Yesus dhugumaan ni jiraa? Yesus jiraachuu isaatiiff ragaan seena qabeessa ta’e jiraa?



Gaaffii: Yesus dhugumaan ni jiraa? Yesus jiraachuu isaatiiff ragaan seena qabeessa ta’e jiraa?

Deebii:
Yeroo heedduu, gaaffiin kun yeroo gaafatamu, namni kana gaafataa jiru gaafficha gaaffii , “Macaafa Qulqulluun alaa” taasise jira. Macaafni Qulqulluun jiraachuu Yesusiif akka madda ragaatti fudhatamuu akka hin dndeenye yaada jedhu kana hin fudhannu. Kakuun Haaraan waa’ee Yesus Kiristoos eertuuwwan dhibbaan lakkaa’aman qabatee jira. Barreeffamuu wangeelaa erga Yesus du’ee waggoota 100 booda jaarraa lammaffaa keessa akka ta’e kan dubbatan jiru. Inni kun sababa ta’ee turu illee (isa nuyi jabeessinee ittiin falminu), akkaataa raga bara duriitti, erga ta’umsichi ta’ee booda barreeffamoonni waggootta 200 dura ta’an, akka raga amanamoota ta’aniitti ilaalamu. Darbees, beektonni arki heedduun (kirstaanotaa fi kan kiristaanota hin ta’in) barreeffamoonni Phaawloos (jara keessaa tokko tokko) giddu gala jaarra jalqabaa keessa Phaawloosiin barreeffamanii turan, Yesus erga du’e waggoottan 40 gad kan ta’anu keessa. Akka ragaalee barreeffamoota duriitti, jaarraa jalqabaa keessaa namni Yesus jedhamu Israa’eel keessa jjiraachaa akka ture inni kun raga guddaa cimaadha dha.

Bara 70 keessa warri Roomaa magaalaa Yeruusaaleem akka weeraranii akka diigan jiraattotas Israa’eelota heedduus akka ajjeessan beekuun barbaachisaadha. Guutummaan magaalattii ibiddaan gubatte bade. Ragaaleen Yesus Kiristoos heedduun isaa yoo balleeffameera ta’e egaa dinqifachuu hin qabnu. Yesusiin ijaa isaaniitiin arganii kan dhugaa ba’an baay’een jaraa ajjeeffamaniiru ta’a. Dhugaalee kunniin jiraachuu lakkoofisa warra Yesusiin ija isaaniitiin arganii dhugaa ba’anii tarii daangessaniiru ta’a.

Tajaajilli Yesus akka waanta barbaachisaa hin taaneetti bittaa warra Roomaa golee xinnii keessatti daangeffamee akka ture yaada keessa galfachuudhaan, odeeffannoon dinqisiisaan heedduun galmee seenaa keessaa haqamuu ni danda’a. Jiraachuu Yesusiif ragaalee seena qabeessi caalaa barbaachisaa tan muraasin warra kanatti aananii jiran haammata:

Taktus namni Roomaa jaarraa jalqabaa, namni waa’ee seenaa barreessuu fi qoratu kan baay’ee amanamaa ta’e, nama waanta uumamaan olii ta’e hojjetu “kiristaanna” (Christus irraa isa Laatiiniintti Kiristoos ta’e), bara Xibaariyoos moo’ee turetti Phaanxoos Philaaxoos jalatti rakkina kan arge eereera. Su’etonus kan jedhamu immoo, Mooticha Hadrianiif barreessaa kan ture, namnio Yesus jedhamee waamaa ture tokko (yookiin Kiristoos) jaarraa jalqabaa keessaa jiraachaa tureerea jechuun barreessera. 2099 (galmeessa 15.44).

Flaviyaas Josefaas qorataa seenaa baakmaa nama Israa’eeliti. Haambaalee isaa keessatti Yaaqoobiin kaa’eera, “Obboleessa Yesus, isa Kiristoos jedhamee ture.” Waraabbiin morkii kaasu tokko jira (18:3) innis kan jedhu, “Amma waa’ee yeroo kanaa Yesus, namni ogeessi, nama jedhanii waamuun yoo seera qabeessa ta’eef. Inni hojiin jajjabaan dinqisiisaan akka uumamu taasiisee ture… inni Kiristoos ture… guyyaa sadafaatti jiraataa ta’e lammee jaratti mul’ate akkuma raajonni kan Waaqayyoo kanaa fi waa’ee isaa waantota dinqisiisaa kuma kudhan dursanii dubbatanii turan.” Hiikini tokko akkasitti dubbifama, “ Yeroo kanatti namni ogeessi tokko kan Yesus jedhamu ture. Amalli isaa gaarii ture [innn] ba’eessa akka ta’etti beekama ture. Yihudoota keessaa fi saboota kan biraa keessaa namoonni heedduun duuka buutuu isaa ta’anii turan. Philaaxoon akka fannifamuu akka du’u isaratti faradee. Garuu duuka buutuu isaa ta’anii kan turan duuka buutuu isaa ta’uu jaraa hin ganne. Erga fannifamee guyyaa sadii booddee akka isaanitti mul’ate gabaasaniiru, innis akka jiraataa ture; sababa kanaatiif tarii inni Masihicha ture, raajonni isa dinqii dubbataniif.”

Julius Afriikanus nama seenaa barreessaa ta’e Thallusiin eereera mare dukkana fannifamuu Kiristos booddee ture irratti (Barreeffa amma iyyuu jiru, 18).

Pliny inni angafni, Xalayaa 10:96 keessatti, shaakala waaqeffannaa kiristaanota jalqabaa galmeesseera Kiristaanonni Yesusiin akka Waaqayyootti waaqeffachuu isaanii dabalatee baay’ee naamusa qabu akka turan, irbaata jaalaatiif irbaata gooftaas keessatti dabalee eera.

Barreeffamin warra Baabloonotaas (mana maree 42a) gaafa jelabultii ayyaana faasikaatti fannifamuu Yesusii fi falfala shaakaluu jadhamee akkasuma Yihudonni amantii isaanii akka gananuuf jajjabeessuu isaatiin himatamuu isaa ni mirkaneessa.

Luukiyaan kan Samosata barreessaa Giriikii kan jaarraa lammaffaa keessa ture Yesus kiristaanotaan akka waaqeffatame, barsiisa haaraa akka beeksise, fi jaraafis fannifame akka turekan fudhatu. Barsiisi Yesus obolummaa amantootaa, barbaachisummaa geeddaramuu, fi barbaachisummaa waaqoat gara biraa ganuu ni haammata jedheera. Kiristaanonni akkaataa seera Yesusitti jiraataniiru, ofii isaaniis akka hinduunetti amananiiru, du’a tuffachuus amaleeffataniiru, ofii isaanii kennuuf fedhaqaboota, qabeenyaa lafa kanaa kan ganan.

Maraa Baar-Seraphiyoon Yesus nama ogeessaa fi bayeessa akka tureetti yaadama akka ture, namootaa heedduudhaanis mootii Isaraa’eel ta’uuf akka jedhutti akka ilaalame, Yihodotaan akka ajjeefamee ture, akkaataa barsiisa duuka buutota isaattis akka jiraate ni mirkaneessa.

Achumaanis barreeffamoota warra Gnostikii (beekumsi nama fayyisa jechuun kan amana) hundumaa qabna (Wangeela dhugaa, mul’ata Yohaannis, wangeela Toomaas, barreeffamoota du’a ka’uu irrattii, kanaaf kana kan fakkaatan) sun hundinuu Yesusiin caqasa.

Dhugaadhumatti, wangeela madda kan kiristaanaa kan hin taane irraa gara walitti ijaaruu danda’u geenyeera: Yesus Masiihicha jedhamee waamameera (Joosefas), “falfala” hojjeteera, Israa’eelota gara barsiisa haaraatti geggeesseera, jaraaf gaafa ayyaana faasikaa fannnifameera (Barreeffamin warra Baabloonotaa) Yihudaa keessatti (Taakitus), garuu Waaqayyo akka ta’etti dubbateera deebi’uus ni danda’a (Elii’ezar), duuka buutonni isaa kan amanan, akka Waaqayyooniitti isa waaqeffataniiru (Pliiney isa angafa).

Jiraachuu Yesuusiif raga baay’eetu jiru, kan Macaafa Qulqulluu fi kan biyya lafaa keessa. Tarii akka Yesus jiraachaa ture ragaan inni guddaan jaarraa jalqabaa keessa amantoonni heedduun jiraachuu isaaniiti, ergamoota kudha lamman dabalatee, Yesus Kiristoosiif jireenya jaraa wareegama godhanii kennuu isaaniiti. Namoonni dhugaadha jedhanii waan amananiif lubbuu jaraa dabarssanii kennu, garuu soba ta’uu isaa kan amananiif namni kami iyyuu hin du’u.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Yesus dhugumaan ni jiraa? Yesus jiraachuu isaatiiff ragaan seena qabeessa ta’e jiraa?