settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus Kiristoos eenyu?

Deebii


Akka gaaffiin 'Waaqayyo jiraa?' waa'ee jiraachuu Yesus kan shakkan namoota muraasa qofa. Yesus Kiristoos waggoota 2000 dura biyya Israa'eel keessa deddeebi'aa nama ture ta'uu isaa ni fudhatu. Gaaffiin kan ka'u yeroo eenyummaa Yesuus kaasuun jalqabamuudha. Manneen amantaa hundinuu Yesus nama raajii, barsiisaa gaarii fi nama gaarii ta'uu isaas ni barsiisu.

C.S.Lewis kitaaaba isa Mere Christianity jedhu keessatti kanatti aanee kan jiru arganna, 'Namoonni heedduun waa'ee isaa (Yesus Kiristoos) kan jedhan jecha gowwummaa hambisuuf yaalaattan jira. Yesus Kiristoosiin akka nama naamusaa isa guddichaatti fudhachuudhaaf qophaa'oodha. Garuu Waaqayyo ta'uu isaa hin fudhadhu. Isa kana egaa jechuun kan nurra hin jiraanne. Yesus Kiristoos kan hojjetee fi kan barsiise akkuma nama barsiisaa naamuusa gaarii ta'e duwwaatti hojjetamuu kan dand'u miti. Namni akkasii yookiin maraatuta'uutu irra jira. Yookiin immo Seexana Gaannamaa ta'uu danda'a. filachuutu sirra jira namini kun ilma Waaqayyoo ture. eeyyeen yookiin maraatuu yookiin kan is asana gararraa ture jechuudha. Gowwaadhaa jettee isa bira darbuu, itti tufuu, Jinniidha jettee isa ajjeesuu dandeessa. Yookiinis Waaqa koo tookiin Gooftaa koo jettee milla isa jelatti kufuu dandeessa. Garuu hafuuraa gad aanaa bifa agarsiisuun barsiisaa guddaa jechuun of hin jejinu. Inni kun filannoo isaa keessa hin jir. Filannoo akkasii akka qabaannuuf fedhii isaa hin turre. '

Kanaaf ani eenyuudha jedhee labsee? Macaafni Qulqulluun waa'ee eenyummaa isaa maal nuun jedhaa? Duraan dursinee jecha Yesus Yohaannis 10:30, irraa haa ilaallu 'Abbaani fi ani tokkicha' irra keessa isaa duwwaa yeroo ilaalamu, labsii Waaqayyummaa fakkachuu dhiisuu danda'a. jecha isaa kanaaf deebii Yihuudotaa duwwaa ilaaluun ga'aadha. ''Ati Waqayyoon waan arrabsiteef malee hojii gaarii waan hojjetteef dhagaadhaan kan si dhoofnu miti ati nama taatee utuma jirtuu Waaqayyoon of goota'oo jedhanii deebisaniif'' (Yohaannis 10:33). Yihudoonni jecha Yesus labsii Waaqayyummaa ta'uu isaa galeef. Waraabbii itti aanaanitti Yesus Yihudotaan, 'Ani akkan Waaqayyo ta'en dubbadhe' jechuun isaan hin sirreessine. Kun kan mirkaneessu Yesus dhugumaan Waaqayyo ta'uu isaa dubbachuu isaati 'Abbaani fi ani tokkicha' (Yohaannis 10:30) Yohaannis 8:58 irrattis fakkeenya gara biraa jaratti dubbate, 'Dhuguma dhuguman isinitti hima, Abrihaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture.' kanaaf Yihuudonni Yesuusitti darbachuudhaaf dhagoota funaannatan (Yohaannis 8:59) Yesuus waa'ee eenyummaa isaa 'Ani jira' jedhee dubbachuun isaa kakuu moofaa keessatti Waaqayyo maqaa ittiin waamamaa ture itti gargaaramuu isaa agarsiisa (Seera Ba'uu 3:14). Maarree jarri akka arabsootti kan lakkaa'an labsii Waaqayyummaa isaa ta'uu dhabaannaan Yihudoonni sababa maaliitiin dhagaadhaan isa rukutuuf ka'anii?

Yoohannis 1:1 akkas jedha''Sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.' itti fufuudhaanis Yoohannis 1:14 akkas jedha, 'Sagalichi nama foonii ta'ee' jedha. Kun sirriitti kan inni ibsu Kiristoos Waaqa foon uffate te'uu isaatii. Bartuun Gooftaa Toomaas, 'Gooftaa ko Waaqayyo ko' jechuudhaan Kiristoos Waaqayyo ta'uu isaa dubbate (Yoohannis 20:28). Yesuus isa hin sirreessine. Ergamaan Phaawloos akkas jechuudhaan isa ibsa,'Yesus Kiristoos inni Waaqayyo keenya isa guddicha fayyisaa keenya (Tiitoos 2:13). Ergamaan Pheexroosis akkauma kana jedha, Waaqayyo keenyaa fi fayyisaa keeenyaa Yesus Kirstoos (2 Pheexroos 1:1). Waaqayyo abbaanis waa'ee eenyummaa Yesus guutummaatti akkas jedha, 'waa'ee ilmaa garuu, Teessoon kee yaa Waaqayyo, baraa hamma bara garaatti, uleen mootummaa kees ulee qajelummaatti' Raajiiwwan kakuu moofaas waaqayyummaa Yesus akkas jechuun dubbatu, Mucaan nuuf dhalateera, Ilmis nuuf kennameera humni mootummaa isaa gateettii isaa irra jira. Maqaan isaa Gorsaa, Dinqii, Waaqayyo jabaa, Abbaa bara baraa, Angafa nagaa ni jedhama (Isaayyaas 9:6).

Egaa akka C.S. Lewis agarsiisuutti, Yesus Kiristoosiin akka barsiisaa gaarii duwwaatti fudhachuun filannoo miti. Yesus ifatti kara amanamuun Waaqayyoon ta'uu isaa dubbateera. utuu inni Waaqayyo hin taanee, egaa inni sobduudha, egaa raajiis miti, barsiisaa gaarii nama Waaqayyoos miti. Jechawwan Yesus ibsuudhaaf 'beektonni' bara si'anaa yeroo yaalii taasisan 'Yesus inni dhugaan seenaa keessatti mula'ate' isa Macaafni Qulqulluun waa'ee isaa dubbatu amala isaa waan baay'ee inni hin dubbanne jedhu. Sagaleen Waaqayyoo kan waa'ee Yesusiin ilaalchisee kan dubbatuu fi kan hin dubbanne mormuudhaaf nuyi eenyuu? 'beekaan' tokko, waggoota kuma lama dura isaa wajjin kan jiraatan, tajaajilan, Yesus mataa isaa irraa kan baratan caalaa akkamiin kan beekuu danda'uu? (Yohaannis 14:26).

Gaaffiin waa'ee eenyumaa Yesuus maaliifii akkas kan barbaachisaa ta'e? Yesus Waaqayyo taus ta'uu dhabaatus maaliif dhimma keenya taasifannaa? Sababni inni guddaan Yesuus Waaqayyo yoo ta'uu dhabaate duuti isaa cubbuu biyyaa lafaa araarsuuf hin ta'u jechuudha. 1Yohaannis 2:2. Waaqayyo duwwaadha adabbii akkasii kan dhuma hin qabne fudhachuu kan danda'u. (Roomaa 5:8; 2 2 Qorontoos 5:21).Yesus Waaqayyo ta'uu qaba gatii keenya akka nuuf kaffaluudhaaf. Yesus nama ta'u qaba du'uu akka danda'u. fayyuun kan argamu Yesuus Kiristoosiin qofa. Waaqayyummaa Yesuusiitis karaan fayyinaa karaa Yesus duwwaa akka ta'u kan godhe Yesus waaqa waan ta'eedhaaf akkas jedhee kan labseef, 'karichi, dhugaan, jireenyis ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu' (Yohaannis 14:6).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus Kiristoos eenyu?
© Copyright Got Questions Ministries