Macaafni Qulqulluun dhugumaan sagalee Waaqayyootii?



Gaaffii: Macaafni Qulqulluun dhugumaan sagalee Waaqayyootii?

Deebii:
Gaaffii kanaaf deebiin keenya akkamiin akka ilaalluudhaaf jireenya keenyaaf bu’aan inni qabu kan murtaa’u duwwaa utuu hin taane dhuma irrattis nurratti dhiibbaa bara baraa qabaata. Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo taanaan kanaaf isa tuffachuu jechuun Waaqayyoon mataa isaa tuffaachuu jechaadha.

Dhugaan Waaqayyo Macaafa Qulqulluu nuuf kenneef sababni isaa karaa Waaqayyo jaalala nuuf qabu itti agarsiiseedha. “”Mul’ata” jechi jedhu salphaatti yeroo hiikamu Waaqayyomaal akka fakkaatuu fi isaa wajjiin walitti dhufeenyaa sirrii akkamiin akka ijaarru karaa itti mul’iseedha. Karaa Macaafa Qulqulluu mul’ata Waaqayyuummaa isaatiin utuu nu hin beeksifne ta’ee waantota kanabeekuu hin dandeenyu. Ammam illee Waaqayyo waa’ee ofii isaa Macaafa Qulqulluu keessatti kan nu beeksise mul’anni suuta suutaan tilmaammiin gara waggoota 15oo kan fudhate ta’u illee ilmi namaa Waaqayyoo wajjin waa’ee walitti dhufeenyaa qabaachuu qabuu of keessatti guutummaan qabateera. Macaafa Qulqulluu dhugumaan sagalee Waaqayyoo yoo ta’e amantii, shaakala jireenyaatii fi naamusa ilaallatee angoo isa ol-aanaa qaba jechuudha

Macaafin Qulqulluun sagalee Waaqayyoo malee macaafa kan biraa gaarii akka ta’e akkamiin beekna jennee ofii keenya gaafachuutu nurra jira. Kanaan dura kan barreeffaman macaafota amantii hundumaa irra Macaafni Qulqulluun kan adda ta’e kan isa taasisu maalii? Macaafni Qulqulluun dhugumatti sagalee Waaqayyoo ta’uu isaatiif ragaa qabnaa? Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyoofi burqaa Waaqayyummaa kan qabu dhimmoota amantii fi dhimmoota shaakalluudhaaf deebii ga’aa kan kennuudha yoo jenne gaaffiilee gara oliitti caqasamanii fi deebii ga’aa ta’e kennuun dirqama nutti ta’a. Macaafni Qulqulluun akka labsutti ofii isaa sagalee Waaqayyoo waa’ee ta’uu isaa dhugaan dhiyaate kan ganamu miti. Kun gorsa Phaawuloos Ximootewoosii kenne irratti ifatti ni mul’ata “…mucummaa keetii jalqabdee caaffata qulqulla’aa isa kristos yesusitti amanuudhaanakka fayyitutti ogummaa siif kennuu danda’u akka barte in beekta. Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hfuura waaqayyootiin caafamebarsiisuuf balleessaa hubachiisuuf qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaafdhimma in baasa.Namni waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e hojii gaarii hundumaafis bkan qoAphaa’e akka ta’u in godha” (2 Timothy 3:15-17).

Macaafni Qulqulluun dhugumaan sagalee Waaqayyoo akka ta’e kan mirkaneessan ragaalee keessaa fi bakkee ni jiru. Ragaaleen keessaa kan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman ta’anii waa’ee maddi isaa Waaqayyummaa irraa akka ta’e kan mirkaneessaniidha. Macaafni Qulqulluun dhuguma sagalee Waaqayyoo akka ta’e kan mirkaneessan ragaaleen keessaa warri jalqabaa tokkummaa macaafichaatiin ilaalamu. Macaafni Qulqulluun kan hundaa’ee macaafota adda addaa 66 irraa yoo ta’es amma ammaatti kan walfudhate jalqabaa hanga xumuraatti kan wal-hin faallessineedha. Macaafni Qulqulluun yeroo barreeffamu tilmaammiidhaan waggoottan 1500 kan fudhate yeroo ta’u aardii sadii keessa, afaanota adda addaa sadiin, shaakala jireenyaa adda addaa kan qaban namoota 40 ta’aniin barreeffame tokkummaan kun macaafota kan biraa irraa kan adda ta’e isa taasisa. Waaqayyo karaa dinqisiisaa ta’een namoota kakkaasee sagalee isaa akka galmeessan gochuun isaa Macaafni Qulqulluu maddi isaa Waaqayyoo biraa ta’uu isaatiif ragaadha.

Macaafni Qulqulluun dhuguma sagalee Waaqayyoo ta’uu isaatiif kan mirkaneessa ragaan inni keessaa sadaffaan keessa isaatti kan mul’atan raajiileedha. Macaafni Qulqulluun raajiilee dhibbaan lakkaa’aman keessatti barreefamee jiru. Waa’ee Israa’eeliin ilaalchiise waantota dhufan tokko tokkos keessa isaatti barreefamanii jiru. Waa’ee magaalota tokko tokkoo, waa’ee ilma namaa isa dhufuu, kan Israa’eelota furu duwwaa utuu hin taane kan amanan hundumaa isa furu waa’ee Masihiichaas ni dubbata. Kitaabolee amantii kanneen biro keessatti fi raajiilee kan namoota akka Nostiraadam faadhaan dhiyaatanii utuu hin taane raajileen Macaafa Qulqulluu balinaan kan dhiyaatanidha. Dursee kan raajiin dubbatame bakka kamiinitti akka dhalatu fi maatii kam keessaa akka argamu duwwaa utuu hin taane garuu akkamiin akka du’uu fi guyyaa sadaffaatti akka kaafamu isaaf dubbatameera. Maddaa Waaqayyuummaa irraa kan dhufee yoo ta’ettii kan hafe raajiilee raawwataman salphaatti hubachiisuun hin danda’amu. Raajiilee dhufan ilaalchisee bal’inaanis ta’e tokko tokkoon akka Macaafa Qulqulluutti kan dhiyeesse macaafni amantii kan biraa hin jiru.

Macaafni Qulqulluun madda Waaqayyuummaa irraa akka argame kan ibsu inni sadaffaan inni keessaa immoo Macaafni Qulqulluun humna inni qabuun ilaalaama. Kun duraan kan dhiyaatan lamaanii wajjin yeroo ilaalamu miira irratti kan hundaa’ee yoo fakkaates waa’ee Macaafa Qulqulluu maddaa Waaqayyuummaa dhuga ba’insaa kennuun kana amansiisa qabu. Macaafota barreeffaman irraa Macaafni Qulqulluun angoo adda ta’e qaba. Aboon kunii fi humni kun ifatti kan mul’atu sagalee Waaqayyoo isa humna qabeessa ta’een jireenyi heedduun ittiin geeddaramuu isaati. Araada adda addaan kan qabaman isaan geeddaramniiru, kan hojii warra Sodoom raawwatan ittiin bilisa ba’aniiru, gowwoonnii fi kan tuffataman isaan geeddaramaniiru. Yakkamtoonni ittiin jijjiiramaniiru, cubbamoonni ittiin ifatamaniiru, isa dubbisuudhaan jibbi gara jaalalaatti jijjiirameera. Macaafni Ququlluun of keessatti humnaa fi aboo qaba. Kunis kan ta’eef sababa malee miti dhugumaan sagalee Waaqayyoo waan ta’eedhaaf malee.

Macaafni Qulqulluun dhugumaan sagalee Waaqayyo akka ta’e kan agarsiisaan ragaan alaan ta’anis jiru. Ragaalee kanneen keessaas inni tokko seenaa irratti kan hundaa’ee ta’uu isaati. Macaafni Qulqulluun dhimmoota seenaa waan gabaasuudhaaf sirrii ta’uun isaa akkuma macaafota seenaa kan biraatti madaalamuu danda’eera. Dhugaa Macaafa Qulqulluu kan mirkaneessan lafa keessa qotamanii kan argaman ragaaleen kanneen biroo fi barreeffamoonni kan biraa sirrii ta’uu isaa mirkaneessaniiru. Dhugaa Macaafa Qulqulluu kan mirkaneessan lafa soquudhaan kan argaman ragaaleenii fi barreeffamoonni gogaa irratti barreeffaman macaafota durii kaasanii jirani keessaa haalawwan seena kan galmeesse akka ta’e isa taasiseera. Macaafni Qulqulluun seenaadhaan mirkanaa’uu kan danda’u dhimmoota sirrii ta’an galmeessee qabaachuun isaa qajeelfama matadureewwan amantii ilaalchisee dhimmoonni inni galmeesse sirrii ta’uu isaanii agarsiisu isaan gararraa Waaqayyo mataa isaa irraa kan aargame ta’uu isaa mirkaneessuuf.

Macaafni Qulqulluun dhuguma Sagalee Waaqayyoo ta’uu isaatiif ragaan inni kan biraa inni alaanii amanamummaa warraa barreesseeti. Akkuma kanaan dura caqasame Waaqayyo namoota bakka addaa addaatii argamanitti gargaaramee sagalicha nuuf akka barreessan taasiseera. Jireenyi jarreen kanaa yeroo qo’annu kan dhugaa irraa ta’anii fi sirrii ta’uu isaaniitiin kan mormu umtuu hin argamne. Jireenya isaanii yeroo sakattaanu fi waan itti amananiif yeroo hunduma du’a sukkanneessaa yeroo du’an ala arginu namoonni beekkamtummaa hin qabaanne garramoonni kun Waaqayyo akka isaanitti dubbate akka amanan ifa nuuf ta’a. Namoonni kakuu haaraa barreessan kanneen biraa namoonni dhibbaan lakkaa’aman amantoonni (1 Qorontoos 15:6) dhuga qabeessa ergaa isaanii beekaniiru. Sababni isaa Yesus Kiristoos boolla keessaa erga ka’e booda arganiiru isaa wajjin turtii amma ta’es taasisaaniiru Yesuus inni du’aa ka’e arguun isaanii dhiibbaa guddaa jireenya isaanii irratti taasiseera. Leeyyoon qabamanii bakka dhokatanii ba’anii ergaa Waaqayyo jaratti mul’iseedhaaf du’uudhaaf fedhii godhataniiru jireenyi isaanii fi duutni isaanii Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyo akka ta’e mirkaneesseera.

Macaafni Qulqulluun dhuguma Sagalee Waaqayyoo ta’uu isaatiif ragaan inni kan biraa inni xumuraa kan nuyi dhiyeessinu baroota keessatti utuu hin miidhamin hafuu isaati yookiin baduu hafuu isaati. Fayida qabeessummaa isaatiin Sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa labsuun isaa Macaafni Qulqulluun macaafota seenaa keessatti mul’atani caalaa akka baduudhaaf yaaliin miidhaa taasisu heedduun irratti godhameera. Akka mootii warra Roomaa Dayikletiin kan fakkaatanii kaasee hanga bara kooministiitti fi akka warra bara keenya jiranii jiraachuu Waaqayyootti hin amannee sammuun namaa jiraachuu Waaqayyoo beekuu hin danda’u kan jidhanii kan tilmaaman namoota akkasii irraa dhiibbaa isa irra ga’u injifatee amma biyya lafaa irratti kitaabota maxxanfaman hundumaa irraa sadarkaa jalqabaa qabatee jira.

Baroota keessatti warri gantoonni Macaafa Qulqulluu akka waan dhugaa irratti hin hundoofne godhanii ilaalaa turaniiru. Saayinsiin lafa soqu garuu seenaa qabeessa ta’uu isaa mirkaneesseeraaf. Diinonni isaa barsiisa isaa kan boodatti hafee fii yeroon kan itti darbe jechuun miidhaa turaniiru. Garuu ilaalchi seeraa isaa fi seerri naamusaa kan Macaafa Qulqulluu hawaasa guutummaa naannaa adunyaa irra jiran irratti dhiibbaa taasiseera. Amma taanaanis saayinsiin, siyaasaa fi xiinsammuun dhiibbaan isa irratti taasifamaa jira. Haa ta’u malee jalqaba yeroo barreeffame akkuma ture ammas dhugaa fi barbaachisaadha. Waggoota darban 2000 keessatti macaafa adaa namoota heeddu kan baay’ee lakkaa’uudhaaf kan nama rakkisu jijjiireera. Diinonni isaa ammam isa miidhuudhaaf, balleessuudhaaf,, gatii dhabsiisuudhaaf, tattaafii taasisanus sirrummaa isaa akka eegeen itti fufa. Kunis ifatti kan agarsiisu Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo ta’uu isaatii fi humna waaqayyummaa isaatiin eegumsi kan godhamuuf ta’uu isaati. Waanti nu dinqisiisuun irra jiraatu tokko jira Macaafni Qulqulluun miidhaan ammam ga’u isa irra ga’us utuu hin geeddaraminii fi dhiibichi umaa utuu isa hin godhin hafeera. Kun hunduu erga ta’ee booda Yesuus akkas jedheera, “waaqtii fi lafti darbuuf jiruu dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu” (Maarqoos 13:3). Ragaalee irga ilaallee booddaa shakkiii malee eeyyee Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyooti jechuu dandeenya.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Macaafni Qulqulluun dhugumaan sagalee Waaqayyootii?