settings icon
share icon
Gaaffii

Fayyina keessatti olaantummaan Waaqayyooti fi filannoon bilisaa kan namaa akkamiin walii wajjin hojjetaa?

Deebii


Walitti dhufeenya olaantummaa Waaqayyoo fi fedhii bilisaa namaa gidduu jiru guutuummaatti hubachuun nuyiif kan danda’amu miti. Karoora fayyisuu isaa keessatti jarri akkamiin akka walii wajjin hojjetanu Waaqayyo duwwaatu beeka. Tarii barumsa kan biraa caalaatti, dhimma kana wajjin, amala Waaqayyoo fi walitti dhufeenya keenya isaa wajjinii guutummaatii hubachuu danda’uudhaaf dandeettii dhabeenya keenya beekuun dubbachuun baay’ee barbaachisaadha. Karaa lamaaniinuu garmalee fageessanii deemuun hubannaan fayyina irratti qabnu akka boora’u taasisa.

Waaqayyo eenyu akka fayyuuf jiru akka beeku caaffanni qulqulaa’oon ifa taasisu (Roomaa 8:29; 1 Pheexroos 1:2). Efesoos 1:4 Waaqayyo “Utuu biyyi lafaa hin uumamin dura” akka nu filate nutti hima. Macaafni Qulqulluun irra deddeebi’uudhaan amantoonni “kan filataman” akka ta’e nutti hima (Roomaa 8:33; 11:5; Efesoos 1:11; Qolasayiis 3:12; 1 Teselonqee 1:4; 1 Pheexroos 1:2; 2:9) fi kan “filatame” (Maatewoos 24:22, 31; Marqoos 13:20, 27; Roomaa 11:7; 1 Ximotewoos 5:21; 2 Ximotewoos 2:10; Titos 1:1; 1 Pheexroos 1:1). Dhugaa amantoonni dursanii murtaa’uu (Roomaa 8:29-30; Efesoos 1:5, 11), fi fayyinaaf filatamuun isaanii ifa (Roomaa 9:11; 11:28; 2 Pheexroos 1:10).

Macaafni Qulqulluun darbees fayyinaaf nuyi akka itti gaafatamummaa qabnu ni dubbata- kan nuyi goonu hundinuu Yesus Kiristos akka fayyisaa keenyaatti amanuu fi fayyuudha (Yohaannis 3:16; Roomaa 10:9-10). Eenyu akka fayyu Waaqayyo beeka, eenyu akka fayyuu Waaqayyo filateera, akka fayyinuudhaaf Kiristoosiin filachuu qabna. Sammuu daanga’aadhaaf dhugaaleen sadan kun akkamiin akka hojjetan sirriitti hubachuun hin danda’amu (Roomaa 11:33-36). Ga’een keenya wangeela biyya lafaa hundumaatiif qaqqabsiisuudha (Maatewoos 28:18-20; Hojii Ergamootaa 1:8). Durasanii beekamuu, filatamuu, dursanii murtaa’uu akka ga’ee Waaqayyotti dhiifnee salphaadhumatti wangeela labsuudhaaf haa abboomamnu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Fayyina keessatti olaantummaan Waaqayyooti fi filannoon bilisaa kan namaa akkamiin walii wajjin hojjetaa? Waaqayyo nama takkaa waa’e Isaa hin dhageenyeetti hin faradaa?
© Copyright Got Questions Ministries