon bara dhumaa maalii dhaa?