settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus du'a isaa fi du'aa kaafamuu isaa gidduutti gara si'ol dhaqeera?

Deebii


Gaaffii kana ilaalchisee waanti waliin dha'aamaa guddaa isaatu jira. yaadin ikun jalqabaa beeksifannaa amantii isa kan Ergamootaa irraa dhufe, 'Inni gara si'olitti gad bu'e.' Darbees caaffatoonni muraasini jiru, akkaataa jarri hiikaman irratti hundaa'ee, Yesus gara si'ool akka dhaqe kan agarsiisu. Dhimma kana qo'achuu keessatti, jalqaba waa'ee du'aa Macaafni Qulqulluun maal akka barsiiu hubachuun barbaachisaadha.

Caaffattoota Ibrootaatiin, jechi bakki warra du'anii agarsiisuuf itt gargaaramu Sheol dha. Inni salphaadhumatti 'bakka warra du'anii' agarsiisa yookiin 'bakka lubbuu/hafuura adda ba'eeti.' Jechii Girikii kan Kakuu Haaraa keessatti si'oolii fi itta gargaarame 'qileedha' isa darbees 'bakka warra du'anii' ilaallattu. Caaffattoonni Kakuu Haaraa tokko tokko immoo si'ol/qileen bakka yeroo gabaabaadhaaf ta'e bakka lubbuuwwan du'aa kaafamuu fi firdii isa xumuraa argachuudhaaf itti eegamnii jiran akka ta'etti agarsisu. Mul'atin Yohaannis 20:11-15 garaa garummaa jara lamaan gidduu jiru ifa taasisa. Si'ol (kuufama ibiddaa) warra hin fayyineef bakka firdii iddoo dhaabbataadhaaf kan xumuraati. Qileen bakka yeroodhaaf ta'edha. Kanaaf, Yesus gara Si'ol hin deemne sababni isa Si'ol bakka isa fuula duraati kan hojii irraa kan oolchifamu firdii teessoo isa adichaa booddeedha (Mul'ata Yohaannis 20:11-15).

Si'ol/qileen bakka lamatti waan qoodameedha. (Maatewoos 11:23, 16:18; Luuqaas 10:15, 16:23; Hojii Ergamootaa 2:27-31), bakka fayyanii fi warri hin fayyinee. Bakki jireenyaa warra fayyannii 'Jannata' jedhama yookiin 'bobaa Abraahaam.' Bakki jireenyaa warra fayyanii fi hin fayyinee bowwaa guddaadhaan garaa gara qoodamee jira (Luuqaas 16:26). Yesus yeroo gara waaqaatti ol ba'e, Jannata keessa kan jiran (amantoota) ofii isaa fudhateera (Efesoon 4:8-10). Si'ol/qileen garri tokko kan warra hin fayyinee akkuma jirutti hafeera. Warri hin fayyine kan du'anu firdii isaanii isa xumuraa eeggachuudhaaf gar asana deemu. Yesus gara Si'ol/qilee deemeera? Eeyyee, akkaataa Efesoon 4:8-10 fi 1 Pheexroos 3:18-20.

Waantonni bita namatti galan tokko tokko keeyyattoota akka Faarsaa 16:10-11 irra ka'u akka hiika Igiliffaan King James itti hike, 'Lubbuu koo Si'ooliif hin dhiiftu'oo tolaa kees badiisa haa arguuf hin kennitu'oo...ati karaa jireenyatti nama geessu na barsiifta.' 'Si'ol' waraabbichaaf hiika sirrii niti. Kan sirri ta'uu qabu, 'boolla' yookiin 'sheol' ture. Yesus isa cina isa ture hattichaan, 'har'a galgala anaa wajjin jannata keessa taata' (Luuqaas 23:43). Dhagni Yesus boolla keessa ture; lubbuu isaatii gara jannataa yookii qilee/si'ol gara tokko dhaqe. Achumaan inni amantoota hundumaa kan achi turan gara ofii isaatti gara waaqaatti ol fudhate. Kan nama gaddisiisu, hiika Macaafa Qulqulluu heedduu keessatti kan hiikaa turan, akkaataan jarri jechoota 'si'ol,' 'qilee' fi 'sheol' afaan Ibrootaa fi Giriikii hiikaan sirrii hin turre.

Kaan Kiristoos cubbuu keenyaaf adabamuudhaaf gara bakka rakkinaa si'ol/qilee akka deemee ture kan yaadan jiru. Yaadni kun guutummaa guutuutti Macaafa Qulqulluu irraa miti. Fayyina keenyaaf duuti Yesus fannoo irratti fi bakka keenya rakkinni inni arge ga'aadha. Dhiqamuu cubbuu keenyaa dhiiga isaa inni fannoo irratti dhangala'e ni argamsiisa(1 Yohaannis 1:7-9). Akkuma inni fannoo irratti fannifameen, inni ba'aa cubbuu nama hundumaa ofii isaa irratti fudhate. Nuuf jedhee cubbuu ta'e: 'Isa cubbuu tokko illee hin qabne nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka arganutti nuuf jedhee cubbamaa isa godheera' (2 Qorontoos 5:21). Adabbiin cubbuu kun wallaansoo Kiristoos iddoo dhaaba wayinii Geeteshimaanii keessattii xoofoo cubbuu wajjin fannoo irratti isa irratti dhangala'dhaaf jiru akka hubannu nu gargaara.

Kiristoos fannoo irratti 'Oh, Yaa Abbaa maaliif na dhiifte?' (Matewoos 27:46), jedhee iyye, inni yeroo Abbaa isaattii gar gar ba'ee ture sababa cubbuun isa irratti dhangala'e ture irraa kan ka'e. Akkuma hafuura isaa kenneen, inni 'yaa Abbaa koo hafuura koo harka keettan kennadha' (Luuqaas 23:46) jedhe. Rakkinni isaa bakka keenyaa raawwatamee ture. Hafuurri/lubbuun isaa gara kutaa qilee isa jannataa dhaqte. Yesus gara qilee hin dhaqne. Rakkinni Yesus yeroo inni du'e raawwatame. Gatiin cubbuu kaffalamee ture. Inni sana booddee dhagni isaa du'aa kaafamuu fi gara ulfina isaatti ol-deebi'uu eggaa ture. Yesus gara si'ol deemeeraa? Lakkii. Yesus gara qilee/Sheol deemeera? Eeyyee.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus du'a isaa fi du'aa kaafamuu isaa gidduutti gara si'ol dhaqeera?
© Copyright Got Questions Ministries