settings icon
share icon
Gaaffii

Hiikeera. Akka kitaaba qulqulluutti lammaffaa fuudhuu nan danda’aa?

Deebii


Yeroo hundumaa gaaffillee akka kanaa ni fudhanna “sababa sababa kanaaf hiikeera. Lammaffaa fuuchuu nan danda’aa? “Lammata hiikeera _ hiriyaan gaa’ilaa koo isheen jalqabaa ejjiteetti, inni lammaffaa wal madaaluu dadhabuu dha. Yeroo sadii nama hike jaalladheera_ inni jalqabaa wal madaaluu dadhabuu dha, inni lamaffaa karaa isaatiin ejja raawwatameen, inni sadaffaa karaa haadha manaatiin ejja raawwatamee dha. Wali wali keenya fuudhuu ni dandeenyaa?” gaaffillee kana fakkaataan deebisuudhaaf baay’ee rakkisaa dha, sababni isaa kitaabni qulqulluun tarreefamaan waan hin argisiifneef, ilaalcha addaa addaa kan ilaalate, hiiku booda waa’ee gaa’ila jiru.

Sirritti beekuu kan dandeenyuu, hidhati wal fuudhan lammanuu jireenyatti hanga jiranitti akka turan karoora Waaqayyoo ta’uu isaati (Um. 2:24, Mat. 19:6). Gaa’ila lammaffaatiif qophaa isaa kan amansiisuu hiiku boodee wanti ta’u ejja (Mat. 19:9), kunis yeroo ta’uu illee kristaanoota giddutti wal falmisiisaa dha. Kan ta’u kan biraan gargaartuu dhiisuu dha _ hiriyaan gaa’ilaa hin amannee hiriyaa gaa’ilaa amannee dhiise yeroo deemu (1Qor. 7:12-15). Ammam illee dubbifamni kun gaa’ila lammataa adda baasee yoo ibsuu baatees, gaa’ilatti hidhamee akka jiraatu qofa argisiisa, innis immoo kan qaamaa, kan saal-qunamtii, yookaan miira akka malee miidhamee sababa gahaa ta’uu danda’a, hiikuudhaaf lammata deebi’ee fuudhuuf. Kan ta’es ta’e kitaabni qulqulluun kana adda baasee hin barsiisu.

Wantoota lama sitrritti ni beekna. Waaqayyo wal hiikuu jiba (Milk. 2:16), Waaqayyo haraara qabeessaa fi dhiisaa dha. Hiikuun hundumtuu bu’aa cubbuuti, hiriyaa gaa’ila gar tokkoon yookaan gar lachuutiin ta’us. Waaqayyo wal hiikuudhaaf haraara ni godhaa? Akkamitti! Wal hiikuun cubbuu isa kaan caalaa dhiifama kan hin arganne miti. Cubbuun hundumtuu dhiifama argata, amantii Yesuus Kristoositti qabuun (Mat. 26:28, Efe. 1:7). Waaqayyo cubbuu wal hiikuu kan dhiisu yoo ta’ee, sun lammaffaa fuuchuudhaaf bilisa jechuudhaa? Ta’uu hin danda’u. Waaqayyo yeroo tokko tokkoo namootni osoo hin fuudhiin akka hafan waamuu danda’a (1Qor. 7:7-8). Osoo hin fuudhiin hafuun akka abaarsaatti yookaan akka adabaatti ilaalamuu hin qabu, ha ta’uu malee Waaqayyoon laphee guutuudhaan tajaajiluuf kan jiru ta’uu malee (1Qor. 7:32-36). Sagaleen Waaqayyoo nutti hima hawwiidhaan gubachuu caalaa fuudhuun kan wayyu akka ta’e (1Qor. 7:9). Yeroo tokko tokkoo wal hiiku booda gaa’ila lammaffaatiif faayidaa irra oolu danda’a.

Kanaaf, gaa’ila lammaffaa gochuu ni dandeessuu, yookaan isin irra jiraataa? Gaaffii kana deebisuudhaaf hin dandeenyu. Walumaa gala, sun isiniif hiriyaa gaa’ilaa keessan giddutti akkasumas keessumatti Waaqayyoodhaan. Gorsi olaanaan nu kennuu dandeenyu waa’ee keessaniif gara Waaqayyootti kadhachuu, ogummaaf, maal akka gootan akka fedhu kan ilaalate (Yaq. 1:5). Sammuu banamaa ta’een kadhadhaa, akkasumas gooftaa qajeelummaadhaan kadhadhaa laphee keessanitti fedha isaa akka kaa’uu (Faru. 37:4). Fedha gooftaa barbaadaa (FKn. 3:5-6) qajeelfama isaas hordofaa.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hiikeera. Akka kitaaba qulqulluutti lammaffaa fuudhuu nan danda’aa?
© Copyright Got Questions Ministries