settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyoon eenyutu uumee? Waaqayyo eessaa dhufe?

Deebii


Falmiin namoota gantootaa fi warri amantiittii hin qabne yeroo hundumaa waanti hundinuu erga waanta irraa argaman qabaachuun barbaachisaa ta’e, Waaqayyos waanta irraa argame qabaachu qaba kan jedhudha. Goollabbiin isaa erga Waaqayyo waanta irraa argame qabaachuun barbaachisee Waaqayyo Waaqayyoon miti (Waaqayyos Waaqayyoon hin taane taanaa dhugumaan Waaqayyo hin jiru). inni kun salphaadhumatti gaaffiilee isa hundee ta’e “ Waaqayyoon eenyutu hojjete” kan jedhuudhaaf kan walxaxaa ta’e dha. Waanti tokko umaa irraa akka hin argamne namni hundinuu ni beeka. Kanaaf, Waaqayyo “waanta tokko” yoo ta’e inni ka’umsa qaba, sirriidhaa?

Gaaffiichi waan nama gowwomsudha sababni isaa innni tilmaammii sobaa keessa dhokata innis Waaqayyo bakka ta’ee dhufe itti aansuun inni sun tarii eessa akka ta’uu gaafata. Deebiin isaa gaafichumt iyyuu illee namaa hin liqimfamu. Inni “fooliin halluu cuquliisaa maal fakkaata?” jedhanii akka gaafachuuti. Cuquliisini yookiin bifti waaqaa waantota foolii qabaatan keessatti hin ramadamu, kanaaf gaaffichi mataan isaa fudhatama dhabeera. Karaadhuma tokkichaan, Waaqayyo rammaddii waantota uumamanii yookiin argamanii keessa hin jiru. Waaqayyo kan argame yookiin kan uumame miti- Inni salphaadhumatti jiraata.

Isa kana akkamittiin beekna? Nuyi humaadhuma irraa humaan akka dhufu ni beekna. Kanaaf, yeroo utuu guutummaatti humtuu hin jiraatin yeroon illee jira utuu ta’e, egaa umtuu gara jiraachuutti hin dhufu ture. Garuu waantonni ni jiraatu. Sababa kanaaf, yeroo guutummaatti umtuu iyyuu hin jiraatin waanti tokko yeroo hundumaa jiraataa ture. Inni yeroo hundumaa jiraataa ture sun isa nuyi Waaqayyo jennee waamnuudha. Waaqayyo waanti kami iyyuu akka jiraatu kan taasise ofii isaa immoo takkaa jiraachuu kan dhaabee hin beknedha. Waaqayyo uumaa kan hin uumamne isa wayyaba kanaa fi isa keessa kan jiru waanta kamiinuu uumeedha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyoon eenyutu uumee? Waaqayyo eessaa dhufe?
© Copyright Got Questions Ministries