Sanbatii guyyaa yoomitti, sanbat-duraa dhaamoo dilbata? Kiristaanoonni guyyaa sanbataa eeguun irra jiraataa?



Gaaffii: Sanbatii guyyaa yoomitti, sanbat-duraa dhaamoo dilbata? Kiristaanoonni guyyaa sanbataa eeguun irra jiraataa?

Deebii:
Yeroo heedduu ni jedhama “Waaqayyo sanbata Edeenitti hundeesse” sanbataa fi uumama gidduu walitti dhufeenyi jiruu sababa, Ba’uu 20:11. Ammam illee boqonnaan Waaqayyoo guyyaa torbafffaa (Uuma. 2:3) seera sanbataa isa dhufuu yoo argisiisees, tokko illee raga macaafa qulqulluu hin qabu, ijoolleen Israa’el ardii Gibxii gadi dhiisuu isaanii fuula dura. Jecha isaa qulqulluu keessatti iddoo tokkotti illee hin mul’ane, sanbata eeguu shaakalli isaa Addaamii jalqabee hanga Museetti jiraachuu saatiif.

Sagaleen Waaqayyoo isa raawwatee ifaa godheera, sanbata eeguu Waaqayyoodhaa fi Israa’eliin gidduu malattoo addaa ta’uu isaa. “Ijoolleen Israa’elis ijoollee ijoollee isaaniif kakuu bara baraa guyyaa sanbataatti akka boqotanii fi sanbata haa eeganiif. Waaqayyo samiidhaa fi ardii guyyaa ja’aatti waan uumeef, guyyaa torbaffaatti hojii isaa irraa waan aara galfateef, anaa fi ijoollee Israa’eliin biratti mallattoo bara baraatti.” (Ba’u 31:16-17).

Keessa deebii 5, Museen seeroota isaa kurnan Israa’eloota iitti fufanii jiraanii fi dhaloota sanaaf deebise jiraachisa. Asitti, waa’ee sanbata eeguu erga aboomee booda, lakk. 12-14tti, Museen sanbanni saba Isiraa’elitiif sababa kennameef ibsa, ‘atis Gibxitti garba akka turte yaadhadhu Waaqayyo Waaqi kee hirree jabaa fi harka dirireen achii si baasee kanaafis Waaqayyoo waaqni kee guyyaa sanbataa akka eegduuf si aboome” (Keessa deebii 5:15).

Waaqayyoo sanbata saba Israa’eliif yaadi inni laateef uumama akka hubataniif hin ture, haa ta’uu malee garbummaa Gibxii isaaniiti fi fayyisuu Waaqayyoo akka hubataniif. Sanbata eeguudhaaf wantoota guutamuun irra jru hubadhaa, achittii seera sanbataatti namni taa’ee mana isaa guyyaa sanbataatti dhiisee deemuu hin danda’uu (Ba’uu 16:29), abida qabsiisuu hin danda’uu, (35:3) akkasumas waa tokkoo illee hojjeechuu hin danda’u (Keessa deebii 5:14). Seera sanbataa namni diigee ni ajeefama ture (Ba’uu 31:15, Seera lak. 15:32-35).

Fuula kakuu moofaa qorachuun faayida qabeesa kan ta’ee kutaa afur nu argisiisa 1) Kristoos qaama du’aa ka’uutiin yeroo mul’atuu, guyyaan heeramee yeroo hundumaa guyyaa jalqaba torbanitti (Maati 28:1, 9, 10, Maar 16:9, Luq 24:1, 13, 15, Yoha 20:19, 26). 2)Hojii ergamootaatti hanga mul’ataatti yeroo inni sanbata heeree Yihudootaaf kaayyoo wangeelaatti yoomi illee yeroo hundumaa godoo walga’itti (Hoji.erg. 13-18). Phaawulos barreessera, “Yihudoota giddutti akka Yihudootaan ta’ee Yihudoota fayyisuudhaaf” (1ffaa Qoro 9:20). Phaawulos gara godoo walga’I kan innii deemu tokkummaadhaa fi qulqullootaa wajjin qulqullaa’uuf hin ture, haa ta’uu warra badan cubbuu isaani itti argisiisuudhaaf fayyisuuf ture. 3)Phaawulos al tokkoo “yeroo kana booda gara ormaan deema” erga jedhee boodaa (Hoji.erga 18:6), sanbatni raawwatee lamaffata hin heeramne. Fi 4) Guyyaa sanbataa wajjin yaada walitti hidhatee jiruu kennuu caalaa, kakuu haaraan faallaa isaatti kan innii cimsee mul’isuu (kanaa olitti kan heeraman tuqaa adda addaa dabalatee Qolaa 2:16 irratti ni mul’atu).

Kanaa olitti tuqaan jruu tuqaa arfaffaa baay’ee itti siqnee ilaaluun amantootni kakuu haaraa sanbata eeguudhaaf dirqama hin qaban akkasumas immoo kan inni argisiisuu kan dilbataa “sanbata Kristoos” yaadi kunnis kan macaafa qulqulluu miti. Olitti akka ibsamee al tokkoo qofa sanbati kan heerame, Phaawulos ormoota irratti xiyyaafachuu erga eegalee booda, “Egaa nyaataan, yookaan dhugaatiin yookaan waa’ee guyyaa ayyaanaa yookaan waa’ee guyyaa sanbataa eenyu iyyuu isinitti hin murteesin isaan kunnii gadiduu wanta dhufuuf jiruuti inni dhugaan garuu kan Kristoos.” (Qola 2:16-17). Sanbatii Yihuudootaa fannoo irratti dhabamsifameera, Kristoos “aboomii isaa irratti kan barreesse barreefama nutti hin tolle dhabamsiise (Qola 2:14). Yaadi kun kakuu haaraa keessatti irra deddeebi’ameera: “Namni kun guyyaan tokkoo guyyaa biraa irra akka wayyuu yaada, sun garuu guyyaan hundumtuu tokko akka ta’eetti yaada, tokkoon tokkoon isaanii yaada mataa isaatiin jabeessee hubata. Guyyaa kan kabajuu Gooftaadhaaf jedhe kabaja” (Room.14:5-6). Amma garuu Waaqayyon yeroo beektanitti caalattis Waaqayyoodhaan yeroo beekamtanitti keessa deebitani gara isa dadhabaaf tufatamaa gara barumsa isa jalqabaatti akkamitti deebituu? Ammas garboota taatanii irra deebitani isa sanaaf bitamuudhaaf barbaaduu? Guyyaadhaa fi baatii baraa fi waggoota of eegannoodhaan in eegattu” (Galaa 4:9-10).

Warri tokko tokkoo garuu cimsani dubbatu, jechuun Qosxinximioosiif bakka bu’umsa kennameen bara araaraa 321 sanbatni sanbata xiqqaa irraa gara dilbataatti jijjiirameera kan jedhu. Waldaan kiristaanaa isheen durii waaqefannaadhaaf kan isheen walitti qabamtuu guyyaa kam turee? Qulqulluun sagalee isaa kan sanbataa (sanbata xiqqaa) walga’iin jiraachuu isaa raawwatee in ibsuu, tokkummaa amantootaafis ta’e waaqefannaadhaafis. Ta’us keeyyatni ifa ta’e jiru, torban guyyaa jalqabaatti akka godhamu. Fakkeenyaaf Hoj.Erg. 20:7 “Torban keessaa guyyaa jalqabaa buddeena cabsachuudhaaf walitti qabamne” jedha. 1ffaa Qoro 16:20 Phaawlos amantoota Qorontos ni yaadachiisa ture, “torban keessaa guyyaa jalqabaa tokkoon tokkoon akka isaaf mijateetti horii isaa haa teesisuu” jedha. phaawuloos kennaa akka “tajaajilaatti” erga mogaassee booda 2ffaa Qoro 9:12 irrattii horiin kun walitti qabamuun isaa dirqamatti kan inni ittiin wal qabatuu walgahii kiristaanootaa tajaajila waqeefannaa dilbataa wajjin. Haala seenaatiin dilbatni sanbata xiqqaa osoo hin taanee waldaa kiristaanaatti guyyaa dhaabataa amantootni itti walitti qabaman ture, kanaaf shaakallii isaa gara booda irratti gara jaarraa tokkooffaatti guyyaan sun itti fufa.

Sanbatni kan kennamee Israa’eliif malee waldaa kiristanaatiif miti. Sanbatni ammas sanbata xiqqaa dha, dilbata osoo hin taanee, akkasumas raawwatee hin jijjiiramne. Haa ta’uu malee sanbatni qaama seera kakuu moofaati, akkasumas kiristaanoonnii garbummaa seeraa irraa walaba ba’aaniiru (Gala 4:1-26, Room. 6:14). Sanbata eeguun kiristaanoota irraa hin eegamuu_ sanbata xiqqaas ta’ee dilbata. Guyyaan jalqaba torbanii, dilbatni guyyaa gooftaa (Mul.1:10) uumama haaraa ni kabaja, Kristoosi wajjiin akkuma keenya mataa du’aa ka’uu. Kan Musee boqonnaan sanbataa akka hordoofnu hin dirqisifamnu, haa ta’uu malee du’aa isa ka’ee Yesuus tajaajiluu hordofuudhaaf amma bilisa baanera. Ergamaan Phaawulos akka jedheetti tokkoon tokkoon kiristaanaa yookaan nama dhuunfaa waa’ee boqonnaa sanbataa murteesutu irra jiraata, “namni kun guyyaa tokko guyyaa biraa irra akka wayyutti yaada, inni kan biraan garuu guyyaan hundumtuu tokkoo akka ta’eetti yaada, tokkoon tokkoon namaa sammuu mataa isaatiin cimsee hubata” (Room.14:5). Waaqayyooni guyyaa hundumaa hin waaqesinu, sanbata xiqqaa yookaan dilbata osoo hin taane.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Sanbatii guyyaa yoomitti, sanbat-duraa dhaamoo dilbata? Kiristaanoonni guyyaa sanbataa eeguun irra jiraataa?