settings icon
share icon
Gaaffii

Utuu Yesus cubbuu keenyaaf hin du'in dura namoonni akkamiin fayyu turan?

Deebii


Kufaatii namaatii jalqabee, fayyinaaf bu'uurri yeroo hundumaa du'a Kirstos ture. Namni ka mille, fannoodhaan dura yookiin fannoodhaan asi, seenaa keessatti ta'umsa guddaa barbaachisaa tokko malee, fayyuudhaaf hin danda'u ture. Duuni Kirstos gatii cubuu isa darbee kan qulqulloota Kakuu Moofaa fi cubbuu isa fuulduraa kan qulqulloota Kakuu Haaraa kaffaleera.

Fayyinaaf waanti barbaachisaa ta'e yeroo hundumaa amantii dha. Fayyinaaf amantii nama tokkoo keessatti kanbarbaachisu yeroo hundumaa Waaqayyoo dha. Farfatichi 'Warri isatti kooluu galan haa gammadan!' jechuun barreesse (Faarsaa 2:12). Seera Uumamaa 15:6 Abrahaam Waaqayyotti amanee innis qajeelinatti isaaf lakaa'amuu isaatii ga'aa akka ture nuttii hima ( darbees Roomaa 4:3-8 ilaali). Sirni aarsaa Kakuu Moofaa cubbuu nama irraa hin fuudhu, akkuma Ibrootin10:1-10 ifatti barsiisu. Haa ta'u malee, gara guyyaa Ilmi Waaqayyoo cubbuu dhala namaatiif dhiiga isaa dhangalaasu agarsiiseera.

Baroota gidduutti kan jijjiiramaa ture qabiyyee amantii amanataa tokkooti. Waanta amanamuu qabu kan Waaqayyo gaafatu ammaamtaa mul'ata yeroo sana keessatti nama sanaaf kennamu irratti hundaa'a. Inni kun mul'ata jijjiiramaa adeemu jedhama. Addaam mul'ata Waaqayyo Seera Uumamaa 3:15 keessatti kennetti amane isa sanyiin dubartittii Seexana injifatu. Addaam Isatti amane, maqaa Hewaani moggaaseenis agarsiise (lak. 20) Gooftaanis kal'ee isaniitti uwwisuudhaan fudhachuu Isaa aluma sana agarsiise (lak. 21). Yeroo sanatti waanti Addaam beeke sanuma, garuu isatti amaneera.

Abraahaam akkaataa abdii fi mul'ata haaraa Waaqayyo Seera Uumamaa 12 fi 15 keessatti isaaf kenneen Waaqayyoon amane. Museen duraa caaffatni caafame hin turre, garuu sanyiin dhala namaa waanta Waaqayyo isaaf mul'isutti gaafatamaa ture. Guutummaa Kakuu Mmoofaa keessatti, Waaqayyo gaaf tokkko rakkina cubbuu isaaniitiif akka dhimmamu yaaduudhaan gara fayyinaatti dhufu turan. Har'a, gara booddeetti ilaalla, Inni dursee rakkina cubbuu keenyaatiif fannoo irratti waanta barbaachisu akka raawwate amanuudhaan (Yohaannis 3:16; Ibroota 9:28).

waa'een amantoota bara Kirstos ture turanii'oo, du'aa ka'uu fi fannoo dura? Jarri maal amananii? Kirstos cubbuu jaraatiif fannoo irratti akka du'u bifa guutummaa isaa hubataniiruu? Tajaajila isaa gara dhumaatti, 'Yeroo sanaa jalqabee, Yesus gara Yeruusaleem akka dhaqan harka maanguddootaatiin harka luboota warra angafootaa fi barsiisota seeraatiin guddaa dhiphachuun ajjeefamuun guyyaa sadaffaatis du'aa kaafamuun akka isa irra jiru bartoota isaatti mul'isuutti ka'e' (Maatewoos 16:21-22). Deebiin duukabuutotaa ergaa kanaaf maal ture? 'Pheexroos immoo gara bukkeetti isa qabee 'Waaqayyo si haa oolchu!' 'kun sirratti dhufuun hin ta'uuf'' jedheen. Pheexroosi fi ergamoonni kan biroon dhugaa guutummaa isaa hin beekne, jarri amma iyyuu fayyanii turan sababni isaa rakkoo cubuu isaaniitiif Waaqayyo akka waanta barbaachisu raawwatu amananiiru. Inni akkaataa kamiin isa sana akka raawwatu sirriitti hin beekne, Adaam, Musee, yookiin Daawiit kan beeku irra caalaa, garuu jarri Waaqayyoon amananiru.

Har'a, namoota du'aa ka'uu Kirstos dura jiraachaa kan turan irra kan caalu mul'ata qabna; bifa guutummaa isaa beekna. 'Bara duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa gara garaatiin raajotaan abboota keenyatti dubbateera. Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan waaqaa fi lama uume waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe' (Ibroota 1:1-2). Amma illee fayyinni keenya du'a Kirstos irratti hundaa'a, amantiin keenya fayyinaaf amma illee barbaachisaadha, amantii keenyaaf waanti barbaachisu amma illee Waaqayyoodha. Har'a, nuuyiif, qabiyyeen amantii keenyaa Yesus Kirstos cubbuu keenyaaf du'e, awwaalamee, guyyaa sadaffaa isaatti ka'uu isaati (1 Qorontoos 15:3-4).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Utuu Yesus cubbuu keenyaaf hin du'in dura namoonni akkamiin fayyu turan?
© Copyright Got Questions Ministries