settings icon
share icon
Gaaffii

Namoonni samii irra jiraatan achi gadii ilaaluu, nuyi amma iyyuu lafa irra kan jirru achi gadi nu ilaaluu?

Deebii


Ibiroota 12:1 akka kaa’uutti “waa’ee, akka duumessa guddaa dhuga-baatoota ta’aniin waan marfamneef…” warri tokko tokkoo “dhuga-baatoota akka duumessaa ta’an” akkaata isaan itti hubatan, samii irra taa’ani namoota achi gadi nu ilaalanii dha. Sun hiika sirri miti. Ibirooti 11 kan inni galmeesseef Waaqayyo sababa amantaa isaaniitiif kan inni eeree namoota heeddudha. Namoota kanaa dha “dhuga-baatoonni akka duumessaa ta’an kun.” Isaan “dhuga-baatoota” dha, nu kan ilaalan osoo hin taanee garuu caalaatti nuuf fakkenya kan ta’an malee. Isaan kan Kristoosii fi kan Waaqayyoo fi dhuga-baatoota dhugaa dha. Ibiroota 12:1 itti fufa, “…nutty immoo ba’aa hundumaa dafees kan nutty ulfaatu cubbu dhabamsiifnee, fiigicha dura keenya jiru obsaan ha fiignu.” Nu dursanii kan deemanii Kristaanoota amantaa isaanii fi gara kutannoo isaanii ilaalle fakkeenya isaani duukaa bu’uudhaaf kennamuu qabna.

Kitaabni qulqulluun adda baasee waa tokko illee hin jedhu, namoonni samii irra jiraatan nuun achi gadi akka nu ilaalan amma lafa irra kan jiraannu. Kan danda’aanis raawwatee hin fakkaatu. Maaliif? Tokkooffaan, yeroo tokko tokkoo akka gaddan yookaan akka dhiphatan kan isaan godhu arguu waan danda’aniif, isaan kana kan cubbuuti fi gocha hameenyaa. Samii irraa gaddi, imimaan, yookaan kan nama hin gammachiifne waan hin jireef (Mul’ata 21:4), tibbawwan lafa irra jiran hubachuun waan danda’amu hin fakkaatu. Inni lammaffaan, namoonni sami irra jiraatan Waaqayyoon waaqessuudhaaf gammachuu ulfina waaqa irraa hirmaachuutti waan hidhamaniif, as biyya lafaa kana irratti waan ta’uuf ammanatti fedhii waan qabaatan hin fakkaatu. Cubbuu irraa bilisa waan ta’aaniif argamuu Waaqayyoo samii irratti qoodachuu isaanii nyaata isaanitiin booji’amuun dhugumatti waan hundumaati ol. Waaqayyoo namoota waaqa irra jiraataniif kan isaan jaallatan achi gadi akka ilaalan iyyamuu yoo danda’ees, kitaabni qulqulluun kun akka ta’uutti akka amannuu sababa tokko iyyuu nuuf hin laatu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Namoonni samii irra jiraatan achi gadii ilaaluu, nuyi amma iyyuu lafa irra kan jirru achi gadi nu ilaaluu?
© Copyright Got Questions Ministries