settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo isa Kakuu Moofaa keessaa irra Kakuu Haaraa keessatti maaliif adda adda ta’ee?

Deebii


Dhugaadhumatti giddu galli gaaffiin kun kan inni irratti dhaabbatee Kakuun Moofaanii fi Kakuun Haaraan waa’ee amala Waaqayyoo maal akka ibsu karaa sirrii hin taaneen hubachuu irratti hundaa’uudhaan. Yaada bu’uuraa karaan kana ittiin ibsinu garri biraan yeroo namoonni, “Waaqayyo inni Kakuu Moofaa Waaqayyo dheekkamsaan guutuu ti Waaqayyo inni Kakuu Haaraa immoo jaalalaan guutuudha” yeroo jedhaniidha.

Dhugaan inni Macaafni Quqlulluun, karaa ta’umsa seenaa qabeessa fi seenaa keessatti namoota wajjin karaa walitti dhufeenya qabuun Waaqayyoo nuyiif ofii isaa ml’isuu isaa guddachaa kan deemu ta’uun isaa Kakuu Haaraan Kakuu moofaa wajjin walibira qabamee yeroo maadaalamu Waaqayyo maal akka fakkaatu hubbannaa sirri hin taane akka qabaannuuf gumaachuu danda’a ta’a.

Haa ta’u malee, namni tokko yeroo Kakuu Haaraa fi Kakuu Moofaa dubbisu, Waaqayyo kakuu tokko irraa kakuu gara biraa keessatti adda adda akka hin taane ni mirakaneeffata, dheekkamsi Waaqayyoo fi jaalalli Waaqayyoo kakuuwwan lamaan keessatti mul’ateera.

Fakkeenyaaf, Kakuu Moofaa keessatti, Waaqayyo “Waaqayyo gara lafaa fi ayyaanaan guutuu dheekkamsaaf suuta kan jedhe dhuga-qabeessaa fi araara-qabeessa” akka ta’etti labsameera (Seera Ba’u 34:6; Seera Lakkoofsaa 14:18; Seera Keessa Deebii 4:31; Seera Lewootaa 9:17; Faarsaa 86:5, 15; 108:4; 145:8; Yo’el 2:13). Kakuu Haaraa keessattis illee, gaarummaan jaalalli Waaqayyo fi araarri isaa caalaa ifa taasifamaniiru karaa dhugaa isa, “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti” (Yohaannis 3:16). Kakuu Moofaa keessatti abbaan jaalaaln guutuu ijoollee isaa wajjin akka ta’u Waaqayyo Israa’eelotaa wajjin ta’eera. Jarri yeroo fedhiidhaan isa irratti cubbuu hojjetan, waaqolii tolfamoo waaqessuu yeroo jalqaban, Waaqayyo jara adaba ture. Ta’us yeroo jarri cubbuu isaanii irraa qalbii isaanii diddiirratanu isaan fayyisa ture. Inni kun Karaa Waaqayyo Kakuu Haaraa keesstti amantootaa ittiin adabuu wajjin walfakkaata. Fakkeenyaaf, Ibrootin 12:6 “Gooftichi nama jaal’atu barsiisuuf ni adaba nama akka ilamaatti fudhatus in reeba” jechuun nutti hima.

Karaa wal fakkaatuun, Kakuu Moofaa keessatti dheekkamsi Waaqayyoo cubbuu irratti dhangala’uu isaa agarra. Akkuma kana Kakuu Haaraa keessatti amma iyyuu, dheekkamsi Waaqayyoo “Waaqayyoon malee jiraachuuf jal’ina namoota hundumaa irratti waaqa irraa ni mul’ata isaanoo jal’ina isaaniitiin dhugaa gad hin ukkaamsu” (Roomaa 1:18). Kanaaf, ifumatti Waaqayyo kakuu Haaraa keessattii fi Kakuu Moofaa keessatti garaa garummaa hin qabu. Waaqayyo amala isaatiin kan hin duunedha (kan hin geeddaramne). Garuu amala isaa isa tokko isa kaan irra caalaa akkuma keeyyattoota caaffata qulqull’aaoo keessatti mul’atetti ilaaluu dandeenya. Waaqayyo mataan isaa hin jijjiiramu.

Macaafa Qulqulluu akka dubbifannee fi akka qo’anneen, Waaqayyo Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti isuma sana akka ta’e ifa nuu ta’a. Macaafni Qulqulluun Macaafota gara garaa 66 ta’u illee ardii lama yookiin sadii keessatti barreeffamu illee, afaanota adda addaa sadiin barreeffamus, tilmaamaan gara waggoottan 1500 fudhatus, barreessitoota 40 caalanuun barreeffamus, jalqabaa kaasee hanga dhumaatti inni utuu wal hinfaallessin kan walii galu Macaafa tokkicha. Isaa keessatti Waaqayyo inni araara qabeessi, jaalalaan guutuun nama cubbamaadhaa wajjin haalawwan gara garaa keessatti akkamiin akka ture ilaalla. Dhugaadhumatti, Macaafni Qulqulluun sanyii namootaatiif xalayaa jaalalaati. Jaalalli Waaqayyoo uumamaafii keessumattu sanyii dhala namaatiif, Caaffata qulqullaa’oo keessatti ragaadha. Guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyo inni araaran guutuunii fi jaalalaan guutuun isaa wajjin walitti dhufeenya adda ta’e akka qabaatanuuf utuu inni namoota waamuu ilaalla, inni jaraaf waan ta’uuf miti, garuu sababni isaa inni Waaqayyo araaraan guutuu fi ayyaanaan guutuu waan ta’eedhaaf, dheekkamsaaf suuta kan jedhe dhuga-qabeessaa fi araara-qabeessa waan ta’eedhaaf. Ammas darbinee Waaqayyo inni qulqulluunii fi qajeelaan inni kan sagalee isaaf hin abboomamne fi isa waaqeffachuu didanii waaqa ofii isaanii tolfatan kan waaqessan irratti kan faradu ta’uu isaa ni ilaalla (Roomaa bqonnaa 1).

Sababa amala Waaqayyoo isa qulqulluu irraa kan ka’e cubbuun darbe, kan ammaa fi inni dhufu itti faradamuu qaba. Waaqayyo jaalala isaa isa daangaa hin qabneen cubbuudhaa fi araarsuudhaaf gatii qopheesseera kanaaf namni cubbamaan dheekkamsa isaa jalaa ba’uu danda’a. dhugaalee dinqisiisaa kana waraabbiilee akka 1 Yohaannis 4:10 faa keessatti ilaalla, “Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne inni garuu nu jaal’ate ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta’uuf nuuf kenne.” Waaqayyo Kakuu Moofaa keessatti, karaa araarsuun cubbuudhaaf taasifamu sirna aarsaa qopheesseera. Haa ta’u malee, sirini araarsaa kun yeroo gabaabaa fi dhufaatii Kiristoos isa cubbuudhaaf guutummaatti furii ta’uudhaaf bakka bu’uudhaaf fannoo irratti du’uuf jiru fuula duratti agarsiisa ture. Fayyisaan inni Kakuu Moofaa keessatti abdachiifame guutummaa guutuutti Kakuu Haaraa keessatti mul’ate. Kakuu Moofaa keessatti ilma jaalala Waaqayyoo guutummaatti ka agarsiisu, innis Yesus Kiristoosiin erguun isaa kan samuutti duwwaatti yaadame ture Kakuu Haaraa keessatti ulfina isaa guutuudhaa wajjin mul’ate. Kakuu Moofaanii fi Kakuun Haaraan lachanuu fayyinaaf akka ogummaa qabaannuudhaaf nuuf kennamanii turan (2 Ximootewoos 3:15). Kakuuwwan yeroo itti dhiyaannee qo’annu, Waaqayyon bira “akka gaaddisaa gagaragaluunu akka hin jirre ragaadha (Yaaqoob 1:17).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo isa Kakuu Moofaa keessaa irra Kakuu Haaraa keessatti maaliif adda adda ta’ee?
© Copyright Got Questions Ministries