Waa’ee wal hiikuu fi deebsanii gaa’ela dhaabachuu Macaafni Qulqulluun maal jedhaa?



Gaaffii: Waa’ee wal hiikuu fi deebsanii gaa’ela dhaabachuu Macaafni Qulqulluun maal jedhaa?

Deebii:
Hunduma dura, dhimma wal gadhiisuu kana irratti ilaalchi qabnu rakkina hin fidu, Milkiyaas 2:16: kan jedhu yaadachuun barbaachisaadha “namni haadha mana isaa gadhiisuu an nan jibba jedha waaqayyo gooftaan inni kan Israa’eel.” Akkaa Macaafa Qulqulluutti gaa’illi bara jireenyaa hundumaatti amanamamuu kan gaafatudha. “Egaa isaan lama miti foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise namni gargar hin basin jedhe” (Maatewoos 19:6). Ga’eelli namoota cubbamoota lama kan h irmaachisuu waan ta’eef walgadhiisuun akka ta’uuf danda’u Waaqayyo ni beeka. Kakuu Moofaa keessatti mirga kana dhowwuudhaaf seerrata tokko rokko dhaabeera, keessattuu dubartoota (Seera Keessa deebii 24:1-4). Yesuus seeronni kun kan kennamanii turan gara jabeenya namaa sababa taasifachuudhaan akka ta’e Yesuus eereera, jarri fedhii Waaqayyoo waan ta’aniidhaaf miti (Maatewoos 19:8).

Akkaataa Macaafa Qulqullulutti falmiin waa’ee gaa’eela diiguu fi deebisanii ijaaruu hayyamamuu jalqaba jecha Yesus isa Maatewoos 5:32 fi 19:9 irra nanaanna’a. Gaaleen “yoo isheen eejjite malee” jedhu wal hiikuu fi deebisanii fuuchuu ilaalchiisee hayyama Waaqayyoo kennuu kan danda’u caaffata qulqull’aaoo keessaa waraabbii isa tokkicha. Namoonni kana hiikan baay’een isaanii “gaalee addaa kana” kan inni ilaallatu yeroo “walkaadhimmatanitti” “walfuudhuudhaaf amanamummaa dhabuu” akka ta’etti hubatu. Akka aadaa Yihudootaatti, dhuurrii fi dubartiin yeroo wal kaadhimatanii jiranitti illee akka waan wal fuudhaniitti ilaalamu. Akka ilaalcha kanaatti, yeroo walkaadhimatanii jiranitti yoo ejjan walhiikuu akka danda’aniidhaaf sababa fudhatama qabu akka ta’e dha.

Haa ta’u malee, jechi Girikii gara “yoo isheen eejjite malee” gara jedhutti hiikame jecha cubbuu walquunnamtii saalaa kamiinuu ilaalchuu danda’adhu. Inni ejja, sagaagaluu, halalummaa kan fakkaatanitti hiikamuu danda’a. Yesus yoo ejji hojjetame walhiikuun akka danda’amu dubbataa jira. Walquunnamtiin saalaa namootaa gaa’eelan walitti hidhamaniif bakka bu’uura ta’e qaba. Lachaan isaanii foon tokko ta’u (Seera Uumamaa 2:24; Matewoos 19:5; Efesoon 5:31). Sababa kanaatiif gaa’elaan alatti walqunnamtii saalaa kamiinuu walitti hidhamuu kana cabsuun wal hiikuudhaaf sababa ta’uu danda’a. kanaaf egaa, Yesus mataan isaa sammuu isaa keessatti waa’ee deebisanii fuuchuu qaba. Gaaleen, “kan biraa fuudhe” (Maatewoos 19:9) kan agarsiisu akka danda’amaa ta’ettiidha akkaataa fakkeenya gaalee adda ta’e kanatti, yoo akka akkas ta’utti hiikames. Lamaan isaanii keessa kan cubbuu hin hojjenne duwwaatu lammee fuuchuudhaaf mirga akka qabaatu beekuun barbaachisaadha. Ta’us caaffata kana keessatti hin ibsamne, lammee fuuchuunii fi hiikuun nama isa cubbuu isa irratti hojjeetameedhaaf araara Waaqayyoo duwwaadha, garuu isa cubbuu ejjaa hojjeteef miti. “Inni yakka hojjeetees” lammee fuuchuudhaaf fakkeenyi jiraachuu danda’a garuu caaffata kana keessatti hin caqasamne.

Kaan 1 Qorontoos 7:15 akka kan “adda ta’e” gara biraatti hubatu yoo abbaan manaa yookiin haati manaa hin amanne amanataa isa ta’e yoo hikelammee fuuchuun yookiin heerumuun akka danda’amu akka hayyamutti hubatu. Haa ta’u malee, qabiyyeen kun lammee fuuchuu yookiin heerumuu hin caqasu, garuu qaamni hin amanne yoo gaa’ela sana hiike qaamni amanataa ta’e immoo isa sanatti akka qabamee hin afne dubbata. Yoo inni Macaafa Qulqulluu keessatti kan hin caqasmne ta’e illee kaanqaama kan biraa irratti yookiin mucaa irratti dhiibbaan yoo taasifame wal hiikuun akka danda’amu ni dubbatu. Inni kun tarii sababa baay’ee gaarii ta’uu danda’a, garuu sagalee Waaqayyoo irratti tilmaamuun ogummaa ta’uu hin danda’u.

Alii alii falmii gaalee adda ta’e kana irratti badna dhugaa isa “gaa’elaaf amanamummaa dhabuun” jechuun wal hiikuudhaaf hayyama malee, sanaaf dirqama miti. Yoo ejji raawwatame illee, qaamni inni hafe, karaa ayyaana Waaqayyootiin, dhiifama gochuu fi gaa’eela jaraa deebisee ijaaruu danda’a. dhugumaan fakkeenya isaa duukaa buunee cubbuu ejjaa kana illee dhiisuu dandeenya (Efesoon 4:32). Haa ta’eu malee, fakkeenya baay’eetiin warri walfuudhanii jiran dhiifama walii hin godhan, cubbuu ejjaatiinis itti fufu. Inni bakka Maateewoos 19:9 hojii irra itti ooluu danda’uudha. Baay’een wal hiikuu booda utuu Waaqayyo akka jarrii kobaa isaanii jiraatan utuu barbaadu gaa’ela kan biraa deebisanii dhaabuudhaaf hariifatu. Waaqayyo yaadi isaanii akka bakka lamatti hin qoodamneef akka jarri kobaa ta’an waama (1 Qorontoos 7:32-35). Haala tokko tokko keessatti deebisanii gaa’eela dhaabuu tarii akka carraati, garuu inni carraa isa tokkicha jechuu miti.

Namoota hin amanin irra caalaa Kiristaanota akka ta’an kan dubbatan gidduuttu ammamtaan wal hiikuu guddaa ta’uun isaa baayee kan nama gaddisiisu. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo wal hiikuu akka jibbu bal’inaan ifa taasisa (Milkiyaas 2:16) walitti araaramuunii fi dhiifama waliif gochuun immoo amala amanataa dhugaa ta’uu qaba (Lusuqaa 11:4; Efeesoon 4:32). Haa ta’u malee, wal hiikuun akka ta’u Waaqayyo ni beeka, ijoollee isaa gidduutti iyyuu. Kan wal hiikanii fi lammee deebisanii fuudhaan Waaqayyoon xinnii akka jaal’atamanu isaanitti dhaga’amuu hin qabu, yoo wal hiikuun/lammee walfuuchuun gaalee addaa Maateewoos 19:9 jalatti hammatamuu danda’uu dhabaate ille. Waaqayyo yeroo baay’ee hojii gaarii raawwachuudhaaf illee abboomamuu diduu kiristaanotaatti illee ni gargaarama.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Waa’ee wal hiikuu fi deebsanii gaa’ela dhaabachuu Macaafni Qulqulluun maal jedhaa?