settings icon
share icon
Gaaffii

Kan Macaafa Qulqulluu barreefamooni qulqullaa'oon akkamitti yoom iddoo tokkootti godhama?

Deebii


'Barreefamni qullaa'oon' jechii jedhuu fayyadama irra kan inni oole liqimfama Waaqayyummaatiin kan ta'an macaafoota ibsuudhaaf yeroo ta'uu fi kanaafis macaafa qulqulluu irratti. Kan macaafa qulqulluu barreefamni qulqullaa'aan murteesuudhaaf rakkoon jiruu kan ta'uu macaafni qulqulluun macaafa qulqulluu keessatti kan dabalamu tarreefamni macaafaa waan nuuf hin laatamneef. Caafatni qulqullaa'aan adeemsa hojii murteessuu yeroo ta'uu duraan dursee kan raawwatamee barsisoota Yihudootaa fi beektootaan ture, turees kristaanoota duriitiin. Baay'ee kan fooya'ee macaafoota isa kami barreessuudhaan macaafa qulqulluu qulqulloota akka dabalamuu kan murteesse Waaqayyoon ture. Kan qulqulluu sagalee isaa macaafa qulqulluutti kan dabalamuWaaqayyoo barreefamicha liqimfamuudhaan erga godhee libsuu ijaatti ol fuudhee ture. Inni hojii amansiisuu Waaqayyotti, duuka buutuu namootaa, isa kamtuu barreefama macaafa qulqulluu akka itti dabalamu.

Kakuu haaraa wajjin yeroo wal bira qabamuu, jeequmsa muraasatu turee, macaafa qulqulluu kakuu moofaa kan ilaalate. Amantootni Ibirootaa ergamoota Waaqayyoo beekamtii qabu turan, akkasumas barreefamni isaani liqimfamuu Waaqayyottiin akka ta'ee fudhatani turan. Kan banamuun hin danda'amnee wal falmii muraasi barreefama kakuu moofaa kan ilaalatee akka turee ni beekama, waggaa araaraa 250 irra caalaanwali galtee addunyaalessaa qaba ture, macaafa qulqulluu Ibirootaa kan ilaalate. Dhimmi hafee inni guddaan amanti cinaan jiran barreefamni tureera, hanga yeroo ammaatti darbee falmiidhaafi mariidhaan,. Baay'ee kan ta'an beektootni Ibirootaa barreefama amanti cinaan jiran kan isaan ilaalan akka seenaa gaarii fi galmee amantaatti, haa ta'uu malee akka barreefama maaafa qulqulluu Ibirootaatti sadarkaa wal fakkaataan hin laatamneef. Waa'e kakuu haaraa, beekamtii laachuufi fi adeemsi walitti qabuu kan jalqabe waldaa kiristanaa kiristaanoota jaaraa tokkooffaa tti. Baay'ee dursee, macaafni kakuu haaraa tokko tokkoo beekamti argate ture. Phaawuloos barrefama Luqaas akkuma kakuu moofaa kan taayitaa qaban akka turan beekamtii laateera (1 Ximoo 5:18, Keessa debii 25:4 ilaali, akkasumas Luqaas 10:7). Pheexiros barreefamoota Phaawulos akka sagallee qulqulluu isaatti beekamtii laateeraaf (2 Pheexi 3:15-16). Macaafni kakuu haara tokko tokkoo waldoota kiristaanaa gidduu ni naanna'uu turan (Isaa. 4:16, 1 Tesso 5:27). Killimentiin Roomee yoo xinnaate macaafa kakuu haaraa sadeet heerera (bara haraara 95). Kan warra Aantiyoo Iginaatees yeroo torba macaafichaaf beekamtii kenneera (bara haraaraa 115). Poolikarb, duuka buutuun ergamaan Yohannis, macaafa kudha shaniif beekamtii laateera (bara haraara 108). Booda Heereniyoos macaafa 21 heereera (bara haraara 185). Hipoolites macaafa 22f beekamtii laateera (bara haraara 170-235). Baay'ee jequmsa kan uuman macaafni kakuu haaraa Ibiroota, Yaaqob, 2 Pheexiros, 2 Yohannis, fi 3 Yohannis.

Inni jalqabaa 'macaafni qulqulluun) macaafa qulqulluu Muraatoriyaal ture, innis bara haraaraa 170 kan inni qindeefame. Macaafni qulqulluun Muraatoriyaa macaafa kakuu haaraa hundumaa kan of keessatti qabate ture Ibiroota irraa, Yaaqobob irraa fi 3 Yohannis irra kan hafe. Bara haraara 365 walga'iin Lodooqiyaa kakuu moofaa qofti (macaafaisa cina jiran dabalate) akkasumas kakuu haaraa macaafni 27 waldoota kiristaanaatiin akka dubbifaman murteefame. Walga'iin Hiiphoo (bara haraara 393) fi walga'iin Kaarjeeji (bara haraara 397) akkasumas macaafa 27 kan ta'an taayiitaa kan qabu akka ta'ee murteessan.

Walga'ichi wanta wal fakkaataa ta'ee kana hordofeera, qajeelfamni itti fufuu, macaafni kakuu haaraa dhugumatti geggeefamuu Hafuura Qulqulluuttiin akka ta'e: 1)Barreessichi ergamaa turee moo yookiis ergamaa dhaa wajjin walitti dhufeenya dhi'oo qaba turee? 2)Macaafichi qaama Kristoosiif guutumaatti fudhatama argateeraa? 3)Macaafichi amanti inni dhaabe (Dooktirinii fi barumsa kalattii sirri ta'ee cimse qabeeraa? 4)Macaafichi safuu guddaadhaa fi wantoota afuuraa of keessatti qabachuu isaatii fi raga qabaa?, kunnis hojii afuura qulqulluu ta'uu isaa kan callaqisisuu dhaa? Ammas, waldaan kiristaanaa macaafa qulqulluu ishee murteessuu dhiisuu ishee yaadachuun wanta guddaa dha. Walga'iin waldaan kiristaana isheen durii kam iyyuu caafata qulqulluu isaani irratti hin murteesine. Waaqayyoon ture, Waaqayyoo qofa, macaafota isa kam macaafa qulqulluu keessa akka galu kan murteese. Waaqayyoo duraan dursee kan inni murteesse duuka buutuu isaatti dhimma dabarsuutu ture kan raawwatame. Macaafni qulqulluun macaafoota walitti qabuun adeemsi hojii namaa raawwate mudaa kan hin qabne yoo ta'uu baate iyyuu, Waaqayyoo garuu hundumaa oli ta'uu isaatiin, wallaalummaa keenyaa fi diduu keenyaa deebisuudhaan, waldaan kiristaanaa isheen durii inni kan afuuraan liqimfamee kan gootee macaafoota beekamti akka isheen laatuu godhe.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kan Macaafa Qulqulluu barreefamooni qulqullaa'oon akkamitti yoom iddoo tokkootti godhama?
© Copyright Got Questions Ministries