settings icon
share icon
Gaaffii

Cuuphaan Hafuura Qulqulluu maalidha?

Deebii


Cuuphaan Hafuurra Qulqulluu hojii Hafuurri Waaqayyoo yeroo fayyinaatti amanataa gara dhagna Kiristoos keessatti tokkummaa Kiristoosii wajjinii fi amantoota gara biraa wajjin gara qabaachuutti dabaluudhaaf hojjetuttamutti tarii hiikamuu danda’a.

Tokkoffaan Qorontoos 12:12-13 cuuphaa Hafuura Qulqulluu ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessatti iddoo giddu galeessa: “Nuyi Yihudoonni, warri Yihudoota hin ta’inis, warri garbummaa jala jiran warri birmaduunis hundumti keenya dhagna tokko ta’uudhaaf hafuura tokkoon cuuphamneerra, nuyi hundumti keenya akka dhugnuufis hafuurri qulqulluun inni tokkichi nuuf kennameera” (1 Qorontoos 12:13). Ta’us Romaan 6:1-4 Hafuura Waaqayyo adatti hin caqasu, bakka amantootin fuula Waaqayyoo duratti qabaatan karaa keeyyata 1 Qorontoosii wajjin walfakkaatuun agarsiisa: “Egaa ayyaanni Waaqayyoo akka baay’atuuf cubbuutti jiraachuu itti fufnaaree? Kun matumaa hin ta’u! Nuyi warri cubbuu jalaa duune, si’achi attamitti cubbuu jala jiraannaree? Yookiis nuyi warri Kiristoos Yesusitti dabalamuudhaaf cuuphamne du’a isaattis isatti dabalamuudhaaf akka cuuphamne ni wallaaltaniiree? Nuyi cuuphamuudhaan dau’a isaatiin isatti dablamnee isaa wajjin awwaalamneerra; Kiristoos humna abbaa isa hulfina-qabeessaan warra du’an keessaa akkuma kaafame, nus immoo jireenya haaraatti ni jiraanna.”

Dhugaaleen kanatti aananii jiran cuuphaa Hafuuraatiif hubannaa keenya cimsuudhaaf barbaachisoodha: Tokkoffa, 1 Qorontoos 12:13 , hunduu cuuphamanii akka turan ifatti ibsa, akkuma hunduu dhuguudhaaf hafuurri kennmeef (Hafuurri keessa namaa jirachuu). Lammaffaa, Caaffata qulqulaa’oo keessatti bakka kamiinttuu amantoonni akka ittiin cuuphaman itti hin imamne, keessatti yookiin Hafuuraan, yookiin karaa kamiinuutiin akka cuuphaa Hafuura Qulqulluu barbaadan. Inni kun amantoonni hundinuu shaakala kana qabu akka turan agarsiisa. Sadaffaa, Efeson 4:5 waan cuuphaa Hafuura Qulqulluu ilaallatu fakkaata. Inni kun sababa taanaan, cuuphaan Hafuuraa amantaa hundumaaf dhuguma ture, akkuma “amantii tokko” fi “abbaa tokkoo” faa.

Xumura irratti, cuuphaan Hafuura Qulqulluu waanta lama hojjeta, 1) dhagna Kirstoosiitti nu dabala 2) isaa wajjin du’uu keenya dhugoomsa. Dhagna isaa keessa ta’uu jechuun nuyi gara jireenya haaraatti isaa wajjin kaafamneera jechuudha (Roomaa 6:4). Achumaan nuyi dhagni sun sirriitti akka hojjetuuf kennawwan hafuuraa keenya shaakaluu qabna akka qabiyyee 1 Qorontoos 12:13 keessatti dubbatametti. Cuuphaa hafuura tokkichaa shaakaluun keenya tokkummaa waldaa akka eegnu nu gargaara akkaata qabiyyee Efeson 4:5 keessa jirutti. karaa cuuphaa Hafuuraatiin Kiristoosii wajjiin du’a isaa, awwalamuu isaa fi du’aa ka’uu isaa isaa wajjin walii galuun keenya humna cubbuu nu keessa jiraatu irraa adda baafamuu keenyaa fi jireenya haaraadhaan deddeebi’uu keenyaaf bu’uura kaa’a (Roomaa 6:1-10; Qolaasayis 2:12).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Cuuphaan Hafuura Qulqulluu maalidha?
© Copyright Got Questions Ministries