settings icon
share icon
Gaaffii

Maalifan of ajjeesuu hin dandeenye?

Deebii


Garaan keenya jarreen karaa ofii isaanii ajjeesuutiin jireenya isaanii akka raawwatan baratanii deemeera. Inni suni yeroo kanatti yoo si ta’e, inni tarii waa’ee miirawwan heedduu dubbata, fakkeenyaaf abdii kutachuun namatti dhaga’amuu. ati tarii boolla gadii fagoo keessa akka waan jirtuutti sitti dhaga’amuu danda’a, tarii waanti foyya’aa deemu akka hin jirretti sitti dhaga’amuu danda’a. namni kami illee eessaa akka ati dhfte kan hubatu yookiin kan yaadu kan jiru sitti hin fakkaatu. jireenyis kan gatii qabu miti….yookiin mitii?

Yoo amma yeroo xinnioo ishee yoo fudhate miijantees ilaaltee Waaqayyo jireenya kee irraatti akka dhugumaan Waaqayyoon ta’u yoo hayyamteef, inni amma akka guddaa akka ta’e siifmirkaneessa, “Waaqayyoodhaaf waanti dadhabame hin jiru” (Luuqaas 1:37). Tarii godaannisni miidhaama darbee namoota kan biraatiin gatamuu yookiin dhiifamuu guddaa akka sitti dhaga’amu si taasiseera. Inni tarii gara gaddaa, aarii, hammenyaan guutamuu, yaada gadoo fiduu, yookiin sodaa gaarummaa hin qabaanne tti si geggeeseera ta’a walitti dhufeenya kee isa baay’ee barbaachisaa irratti rakkin auumeera ta’a.

Maaliifi of ajjeesuun kan sirra hin jirreef? Michuu koo, jireenya kee keessa kan jiran waantota hamoodhaaf rakkinni hin jiru, Waaqayyo jaalalaa jira akka inni sigaggeessuudhaaf akka isaaf hayyamtu kan si eegaatti jiru abdii kutannaa kee keessa gara ifa isaa isa dinqisiisaatti akka si fiduushaaf .Inni abdii isa dhugaadha. Maqaan isaa Yesusii dha.

Yesus kun, mucaan Waaqayyo inni cubbu maleeyyii ta’e, yeroo gad deebifamuu keetiittii fi gatamuu keetiitti jireenyi isaa kee wajjin wal fakkaata. Raajichi Isaayaas waa’ee isaa Isaayaas 53:2-6 keessatti barreesseera, akka nama namootni hundinuu, “tuffatanii isa irraa goran” akka ta’etti isa agarsiisa. Jireenyi isaa gaddaa fi dhiphinaan kan kan guutame ture. garuu gaddii inni baate garuu kan isaa miti; jarri kan keenya turan, inni ni waraaname, ni madaa’e, ni rukutames, hundinuu sababa cubbuu keenyaatiif. Sababa rakkina isaa, jireenyi keenya fayyina argate fayyaas ta’e.

Michuu, Yesus kiristoos akka ati dhiifama cubbuu aragattuudhaaf kana hundumaa baateera. Cubbuu ammam hulfaatu uiyyuu baadhu, akka fayyisaa keetiitti yoo isa fudhatte akka inni siif dhiisu beeki. “Guyyaa rakkinaatti na waammadhu ani isa keessa butee sin baasaa…” (Faarsaa 50:15). Hamaan kan ati kanaan dura hojjette waanti Yesus siif hin dhiifne hin jiru. garbootin isaa kan isaan filataman tokko tokko cubbuu hamaa hojjetaniiru fakkeenyaaf ajjeechaa (Mosee), ejjaa fi ajjeechaa (Mooticha Daawiit), miiraanis qaamanis nama miidhuu (Phaawuloos.) Ta’us illee dhiifamaa fi jireenya irraa hafaa ta’e haaraa Gooftaa biraa ta’e argatan. “Kanaafis namni kan Kiristoos yoo ta’e uumama haaraadha; inni moofaan darbe kunoo inni moofaan darbeera!”

Maalif ofii kee hin ajjeeftuu? Michuu, Waaqayyo waanta “cabe” deebisee ijaaruudhaaf dhaabbatee jira fakkeenyaaf, jireenya ati amma qabdu, jireenya ati of ajjeesuudhaan raawwachuu barbaaddu. Isaayaas 61:1-3, keessatti raajichi akkas jechuun barreesseera, “ Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira, sagalee misiraachoo warra gadadamootti akkan himuuf, Waaqayyo na dibeera; warra garaan isaanii cabe akkan fayyisuuf, warra booji’amanitti gad dhiifamuu warra hidhamanittis hiikamuu akka labsuuf inni na ergeera. Waggaa Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame… warra gaddan hundumaas akkan jajjabeessuudhaaf na ergeera warra gadduu irra jiran qooda daaraa mataatti firfirfatan huffata miidhaginaa mataa irra akka buufatan qooda gaddan dibatanii akka gammadan qooda hafuura gaddaas gammachuudhaan akka faarfatan.”

Gara Yesus kottu, inni mee gammachuu keetiif barbaachisummaa kee siif haa deebisuu jirreenya kee keessatti jireenya haaraa akka jalqabuudhaaf yeroo isatti amanattu. Gammachuu ati dhabde sana akka siif haaressu fi akka ati jiraattuufis hafuura haaraa akka siif kennu waadaa siif galeera. Garaan kee inni cabaa isa duratti gatii guddaa qaba “Hafuurri yaada cabaa aarsaa Waaqayyo biratti fudhatamuudha yaa Waaqayyo ati garaa cabaadhaa fi bula’aa hin tuffattu” (Faarsaa 51:12, 15-17).

Ysusiin akka tiksee keetiittii fi akka Gooftaa fi fayyisaa keetiitti ni simattaa? Yaada keetii fi addeemsa kee si geggeessaa- yerootti guyyaa tokko, karaa sagalee isaa, Macaafa Qulqulluu. “ Waan gochuun siif ta’u sin hubachiisa karaa irra adeemuun siif ta’u sittan agarsiisa” (Faarsaa 32:8). “Waaqayyo bara keetti gabii fayyina guutuu ogummaa fi beekumsa siif ni ta’a isa sodaachuunis badhaadhummaa guddaa kana ni argachiisa” (Isaayaas 33:6). Kiristoosii wajjin, amma illee walaansoo qabaa jirta, garuu amma abdii qabda. Inni “fira obboleessa caalaa namatti dhiyaatu dha” (Faarsaa 18:24). Yeroo murtoo itti taasiftutti ayyaanni Gooftaa Yesus Kirstoos sii wajjin haa ta’u.

Akka fayyisaa dhuunfaa keetti Yesus Kiristoositti amanuu yoo barbaadde, jechoota kana garaa keessatti Waaqayyootti dubbadhu: “Waaqayyo, jireenya koo keessatti sin barbaada. Waantan hojjedhe hundumaa naaf dhiisi. Amantii koo isa irratti godhadheen Yesus Kiristos fayyisaa koo akka ta’e nan amana, maaloo na qulqulleessi, na fayyisi, gammachuu koos jireenyatti naaf haaromsi. Jaalala anaaf qabduu fi Yesus bakka koo du’uu isaatiif sin galateeffadha.”

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Maalifan of ajjeesuu hin dandeenye?
© Copyright Got Questions Ministries