settings icon
share icon
Gaaffii

Kadhanaan maaliif?

Deebii


Kristaanootaaf, kadhanaan akka hafuura baafanaati kan ilaalamu, gochuuf salphaa kan ta'ee, gochuu irra caalaa. Sababa adda addaatiif ni kadhanna. Waan tokkoof, kadhanaan Waaqayyoon tajaajiluu dha (Luqaas 2:36-38) fi isaaf aboomamuu dha. Waan nu kadhannuuf Waaqayyoo akka kadhannuuf waan nu aboomeef (Filliphisiyus 4:6-7). Kadhannaan nuuf kirstanummaan kan durii waldaa kiristaanaa fakkeenya nuuf ta'era (Maariqos 1:35, Hoji ergamootaa 1:14, 2:42, 3:1,4:23-31, 6:4, 13:1-3). Yesuus kadhannaan ta'uu kan qabuu akka ta'ee erga yaadee, nuuf immoo ni ta'aa. Inni fedha abbaan akka turuu kadhachuun erga barbaachiise, nus kadhachuun akkamitti nu barbaachiisaa?

Kadhachuudhaaf sababni inni biraan Waaqayyoo kadhanaan akka godhamuu waan inni barbaadeef haaloota baay'eedhaaf furmata isaa argachuudhaaf. Murtoollee barbaachisoo ta'aaniif qophaa'uuf ni kadhanna (Luqaas 6:12-13), guf'annaa seexanaa mo'uudhaaf (Maatte. 17:14-21), hojjeetoota waan hafuuraa walitti qaban walitti qabuuf (Luqaas 10:2), qormaata darbuuf humna argachuuf (Maattehos 26:41), kan biroo waan afuuratti cimuuf mala argachuuf (Efesoon 6:18-19).

Gara Waaqayyoo kan dhufnuu gaaffiiwwan keenya muraasa wajjin, kanaaf Waaqayyoon abdii qabna, kadhannaan keenya akkasumaan akka hin taanee, kan gaafanne bifa adda ta'een fudhachuu yoo baanees (Maattehos 6:6, Roome 8:26-27). Inni abdii nuuf kenneera, wantoota tokko tokkoof akka fedha isaatti yoo kadhanne, waan nu kadhanne nuuf laata (1ffaa Yohaannis 5:14-15). Yeroo tokko tokkoo deebii isaa ni tursa, akka ogummaa isaafi bu'aa keenyaaf. Haaloowwan kana keessatti, kadhanaadhaan jajjabaachuu fi itti fufuun nurra jiraata (Maattehos 7:7, Luqaas 18:1-8). Kadhanaan, Waaqayyoo biyya lafaa irratti fedha keenya akka godhuu akka meeshaa godhamee argamuun irra hin jiraatu, ta'us garuu caalaatti Waaqayyoo fedhi isaa biyya lafaa irratti akka raawwatu kan ittiin godhu malee. Ogummaan Waaqayyoo kan keenya irra baay'ee caalaa.

Fedha Waaqayyoo adda baafnee haaloota hin beekneen, kadhanaan fedha isaa karaa ittiin beeknuu dha. Dubartiin Sooriyaa, mucaan ishee Gaanenitti kan duraa qabamee, Kristoosiin osoo hin kadhannee, mucaan ishee hin fayyuuf ture (Maariqoos 7:26-30). Jaamichi Hiyaarikoo ala kan turee Yesuusiin osoo hin waamne, jaamaa ta'ee hafa ture (Luqaas 18:35-43). Waaqayyoo jedheera, osoo hin argatiin kan hafnuuf waan hin gaaffaneef (Yaaqob 4:2). Karaa tokkoon, kadhanaan namoota wajjin wangeela hirmaachuu dha. Eenyuu wangeelaaf deebii ergaa akka kennuu hin beeknu hanga hin hirmaatneetti. Karaa wal fakkaataan, deebii kan argatee kadhanaa raawwanne arguu hin dandeenyu, hanga hin kadhanneeti.

Hir'inni kadhanaa Waaqayyoo irratti kan qabnuu amantii fi amanamuu nutti hir'isa. Kan nu kadhanuuf Waaqayyoo irratti kan qabnuu amantii keenya ibsuudhaaf, sagalee isaan kakuu akka nuuf galee akka nuuf raawwatuu, jireenya keenya irraa hafaa akka nu eebbisuu, kan kadhanee yookaan abdii kan godhanee kan caaleen (Efesoon 3:20). Kadhanaan kan duraa karaa keenya, Waaqayyoo namoota kan biroon yeroo hojjetuu ilaaluuf. Sababni isaa, inni humna Waaqayyoo wajjin 'kan wal qabsiifnu' karaa ta'uu isaan, innis seexanaa fi loltoota isaa karaa ittiin moonuu dha, ofi keenya mo'uudhaaf humna-malessa ta'uu keenyaan. Kanaaf Waaqayyoo teessoo isaa duratti yeroo hundaa kan nu argatuu ha taanu, samii irratti angafa lubaa waan qabnuuf innis karaa nuun irra deemnu hundumaa adda baasee kan beekuu (Ibiroota 14:15-16). Abdii isaa qabna, jechuun garaa irraa kan ta'ee kadhanaa nama qajeelaa bu'aa baay'ee qaba (Yaaqob 5:16-18). Waaqayyoo maqaa isaa jireenya keenya irratti ha ulfeessu, isatti akka amannu yeroo hundaa akka ta'uutti kadhannaan gara isaatti dhi'eesuuf.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kadhanaan maaliif?
© Copyright Got Questions Ministries