settings icon
share icon
Gaaffii

Seerawwan hafuura arfan maal faadhaa?

Deebii


Seerawwan hafuura arfan karaa yookiin akkaataa oduu gaarii kan fayyinaa isa karaa Yesus Kiristoosiitti amanuudhaan argamu ittin hiraniidha. Inni salphaadhumatti odeeffannoo barbaachisoo wangeela keessaa bakka qabxii afuritti gurmeessuudha.

Seerawwan hafuura arfan inni jalqabaa, Waaqayyo si jaallata jireenya keetiifis karoora dinqisiisaas qaba.” Yohaannis 3:16, “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti.” Jechuun nutti hima. Yohaannis 10:10 immoo sababa Yesus dhufeef nuuf kenna, “Ani jireenya haa qabaataniif irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera.” Jireenya irraa hafaa akka hin qabaanneedhaaf maaltu nu dhowwaa jiraa?

Seerawwan hafuura arfan keessaa inni lammataa, “Namummaan cubbuudhaan xureeffameera kanaafis Waaqayyoo irraa addaa ba’eera. Sababa kanaatiif karoora Waaqayyoo isa dinqisiisaa jireenyaa keenyaafi qabu beekuu hin dandeenyu.” Roomaa 3:23 odeeffannoo kana nuuf dhugoomsa, “hundinuu yakkaniiru hulfinni Waaqayyoos isanitti hir’ateera” Roomaa 6:23, gatii cubbuu nutti hima, “beenyaan cubbuu du’a.” Waaqayyo isaa wajjin walitti dhufeenya akka qabaannuudhaaf nu uume. Haa ta’u malee, namummaan cubbuu gara biyya lafaatti akka fide, kanaafis Waaqayyottii gargar ba’e. Walitti dhufeenya Waaqayyo akka nuyi isaa wajjin qabaannu yaade diigneerra. Furtoon isaa maalii?

Seerawwan hafuura arfan keessaa inni sadaffaan, Yesus Kiristoos Waaqayyo cubbuudhaaf kan kennee isa tokkicha. Karaa Yesus Kiristoos dhiifamuu cubbuu keenyaa argachuu fi walitti dhufeenya sirrii Waaqayyoo wajjiniis haaromfachuu dandeenya. Roomaa 5:8 , “Waaqayyo garuu utuu nuyi cubbamoota taanee jirru,Kiristoos nuuf du’uu isaatiin ammam akka nu jaallate ni agarsiisa.” Jedhee nutti hima. 1 Qorontoos 15:3-4 fayyuudhaaf maal beekuu fi amanuun akka nu barbaachisuu nu agarsiisa. “…Kiristoos cubbuu keenyaaf du’eera. Inni awwaalameera, caaffanni qulqullaa’oon akka jedhanittis guyyaa sadaffaattis du’aa kaafameera…” Yesus mataan isaa inni karaa fayyinaa isa tokkicha akka ta’e Yohaannis 14:6, irratti ibseera. “karichi, dhugaan, jireenyis ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.” Kennaa fayyinaa dinqisiisaa kana akkamiinan fudhachuu danda’aa?

Seerawwan hafuura arfan keessaa inni afuraffaan, “Kennaa fayyinaa fudhachuudhaaf akkasuma karoora dinqisiisaa Waaqayyo jireenya keenyaaf qabu beekuudhaaf akka fayyisaatti Yesus Kiristoos irra amantii keenya kaa’achuutu nurra jira.” Yohaannis 1:12, isa kana nuuf ibsa, “Hamma isa simataniif immoo iloollee Waaqayyoo akka ta’aniidhaaf aboo isaaniif kenne isaanis warra maqaa isaatti amananiidha.” Hojii Ergamootaa 16:31 ofeeggannoo guddaadhaan akkas jedha, “Gooftaa Yesusitti amani ati ni fayyitaa!” uyi karaa ayyaanaa duwwaa karaa amantii duwwaa fayyina, karaa Yesus Kiristoos duwwaa (Efeeson 2:8-9).

Akka fayyisaa keetti Yesus Kiristoositti amanuu yoo barbaadde, jechoota kanatti aananii jiran gara Waaqayyootti dubbadhu. Jechoota kana jechuunis siffayyisuu hin danda’u garuu Yesusitti amanuun si fayyisa! Kadhatni kun salphaadhumatti karaa ati amantii kee Waaqayyo irratti qabdu itti agarsiiftu fi fayyina siif qopheessuu isattii isa galateeffattudha. “Waaqayyo, ani sirratti akkan cubbuu hojjedhe fi adabbiin akka naaf ta’u nan beeka. Garuu Yesus Kiristoos adabbii anaaf ta’u fudhateera kanaaf araara argachuu nan danda’a. Fayyinaaf amantii koo sirrattan kaa’adha. Ayyaana kee fi araara kee dinqisiisaadhaaf sin galateeffadha – kennaa jireenya barabaraatiif! Ameen!”

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Seerawwan hafuura arfan maal faadhaa?
© Copyright Got Questions Ministries