settings icon
share icon
Gaaffii

Du’a booddee jireenyi jiraa?

Deebii


Jireenyi du’a booda jiraachuun gaaffii gamtaati. Iyoob hunduma keenyaaf ni dubbata akkas jechuun, “Nama ta’ee lafa irratti kan dhalate barri isaa gabaabaa dha rakkinni isaammoo baay’eedha. Inni akka daraaraatti oli ni ba’a, ni coollogas; akka gaaddisaattis ni darba hin turus… Namni erga du’ee deebi’ee hin jiraataaree?” (Iyoob 14:1-2, 14). Akkuma iyoob, hunndumti keenya gaaffii kanaan ni qoramna. Dhugumatti erga duunee booda maaltu nurra ga’aa? Salphaadhumatti jiraachuu dhaabnaa? Jireenyi akka balbala nanna’uu lafa irraa godaantee gara lafaatti deebiteemmoo dhuftii dhuma irratti guddina dhuunfaattii argachuuf jecha? Hundumti namaa bakka tokkicha dhaqaa moo bakkuma tokko dhaqnaa? Si’oolii fi Jannatni yookiin mootummaan Waaqayyoo jiraa?

Macaafni Qulqulluu du’a booda jireenyi duwwaan akka jiru nutti hiin himu, garuu jireenyi baay’ee kan ulfina qabaatu ta’a. “Waan Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse,iji namaa hin argine gurri namaa hin dhageenye, yaadni namaas bira hin geenye ni jedha” (1 Qorontos 2:9). Yesus Kiristoos, Waaqayyo foon huffatee, gara biyya lafaa kana dhufe kennaa jireenya bara baraa kana nuuf kennuudhaaf. “Inni garuu balleessaa keenyaaf ni waraaname sababbii yakka keenyaafis reebame ni caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni ni adabame madaa’uu isaatiinis fayyinni nuuf argame” (Isaayaas 53:5). Yesus dheekkamsa hundumti keenya fudhachuun nuuf ta’u fudhate idaa cubbuu keenyaa kaffaluudhaafis jireenya isaa arsaa godhe. Guyyoota sadiin boodas, du’a irratti gooftummaa qabu agarsiisuudhaaf ofuma isaatii boolla keessaa ka’e. guyyoottan afurtamaafis biyya lafaa irra ture kumaatamaanis dhugaa ba’amee utuu gara waaqaatti ol hin deebi’in dura,. Roomaa 4:25 akkas jedha, “Yesus irra daddarbaa keenyaaf du’atti dabarfamee kenname; qajeelummaa akka argannuudhaafis du’aa kaafame.”

Du’aa kaafamuun Yesus Kiristoos ta’umsa kara gaariitiin galmeeffame dha. Ergamaan Phaawloos dhugaa ta’uu isaatiif namoonni akka mirkaneeffatan warra ijaan argan akka gaafatan jara qoraa ture, dhugaa isaa shakkuudhaafis namni kami iyyuu hin dandeenye. Du’aa kaafamuun amntii kiristaanaatiif dhagaa goleeti. Sababni isaa Kiristoos du’aa kaafameera, nuyis akka kaanu amantii qabna. du’aa kaafamuun Yesus Kiristoos jireenya du’a boodaatiif raga xumuraatti. Kiristoos namoota akka makara guddaatti jireenyaaf kaafamanuutiif inni akka angafaa ture. Duuti foonii karaa nama tokkoo dhufe, Addam,isa hundumti keenya itti qabamnee jiru. Garuu warreen gara maatii Waaqayyoo ta’uuf Yesus Kiristoositti amanuudhaan dhlataniif jireenyi haaraan isaaniif ni kennama (1 Qorontos 15:20-22). Akkuma Waaqayyo dhagna Yesusiin du’aa kaase dhagni keenyas gaafa Yesus deebi’ee dhufu du’aa ni kaafama. (1 Qorontos 6:14).

Ta’us hundumti keenya du’aa nii kaafamna, hundi namaa garuu gara mootummaa waaqayyoo hin dhaqu. Filannoon tokkkoon tokkoon namaatiin kan taasifamuu qabu jireenya kana irrattu, agaa filannoon kun xumura nama tokkoo ni murteessa. Macaafni Qulqulluun akka jedhutti namoonni al tokko du’uuf kaa’amaniiru isa booddee immoo firdiitti ni dhiyaatu (Ibroota 9:27). Jarreen karaa kiristoositti amanuutii qajeelina argatan gara jireenya barabaraatti gara Jannataa deemu, garuu jarreen Kiristoosiin akka fayyisaa isaaniitti simachuu didan adabbiidhaaf gara si’oolitti ergamu. (Maatewoos 25:46).Si’ool akkuma Mootummaa Waaqayyoo, bakka jiraatamu miti, garuu bakkuma mul’ataadha. Inni bakka warri isatti hin amanne cubbamoonni dheekkamsa Waaqayyo isa xumura hin qabne itti shaakalanuudha. Si’ool akka qileetti mul’ateera (Luuqaas 8:31; Mul’ata 9:1) akkasuma galaana ibiddaa, dhagaa boba’u, bakka warri keessa jiraatan halkaniif guyyaa bara hanga bara baraatti itti dhiphatan(Mul’ata 20:10). Si’ool keessa boo’ichaa fi ilkaan qaruutu jira, aarii fi gadda cimaa kan agarsiisu(Maatewos 13:42).

Waqayyo du’a cubbamootta gammachuu hin fudhatu, garuu akka jarrii karaa isaanii isa hamaa irraa deebi’an barbaada kanaaf jarrii akka jiraataniif (Hisqi’ell 33:11). Garuu akka abboomamnuudhaaf nu hin dirqisiisu; yoo isa fudhachuu didne, diduu keenya ni fudhata murtoo keenya isa bara baraan isatti gargar baanee jiraachuu keenyaa. Jireenyi biyya lafaa irraa qorannaadha, waanta dhufaa jiruuf qophaa’uu. Amantootaaaf, jireenyi du’a boodaa jireenya bara baraati mootummaa waaqaa keessa Waaqayyoo wajjin. Warra hin amanneef, jireenyi du’a booda galena ibiddaa keessa. Akkamiin jireenya bara baraa fudhachuu dandeenyaa du’a booda galaana ibiddaa keessaa barabaraaf akkamiin ooluu dandeenyaa? Karaa tokkicha duwwaatu jira- karaa amantii fi Yesus Kiristoositti amanuutiin. Yesus akkas jedhe, Yesus garuu du’aa ka’uun jireenyis ana namni anatti amanu yooo du’e iyyuu ni jiraata utuu jiruu kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du’u…(Yohaannis 11:25-26).

Kennaa tolaa jireenya bara baraa qophaa’aadhaa hundumaaf. “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba ilma Waaqayyof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee” (Yohaannis 3:36). Du’a booda kennaa fayyinaa Waaqayyo biraa fudhachuudhaaf carraan nuuf hin kennamu. Xumurri keenya kan murtaa’u bara jireenyaa keenya isa lafa irratiin Yesus Kiristoosiin fudhachuu keenyaa fi diduu keenyaan. “kunoo yeroon jaallatamee fudhatame amma; kunoo guyyaan fayyinaa amma” (2 Qorontos 6:2). Du’a Yesus Kiristoos gatii cubbuu keenyaatiif Waaqayyoof guuttummaan akka kaffalame yoo amanne jireenya hiika qabu biyya lafaa irratti jiraannuudhaaf qofa waabdii hin hingodhannu, garuu du’a boodaa jireenya bara baraa isa ulfina qabeessaa Kiristoosii durattiis waabdii qabna.

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Du’a booddee jireenyi jiraa?
© Copyright Got Questions Ministries