Waaqayyo jiraa? Jiraachuu Waaqayyootiif ragaan jiraa?



Gaaffii: Waaqayyo jiraa? Jiraachuu Waaqayyootiif ragaan jiraa?

Deebii:
Jiraachuun Waaqayyo mirkaneessuu yookiin mirkaneessuu dhiisuun hin danda’amu. Macaafni Qulqulluun jiraachuu Waaqayyoo amantiin fudhachuun akka nurra jiru nutti hima. “Amantiin malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu. Eenyu illee Waaqayyotti dhiyaachuu yoo barbaade inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira” (Ibroota 11:6). Waaqayyo utuu sana barbaadee gara biyya lafaa dhufee nutti mul’ata ture. garuu inni is asana gochuu hin barbaadne utuu isa kana godhe amantiin hin barbaachisu ture. “Yesus immoo , ‘yaa Toomaas waan ana agarteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!”’ ittiin jedhe (Yohaannis 20:29).

Haa ta’u malee jiraachuu Waaqayyootiif ragaan hin qabnu jechuu keenya miti. Akka Macaafni Qulqulluun labsutti, “Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru. Waanti bantii waaqaa jelaan mul’atus hojii arka isaa ni labsa. Guyyaan guyyaa isatti aanutti kana ni dabarsa. Waa’ee kana ni beeksisa. Isa kanaaf jechi, dubbiinis hin jiru, sagaleen isaaniis hin dhaga’amu, haa ta’u iyyuu malee waanti isaan dabarsan guutumma biyya lafaatti ni ba’e, waanti isaan himanis handaara lafaa ni ga’e gooftichi achii bantii Waaqaa keessatti biftuu dhaaf godoo ni dhaabe.” (Faarsaa 19:1-4). Urjiwwan yeroo ilaallu bali’ina samii yeroo ilaallu, uumamaa dinqii kana yerii ilaallu, biiftuun yeroo lixxu miidhagine ishee yeroo ilaallu, waantonni kun hundinuu gara Waaqayyoo kan agarsiisanii dha. Kun yoo ga’aa ta’uu dhabaates garaa keenya keessatti ragaa qabna. Macaafa Lallabaa 3:11 irraa akkas jechuun nutti hima, “... hawwii waanta bara dheeraa booddee ta’u beekumsa yaada ilma namootaa keessa kaa’eera.” Jireenya kanaan ala kan biraa biyyaa lafaa kanaan ala kan biraa akka jiru keessa keenyatti nutti dhaga’ama. Yaada kana sammuun keenya fudhachuu dhiisuu danda’a. jiraachuun Waaqayyoo garuu nurraa jiraata. Akkasumas ta’ee garuu jiraachuu Waaqayyoo kan ganan akka jiran Macaafni Qulqulluun nu akeekkachiisa, Gowwoonnii garaa isaatti Waaqayyo hin jiru ni jedhu (Faarsaa 14:1). Seenaa keessatti adaa hundumaanuu qaroominaafi ardiiwwan adda addaa keessa namoota jiraatan keessa dhibbeentaa sagaltamii saddeetti kan ta’an Waaqayyo tokko akka jiru ni amanu. Kanaaf amantii kana namoota keessa kan bulche waanti ta’e jira.

Ragaalee kan Macaafa Qulqulluutiin kan bira waa’ee jiraachuu Waaqayyoo fi waantota amansiisaa ta’an kaa’uu falmuun ni danda’ama. Jalqaba falaasama waa’ee jireenyaa qo’atu irraa kan ta’e kan ittiin falman dhiyeessuu ni danda’ama. Baay’ee kan jaallatamaa ta’e falmiin falaasama waa’ee jireenyaa qo’atu irraa kan ta’e jiraachuu Waaqayyoo mirkaneessuuf yaada Waaqayyoo dhiyeessa, jalqabattis Waaqayyoon, “waan isa caalu yaaduu kan hin danda’amne” jechuun ka’a. itti aansees jiraachuun jiiraachuu dhiisuu irraa waan caaluuf qaamni hunduma irra caalu jiraachuu qabna. Waaqayyo hin jiru yoo jenne garuu Waaqayyo hunduma irra kan caalu Waaqayyo hin jiru yoo jenne garuu Waaqayyo hunduma irra kan caalu eenyummaan hin jiru jechuudha. Kun immo ibsa Waaqayyo kan mormu ta’a.

Falmiin inni lammaffaan ‘teleological’ yookiin uumamni hundinu ‘design’ saxaxa akka qabu kan agarsiisudha. Falmiin kun akka jedhu uumamni hundinuu ogummaa uumamaa waan agarsiisuudhaaf ogummaa dinqii kana kan qabu uumaan jirraachuu qaba. Fakkeenyaaf lafti nuyi irra jiraannu aduutti kiiloomeetirii xinnoo utuu dhiyaattee yookiin fagaatteetti ta’e waata lubbuu qabu jiraachisuu hin dandeessu ture. biyya lafaa irra kan jiran elementoonni kan jarri wal irraa hojjetaman uttu qabxii xinnoodhaan gad yookiin ol jedheera ta’ee lubbu qabeeyyiin hundinuu salphaatti ni du’a ture. Uumamuun pirootiinii tokko akka carraa uumamuun isaa isaa molokiulii tokko irraa kan gad ta’eedha. 10243 1 keessaa (innis 10 itti aansuun 243 zeros dhaan). Egaa seeliin tokko immoo molokulii miiliyoonan lakkaa’aman irraa kan hojjetameedha.

Falmiin inni sadaffaan immoo falmii ‘cosmological’ kosmoolojii yookiin ta’umsi hundinuu sababa qaba kan jedhudha. Ta’umsi hundinuu sababa qaba. Wayyabni kunii fi waanti hundinuu akka ta’u kan isa taasise jira. Waanti kam iyyuu akka ta’u kan isa taasise waanti tokko duubaan jira jedha. Kan ahundumaa kan uume “Uumaama kan hin taane” jiraachuu qaba . “Waanti hin uumamne” kun Waaqayyo dha. Falmiin inni afuraffaan immoo kan naamusaaati “moral” seenaa keessa kan jiran adaawwanni seera adda addaa qabu. Namni kamii iyyuu gaarii fi hamaa beeka. Ajjeesuun, sobuun, hatuun hojiiwwan namusa garii of keessaa hin qabaanne hundinuu kan fudhatama hin qabneedha. Maarree gaarii fi hamaa addaan baasanii beekuun Waaqayyo isa qulqulluu biraa utuu hin taanee eessaa dhufuu danda’aa?

Ta’us namoonni jiraachuu Waaqayyoo isa shakkii hin qabne kana akka ganan sobaattis akka amanan Macaafni Qulqulluun nutti hima. Roomaa 1:25, “Isaan dhugumaan waa’ee Waaqayyo sobatti diddiraniiru, Waaqayyoon isa hunduma huume dhiisanii uumamaaf sagadan hojjetaniif. Waaqayyo garuu bara baraan galateffamaadha ameen” Namoonni Waaqayyotti amanuu dhiisuudhaaf sababa barbaaduudhaaf akka hin dandeeenye Macaafni Qulqulluun akkasitti labsa, “Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa waaqayyummaan isaa eergi biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu ni danda’a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban” (Roomaan 1:20).

Namoonni sababni jarri Waaqayyotti hin amanneef, “Saaynsaawaa waan hin taaneef” yookiin ragaa waan hin qabneedhaaf jedhu. Sababni isaanii inni dhugaan garuu al tokko Waaqayyotti amanuu yoo jalqaban isaan itti gaafatamummaa akka qabanii fi isa irra dhiifama barbaaduun akka isaan irra jiru waan isanitti waan argamuuf (Roomaa 3:23, 6:23). Waaqayyo yoo jiraate, waanta goonu hundumaadhaaf itti gaaftamummaa qabna. Waaqayyo hin jiru taanaan waanta barbaanne yoo goone nutti faradama kan jedhu yaaddoo hin qabaannu. Sababa kanaaf nattoi fakkaata falaasamni evooluushinii namoota heedduu duratti kan itti amanamu Waaqayyotti amanuu irra filannoo kan biraa argachuuf. Waaqayyo jira jiraachuu isaas hundinuu beeka. Tokkoo tokko Waaqayyo akka hin jirre amansiisuudhaaf cimsanii falmuun isaanii jiraachuu isaatiif ragaa ga’aa dha.

Akka Waaqayyo jiru akkamiin beekna? Akka kiristaanaatti, akka Waaqayyo jiru ni beekna guyyaa guyyaatti isatti dubbanna. Dhugumaan deebisee yeroo dubbatu sagaleen hin dhaga’amu, ta’us jiraachuun isaaf geggeesummaan isaa nutti dhaga’ama jaalalli isaas nutti beekama. Jireenya koo keessatti kan mudatan waantota tokkoof Waaqayyoon malee sababa kan biraa qabaachuu hin danda’u. Waaqayyo dinqii isaatiin na fayyiseera jireenya koos geddareera. Kanaaf argamuu isaa amanuu fi galateeffachuun natty kan xinnaatuudhan jedha. Kanneen ani dhiyeesse falmiiwwan kun kophaa isaanii kan hin amanne amansiisuudhaaf ga’a dha hin jedhu. Gara dhumaatti jiraachuu Waaqayyo amantiin duwwaa fudhachuutu nurra jira (Ibroota 11:6). Waaqayyoniitti amanuun dukkanatti utaaluu jechuu miti gara mana nagaa qabeessa namoonni harki caalaan itti seenanitti bakka ifaatti galuu jechuudha malee.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Waaqayyo jiraa? Jiraachuu Waaqayyootiif ragaan jiraa?