Macaafa Qulqulluu doggoroota, faallaawwan, yookaan garaagarummaa qabaa?



Gaaffii: Macaafa Qulqulluu doggoroota, faallaawwan, yookaan garaagarummaa qabaa?

Deebii:
Macaafa qulqulluu califnee yoo dubbifne, dogogora barbaaduudhaaf dursee kan yaadamee ilaalcha dogogoraatiin osoo hin taanee, tokkummaa kan qabuu, jabaa, fi kanuma cinaani macaafa hubachuu dandeenyuu dha. Beekamaa dha, keeyata rakkisaa ni qabaata. Beekamaa dhaa, wali wali isaa wal falleessuudhaan kan mul’atan lakkoofsi ni qabaata. Dirqamatti yaadachuu wanti nuyii qabnu, macaafni qulqulluun kan barreefamee tilmaamaan namoota barreesitoota afurtama ta’aaniin, tilmaaman waggaa 1500 keessatti. Tokkoon tokkoon barreessaa tooftaa mataa isaati adda ta’een kan barreesse, ilaalcha adda ta’een, dhageefatoota adda ta’en, kaayyoo adda ta’en. Garaagarummaa murtaa’ee akka qabaatuu ni eegna. Ta’us garagarummaan faallaa miti. Akka dogoggoraa godhamee kan fudhatamuu dha, ammam illee raawwate karaa ittiin yaadamu hin qabu, lakkoofsoota yookaan dubbifamni dhugaa ba’uu kan danda’an. Ammam illee deebiin amma yoo hin argamne kana jechuun deebii hin qabaatu jechuu miti. Baay’een dogoggora qabaachuu kan danda’uu macaafa qulqulluu keessaa argataniiru seenaadhaa fi teessuma lafaa wajjiin kan wal qabatee, macaafni qulqulluun sirii dha dabalataan raga haftee durii tokko yoo agame jechuudhaaf.

Nuyii yeroo hundummaa gaaffiiwwaan ni fudhana, sarara hundumaa irratti “lakk. Kun akkamitti akka waliin morman ibsi” yookaan “ilaalii, asitti macaafa qulqulluu keessatti dogogori jira,” kan jedhan. Akka dhugaa isaa yoo ta’ee, namoonni kan isaan fidan wantootni tokkoo tokkoo deebisuudhaaf rakkisaa dha, ta’us, inni falmi keenya, kan dheebuu baasuu fi beekumsaan deebii amansiisaa ta’e tokkoon tokkoon isaati fi kan yaadame wal faalleessuu macaafa qulqulluu fi dogoggoroota qabaata. Macaafootaa fi toorri interneetii ni argamu, “dogoggorroonni kan macaafa qulqulluu hundumtu” tarreefama jedhuu kan qabatan. Namoonni baay’een salphaatti kan ittiin lolan raga kan argatan bakka kana irraati. Dogogora mataa isaanii hin barbaadan. Akkasumas immoo macaafaa fi toorri interneetii ni argama, isaan dogoggor yaadaman kanaan kan wal falman. Wanti gaddisisaan, baay’een macaafa qulqulluu namoonni dhiiban, deebii isaati fi laphee isaanii irraa fedha kan hin qabne ta’uu isaaniti. Baay’een “macaafa qulqulluu kan dhiibaan” deebii kana ni beekuu, haa ta’uu malee wal fakkaataa kan ta’an kan yeroon itti darbee dhiphummaa dhiibbaa isaanii deebi’ani deddeebi’anii itti fufu.

Kanaafis, namni tokko kan nama shakkisiisu dogoggora kan macaafa qulqulluu yeroo nuuf dhi’eesuu maal gochuutu nura jiraata? 1) Qulqulluu sagalee isaa kadhataan dubbisuu fi furmaatni salphaan akka jiru ilaalu. 2) Ibsituu macaafa qulqulluu fayyadamuun, fi qorannoo macaafa qulqulluu toora interneetii tokko tokko taasisuun akkasuma Macaafa Qulqulluuf kan deeggarsa godha macaafa tokko tokkotti gargaaramuun qayyabannaa giddu galleessa adeemsiisu. 3) Paasteroota/geggeesitoota waldaa gaafachuu, waan ittiin hiika argatan akkasumatti ilaaluudhaaf. 4) Kan sadarkaa 1, 2 fi 3 booda irra ifa kan ta’ee deebiin yoo hin argamne, Waaqayyotti in amannaa, sagalichi dhugaa ta’uu isaa, akkasumas furmaata in qabaata, amma salphaatti hubachuu kan hin dandeenye (2 Xiimo 15, 3:16-17).


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Macaafa Qulqulluu doggoroota, faallaawwan, yookaan garaagarummaa qabaa?