settings icon
share icon
Gaaffii

Waa’ee kurnaffaa baasuu kiristaanaa Macaafni Qulqulluun maal jedhaa?

Deebii


Kirstaanonni baay’een waa’ee dhimma kurnaffaa baasuutti ni rakkatu. Waldaalee tokko tokko keessatti kurnaffaa baasuunn baay’e irratti kan xiyyeeffatamedha. Aluma tokkicha, kiristaanonni heedduun waa’ee Waaqayyoodhaaf kennaa kennuu isa kan Macaafa Qulqulluun jajjabeeffame kennuu didu. Kurnaffaan/kennaan dhugumaan gammachuuf eebba. Kan nama gaddisiisu, har’a alii alii inni waldaa keessatti kan dimma qabu miti.

Kurnaffaan yaada Kakuu Moofaa ti. Kurnaffaan kan seerri nama gaaftu Israa’eelonni kan argata keessa yookin guddisan keessaa dhibbeentaa 10 gara Mana Qulaullummaa/godoo qulqulaa’aatti kennaa turan (Seera Lewotaa 27:30; Seera Lakkoofsaa18:26; Seera Keessa deebii14:24; 2 Seenaa Baraa 31:5). Dhugumatti, seerri Kakuu Moofaa kurnaffaa si’a lama gaafaa kan waluuma galatti dhibbentaa 23.3 ta’u gaafta, dhibbeentaa 10 miti isa bara keenyaatti walumaa galatti ammamtaa kurnaffaa ta’ee yaadamu. Kaan sirna arsaa Kakuu Moofaa keessatti kurnaffaa akka haala ashuuraatti hubatu lubootaaf warra Lewotaatiif kan barbaachisu hundumaa guutuuf kan kennamutti. Kakuu Haaraan kiristaanonni akka sirna kurnaffaa isa kan seeraatti qabaman bakka kamiinittuu hin abboomu. Phaawloos mantoonni waldaa gargaaruudhaaf kan argatan irraa hamma yaadan akka kennan abbooma (1 Qorontoos 16:1-2).

Kakuu Haaraa keessatti bakka kamiinittuu namni tokko galii isaa irraa dhebbentaan akka kennu kan ka’aame bakka kamiinuu hin jiru garuu “hamma walqixxaateef buusee walitti haa qabu” (1 Qorontoos 16:2) duwwaa jedha. Waldaalee kiristaanaa tokko tokko keessatti Kakuu Moofaa keessaa fakkeenya dhibbeentaa 10 fudhachuudhaa, kirstaanotaaf kennaa isaan keessatti “yoo xiqqate kan barbaachisu” akka ta’etti hojii irra oolchu. Kakuu Haaraan waa’ee dhimma barbaachisummaa fi eebba kennaa dubbata. Amma dandeenye kennuutu nurra jira. Alii alii kennaan sun dhibbeentaa 10 oli; alii alii inni isaa gadis ta’uu danda’a. Hundi isaa kan inni irratti xiyyeeffatu ammaam waldaa akka barbaachisuu fi amma dandeettii keenyaa irratti. Amntaan hunduu jdhimma kurnaffaa kennuu yookiin ammam akka kennu jabeessee kadhachuu fi ogummaa Waaqayyoon gaafachuu qaba (Yaaqoob 1:5). Hundumaan oltti, kennaan hundinuu fi kurnaffaan kaka’umsa qulqulluu ta’e fi haala Waaqayyoon Waaqaeffachuuttii fi dhagna Kiristoos yookiin waldaa tajaajiluudhaan kennamuu qaba. “Namni adduma addaan garaa duuba y ookiis giddiidhaan utuu hin ta’in, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf ta’a Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu ni jaal’ata” (2 Qorontoos 9:7).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waa’ee kurnaffaa baasuu kiristaanaa Macaafni Qulqulluun maal jedhaa?
© Copyright Got Questions Ministries