settings icon
share icon
Gaaffii

Amantaa qindaa’eetti maaliifan amanaa?

Deebii


“Amantaa” hiika galmee jechootaa kan fakkaatuu “Waaqayyooti yookaan waaqa tolfamaatti amanuu dha, waaqessuu fi yeroo hundumaa kan isa ibsuu amalaa fi seera waaqefannaatiin, wanta kamiin illee amantaa adda addaa, seera waaqefannaa k.k.f.. yeroo hundumaa seera namuusa gaarii of keessatti qabata.” Akka ibsa kanaatti macaafni qulqulluun waa’ee qinda’ummaa amantaa ni dubbata, haa ta’uu malee sababa baay’eedhaan “Qinda’uma amantaa” kaayyoo isaati fi wali galii isaa Waaqayyoon kan gammachiisu miti.

Seera uumamaa 11 tarii qinda’ummaa amantaa mudannoon jalqabaa sanyiin Nohii mataa ofii isaani qindeessanii siida Babiloon ijaaran, ajaja Waaqayyoo kabajuu caalaa addunyaa mara guutuudhaaf. Isaanis kan isaan amanan tokkummaan isaanii baay’ee faayida qabeessa akka ta’eetti walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qaban caalaa. Waaqayyoo giduu galee afaan isaani waliin dha’ee akkasumas qinda’uma amantaa isaanii diige.

Seera Ba’uu 6 akkasumas kan itti fufu, Waaqayyoo amantaa “ni qindeesse” saba Israa’eliif. Aboommii kudhan seerota mana qulqullummaa isaa ittiin ilaalanii fi, seerri aarsaa isaa hundumtuu kan ittiin dhaabatan Waaqayyoodhaan yeroo ta’uu Israa’elonnis isa kana hordofu turan. Kakuu haaraa irratti qayyabannaan godhamee dabalataan ifaa akka godhutti, dhugaan amantichaa fayisaan Masihi babaachisuu isaa argisiisuudhaaf (Galaa 3, Room7). Ta’us baay’een kana dogogoraan hubataniiru, akkasumas seera isaatiif seera waaqefannaa isaa ni waaqeffatuu Waaqayyoon caalaa. Seenaa Israa’el keessatti, baay’een isaa Israa’elootaan walitti bu’insi adeemsifamuu, amantaa qinda’een kan adeemsifamu walitti bu’iinsa. Fakkeenyi of keessatti kana qabatuu waaqefannaa Baa’al (Abbota Firdi 6, 1ffaa Mooto 18), Daagoon (1ffaa Saamu 5), fi Moolok (2ffaa Mooto 23:10). Waaqayyo amantaa kana kan hordofan ni mo’ate, olaantummaa isaatii fi hundumaa gochuu isaa.

Wangeela keessatti Faarisootaa fi Saadiqoota yeroo Kristoositti kan turee qinda’ummaa amantaa bakka bu’anii argisiisu. Yesuus osoo gargar hin kutiin isaniin mormee ture. Waa’ee barumsa sobaa isaaniti fi waa’ee jireenya of arguu dhabuu isaanitiif. Ergadhaan kan qinda’aan obboloota turan, isaaniis wangeela kan murtaa’ee hojii barbaachiisaa fi tarreefama seera waaqeffannaa wajjin kan walin makan. Isaan immoo amantoota irratti dhiibbaa godhu turan, akka jijjiiramaniif isaan kana “eda’ama kiristaanummaa” amantii akka fudhatan. Galaatiyaa fi Qolasaayiis waa’ee amantii akkanaa of eegachiisa kennaniiru. Macaafa Mul’ataa keessatti amantaan qindaa’ee Addunyaa irratti dhiibbaa qabaata,mormituun Kristoos akkuma amantaa addunyaa kanaa tokkoo akkuma qindeessuu hundumaa. Dhimma baay’eedhaan amantaan qinda’ee raawwati isaa dhumaa badiisa Waaqayyo biraa ta’eeni dha. Haa ta’uu malee macaafni qulqulluun kaayyoo isaa kan ta’an amantoota qinda’aan waa’ee isaani hin dubbatu. Waaqayyoo isaan kana amantoota qindaa’aan obboloota “waldoota kiristaanaa” jechuudhaan waama. Macaafa hojii ergamootaa fi ergaa keessaa kan argaman ibsi kan inni argisiisuu waldaan kiristaanaa qinda’umaan qindoofte wal degerti. Qinda’umni ishees gara dhorkuutti, bu’a qabeessummaatti, fi gara gahumsaatti qajeelcha (Hoji.Erg 2:41-47). Waldaa kiristaanaa kan ilaalate “ijaarsa walitti dhufe” jedhamee yoo waamame wayya.

Amantaa Waaqayyoo dhaa wajjin tokkummaa gochuun yaalii namaati. Amantiin kristaanummaa walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin godhamuu dha, inni hunduma keenyaa fi kan godhee haarsaa karaa Kristoosiitiin. Gara Waaqayyo ga’uudhaaf karoori hin jiru (inni gara keenya waan gaheef- Roome 5:8). Of jajuun hin jiruu (hundumtuu ayyanaan fudhatu –Efe 2:8-9). Walitti bu’iinsa taayitaa hin barbaachiisu (Kristoos mataa dha_ Qola 1:18). Murtiin dursuu tokkoo iyyuu hin jiru (hundumti keenya Kristoosiin tokko- Galaa 3:28). Hin qinda’aan yoo ta’e rakkoo hin qabu. Seeraa fi seera amanta irratti xiyaafachuu dha rakkoo kan qabu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Amantaa qindaa’eetti maaliifan amanaa?
© Copyright Got Questions Ministries