settings icon
share icon
Gaaffii

Kiristianni maali?

Deebii


Hiiki galmee jechootaa irraa Kiristaanaa kan jedhuuf waanta walfakkaataa ta’u danda’a “nama Yesus akka Kirstoos ta’e amanuu yookiin amantii barsiisa Yesuu irratti hundaa’e jechuun ni danda’ama.” Ammaaf kun bakka jalqabaa gaariidha, akkuma hiika galmee jechootaa kanneen biro,inni amma ta’e gabaadhumatti dhugaa Macaafa Qulqulluu irraa isa ta’e kiristaana ta’uun maal jechuu akka ta’e walitti qabsiisa. Jechi “Kiristaana” jedhu Kakuu Haaraa keessatti si’a 3 itti gargaaramameera (Hojii Ergamootaa 11:26; 26:28; 1 Pheexroos 4:16). Duuka buutonni Yesus Kiristoos jalqaba Anxookiyaatti “Kiristaanots” jedhaman(Hojii Ergamootaa 11:26) sababni isaa amalli isaanii, jiruun isaanii, fi haasaan isaanii kan Kiristoos fakkaata ture. Jechi “Kiristaana” jedhu jechaa jechatti, “garee kan Kiristoos keessa ta’uui” yookiin “duuka buutota Kiristoos ta’uu” jechuudha.

Karaa nama gaddisiisuun yeroo dheeraa, jechi “Kiristaana” jedhu barbaachisuummaa isaa isa guddaa dhabee si’a baay’ee nama tokko isa nama amantaa qabu yookiin naamusa gaarii kan qabuttti itti gargaaramaameera garuu inni tarii duuka buutuu Yesus Kiristoos ta’uu yookiin dhiisuu danda’a. Namoonni heedduun kan Yesus Kiristoositti hin amanne akka Kiristaana ta’anitti of fudhatu salphaadhumatti waan gara mana sagadaa dhaqaniif yookiin saba Kiristaana ta’e keessa waan jiraataniif. Garuu gara waldaa dhaquun umaa Kiristaana sihin taasisu akkuma gara gaaraajii dhaquun konkolaataa si hintaasfne. Miseensa waldaa Kiristaana ta’uun, tajaajila sirriitti hordofuun, hojii waldaa kirstaanaatiif kennaa kennuun kiristaana si hin taasisu.

Macaafni Qulqulluun hojiin gaariin nu hojjennu Waaqayyoon duratti fudhatamaa akka nu hintaasifne ni barsiisa. Titos 3:5, “Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta’in akka araara isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin haaressuu hafuura Qulqulluutiinis nu fayyise” jedha. Kanaaf Kiristaanni nama lammaaffaa Waaqayyoon kan dhalateedha. (Yohaannis 3:3; Yohaannis 3:7; 1 Pheexroos 1:23) amanannaa isaa Yesus Kiristoos irra godhachuun kan isatti amaneedha. Efeesoon 2:8 “…ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan inni immoo kennaa Waaqayyootii malee gochaa ofii keessanii miti”

Kirstaanni dhugaan nama amantii isaa Kiristoos irra godhate fi namummaa fi hojii Yesus Kiristoositti amanu, gatii cubbuu kaffaluudhaaf du’a isaa fannoo irrattii fi guyyaa sadaffaatti du’aa kaafmuu isaa. Yohaannis 1:12, “Hamma isa simataaniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenne isaaniis warra maqaa isaatti amananiidha” jechuun nutti hima. Mallattoon kiristaana dhugaa namoota kanbiraatiif jaalala qabaachuu fi sagalee Waaqayyootiif abboomamuudha (1 Yohaannis 2:4, 10). Kirstaanni dhugaan dhugumaanni mucaa Waaqayyooti, miseensa dhugaa maatii Waaqayyoo, Yesus Kiristoosiidhaan jireenyi haaraan kan argatedha.

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kiristianni maali?
© Copyright Got Questions Ministries