Waantoonni hamoon namoota gaarii irra akka ga’an Waaqayyo maaliif hayyame?



Gaaffii: Waantoonni hamoon namoota gaarii irra akka ga’an Waaqayyo maaliif hayyame?

Deebii:
Barnoota hafuuraa hunduma keessaa inni kun gaaffii baay’ee ulfaataa dha. Waaqayyo kan bara baraa, daangaa kan hin qabne, hunda beekaa, bakka hundumatti al tokkicha kan argamu, fi hunda danda’aadhaa. Ilmni namaa maaliif (kan bara baraa, daangaa kan hin qabne, hunda beekaa, bakka hundumatti al tokkicha argamu, fi hunda danda’aa kan hin taane) karaa Waaqayyoo duwwaa guutummaatti hubachuu akka danda’u isa irraa eegamaa? Macaafni Iyyob dhimma kana ilaallata. Waaqayyo waanta barbaade hundumaa akka rawwatu garuu isa ajjeesuu akka hin dandeenye seexanaa hayyamee ture. Deebiin Iyoob maal ture? “Waaqayyo yoo na ajjeese iyyuu ani isuman abdadha” (Iyoob 13:15). Waaqayyotu kenne Waaqayyotu fudhate maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu (Iyoob 1:21). Waaqayyo maaliif kana hayyamee akka ture Iyyoob hin hubanne garuu Waaqayyo gaarii akka ture nni beeka sababa kanaatiif isa abdachuu fi amanachuu itti fufe. Dhuma irratti, akkasuma nuufis deebii ta’uu qaba.

Waantoonni hamoon namoota gaarii irra maaliif ga’u? deebiin kan Macaafa Qulqulluu namoonni “gaariin” hin jiran kan jedhudha. Hundumti keenya cubbuudhaan akka faalamne Macaafni Qulqulluun baay’isee ifa taasisuudhaan nutti hima. (Lallaba 7:20; Romaa 6:23; 1 Yohaannis 1:8). Rooma 3:10-18 namoonni “gaariin” akka jiraachuu hin dandeenye ifa hin taasisu: “Namni qajeelaan hin jiru lakkii tokko illee hin jiru namni tokko iyyuu hin hubatu namni tokko illees Waaqayyoon hin barbaadu; namoonni hundinuu karaa Waaqayoo irraa goraniiru ergaan-takkaan warra dhimma hin baafne ta’aniiru; namni gaarii hojjetus tokko illee hin jiru, afaan isaaniitiin gara awwaala banamaatti nama geessu, arraba isaaniitiin ni gowwomsu; hadhaan mar’aataa hidhii isaanii jela jira, afaan isaanii abaarsaa fi dubbii hadhaa’aadhaan guutuudha, miilli isaanii dhiiga dhangalaasuutti a riifataadha. Karaa isaan irra darban irra diiguu fi gadadachuutu jira; isaan karaa nagaas immoo hin beekan, Waaqayyoon sodaachuun yaada isaanii keessa hin jiru.” yeroo ammaa kanatti namni kam iyyuu plaaneetii kana irra kan jiru gara Si’oolitti darbatamuutu ta’aaf. Sakandiin tokkoon tokkoon ishee kan nuyi dabarsinu araaraa fi ayyaana isaatiin duwwaadha. Waanti rifachisaan hamaan plaaneetii kana irratti shaakallu si’ool kan bara baraa isa kuufama ibiddaa keessaa wajjin yeroo walbira qabnee ilaallu illee araaraan guutamaadha.

Gaaffiin irra wayyu “Waantoonni hamoon namoota gaarii irra akka ga’an Waaqayyo maaliif hayyame?” kan jedhu ta’a. Romaa 5:8 “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuu du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate ni argisiisa.” Jechuun agarsiisa. Bakka waan gadhee, haminaa, amala cubbuummaa namoota biyya lafaa kan irraa, Waaqayyo amma iyyuu nu jaal’ata. Gatii cubbuu keenya fudhachuudhaaf amma nuuf du’uttis baay’ee nu jaal’ate (Roomaa 6:23). Yesus Kiristoosiin akka fayyisaa keenyaatti yoo simanne (Yohaannis 3:16; Roomaa 10:9), dhiifama argannee waaqa keessatti abdiin mana jireenya bara baraa nuuf kennama (Roomaa 8:1). Kan nuuf ta’u si’ooliidha. Kan nuuf kennamu immoo waaqa keessa jireenya bara baraati yoo amantiidhaan gara Kiristoos dhufne.

Eeyyee, alii alii waanti hamaan namoota irra ni ga’a kana jaraaf waan hin taane fakkaatu. Garuu Waaqayyo dhimma ofii isaatiif waantonni tokko tokko akka ta’an ni hayyama, hubannus hubachuudhabaannus. Hunduma gararraa, haa ta’u malee, Waaqayyo gaarii, tolaa, kan jaal’atu fi araaraani guutuu akka ta’e hubachuu qabna. Yeroo baay’ee waantonni nuyi hin hubanne nu irra ga’u. Haa ta’u malee gaaarummaa Waaqayyoo shakkuu manna deebiin keenya isa amanachuu ta’uu qaba. “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin; karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif ni qajeelchaa” (Fakkeenya 3:5-6).


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Waantoonni hamoon namoota gaarii irra akka ga’an Waaqayyo maaliif hayyame?