settings icon
share icon
Gaaffii

Seeggaa rukutuun-akka Macaafa Qulqulluutti cubbuudhaa?

Deebii


Macaafni Qulqulluun seeggaa rukutuun ifatti hin caqasu yookiin cubbuu ta’uu isaa fi dhiisuu isaa umaa hin dubbatu. Seera Uumamaa 38:9-10 keessatti Macaafni Qulqulluun irra deddeebi’uudhaan seeggaa rukutuu ilaalchisee seenaa Awunaanii akka ta’e agarsiiseera. Muraasni dubbisa “sanyii kee lafa irratti dhangalaasuun” cubbuudha jechuudhaan hiiku. Ta’us garuu dubbisa isaa isa sirriidhaan kan jedhe miti. Waaqayyo Awunaaniin irratti kan farade “sanyii isaa dhangalaasuu” isaatiin miti garuu Awunaan obboleessa isaatiif dhaala dabarsuu dirqama isaa ta’uu isaa diduu isaatiin. Keeyyatichi jechaa kan jiru waa’ee sanyii dhangalaasuun miti garuu waa’ee dirqama maatii guutuuti. Seeggaa rukutuun cubbuu ta’uu isaa akka mirkaneessaatti alii alii kan hojii irraa oole Maatewoos 5:27-30 ti. Yesuus yaada fedhii cubbuu qabaachuu sirrii akka hin taane dubbateera, “harki kee mirgaa yoo sigufachiisee muiriitii gati” jechuun dubbateera. Haala walfakkaatuun seeggaa rukutuu fi keeyyata kana gidduu walfakkeenyummaan waan jiruuf seeggaa rukutuun kan Yesuus caqasaa ture dha jechuun kan hin fakkaannee dha.

Macaafni Qulqulluun waa’ee seeggaa rukutuun cubbuu ta’uu isaa bakka kamiinittu caqasuu dhabaatus gara seeggaa rukutuutti kan nama geessuu danda’an hundinu cubbuun kan guutaman ta’uun isaanii fi ta’uu dhiisuun isaanii gaaffii umaa hin qabu. Seeggaa rukutuun yeroo heedduu yaada ejjaa, walqunnamtii saalaaf of kakkaasuu, yookiin bu’aa fakkiiwwan walqunnamtii saalaaf nama kakkaasaniiti. Kan irratti xiyyeeffannoon laatamuufii qaban jarreen kana. Yoo hawwiinii fi fakkeenyonni, yaadni naamusa gaarii hin qabne, walquunnamtii saalaaf nama kaakkaasan irraanfatamanii fi moo’aman, seeggaa rukutaan waanta dhimma qabu miti. Namoonni heedduun seeggaa rukutuudhaan cubbamaa tauun isaanitti dhaga’amee rakkatu dhugumaan gara kanaati kan nama geessan caalaatti qalbii diddiirannaan jara barbaachisa.

Dhimma seeggaa irratti hojii irra oolfamuu kan qaban qajeelfama kan Macaafa Qulqulluu ta’an waantonni murtaa’oon jiru. Efeesoon 5:3 “Akka warra Waaqayyoodhaaf qulqulaa’aniitti jiraadhaa malee halalummaan xuraa’ummaan hundinuu sasatis isin gidduutti hin dhagaa’amin iyyuu” jechuun dubbata. Seeggaa rukutuun akkamiin qorumsa adda ta’e sana dabarsuu akka danda’u ilaaluun ulfaataadha. Macaafni Qulqulluun 1Qorontoos 10:31 irratti, “egaa yoo nyaattan yookiin yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa hulfina Waaqayyoof hojjedhaa” jechuun barsiisa. Waanta tokkoof Waaqayyoodhaaf ulfina kennuu dadhabnaan hin raawwattu. Namni sun kan inni hojjetu Waaqayyoon akka gammachiisu guutummaatti yoo hin amannne cubbuudha. “waanti amantiidhaan hin hojjetamne hundinuu cubbuudha” (Roomaa 14:23) jedha.

Dhagni keenya akka bitamaniidhaaf Waaqayyoodhaaf akka ta’an yaadachuu qabna. “Dhagni keessan mana Qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isa isin keessa jiruu ta’uu isaa hin beektaniiree? Hafuura kanas Waaqayyo biraa argattan mana qulqulluummaa hafuura isaas erga taatanii, isin kan ofii keessanii miti. Waaqayyo gatiidhaan isin bitate, kanaaf guutumma dhagna keessaniin waan inni ittiin galateeffamu hojjedhaa” (1Qorontoos 6:19-20). Dhagna keenyaan kan raawwannuun dhugaan inni guddaan kun ilaalcha sirriidha. Akkaataa ilaalcha qajeelfama kanneeniitti seeggaa rukutuun cubbuudha kan jedhu kan Macaafa Qulqulluu irraa ta’e dha. Ifatti seeggaa rukutuun kan Waaqayyf hulfina kennu miti, bifa naamusa gaarii dhabuu ittisuus ta’e, qormaata Waaqayyo dhagna keenya irratti abbummaa qabaachuu isaa hin darbu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Seeggaa rukutuun-akka Macaafa Qulqulluutti cubbuudhaa?
© Copyright Got Questions Ministries