Macaafni qulqulluun waa’ee afuura xurawaan qabamuu/afuura hamaadhaan qabamuu maal jedhaa?



Gaaffii: Macaafni qulqulluun waa’ee afuura xurawaan qabamuu/afuura hamaadhaan qabamuu maal jedhaa? Bara kanattis in ta’aahii? Yoo ta’ees, malattoon isaa maalii?

Deebii:
Macaafni qulqulluun waa’ee afuura xurawaan qabamuu yookaan namootni dhiibbaa irratti geesisee fakkeenya tokko tokkoo kenna. Fakkeenyoota kana irraa malatoon dhiibbaa afuuroota xurawootaa tokko tokkoo argannee afurri xurawaan isa tokko irra akkamitti akka bulu gadi fageesinee ilaalu dandeenya. Itti fufani kan jiran dubbifama macaafa qulqulluu tokko tokkoo dha Mat. 9:32-33, 12:22, 17:18, Maari 5:1-20, 7:26-30, Luq 4:33-36, Luq 22:3, Hoji.erg 16:16-18. Tokko tokkoon isaani dubbifama kanaan, afuurri xurawaan yeroo irra bu’uu dhukkuba qaamaa uuma, kan akka dubbachuu dadhabsiisu mallattoo dhibbee nama kufisuu, jaamummaa, k.k.f. kan biroo irratti immoo namootni sun hamaa akka hojjetan isaan godha, Yihudaan fakkeenya isa guddaa ta’a. hoji.erg. 16:16-18 afuurrichi intala tajaajiltuu wantoota tokko tokkoo akka isheen beektuu dandeetti kenneeraaf, kan isheen hubachuu dandeesuu ol. Afuurri xurawaan kan keessa bule namichi Gergesenoon afuurri xuraawwaan hedduun (legehoon) kan keessa buufate, jabina uumamaatiin ol kan ta’e hjabina argate, qulaa isaas bakka hawaalaa jiraata ture. Mootiin Saa’ol Gooftaa irraatti erga fincillee booda, afuura xurawaadhaan in rakkata ture (1ffaa Saamu 16:14-15, 18:10-11, 19:9-10) ifatti kan mul’atu afuura gadabeessuuttii fi Daawitiin ajeessuudhaaf fedhii itti dabalaa adeeme.

Egaa, bal’aa dhaa fi mallattoo kanaan wal qabatee jiruu, dadhabbii qaamaa innis akka rakkina qaamaatti kan ilaalamu, jijjirama eenyummaa, gadabeessuu yookaan lola, jabina uumamaatiin ol kan ta’e jabina, gaarii ta’uu dhiisuu, jireenya hawasummaa amala mormuu, fi dandeetti ragaa jijjiruu, eenyu iyyuu karaa uumamaatiin beekuu kan hin dandeenye. Hubachuun faayidaa kan ta’u hundumaa jechuu bifa danda’aamuun yoo ta’u baatees baay’inaan amaloonni kun ibsa biraa qabaachuu danda’u, kanaaf tokko tokkoo namni afuurichaan gadi qabamee yookaan dhukkuba nama kufisu namni qabu afuura xuraawaa qaba jedhamee murteessuun hin danda’amu. Kara biraatiin, aadaan warra lixaa jireenya namootaa keessa gidduu galuu afuura xuraawaa dhugummaa isaa hin fudhatan.

Isaan qaama yookaan garaagarummaa miiraa dabalataan, haalota afuuraas ilaaluun ni barbaachiisa, dhiibbaa seexanaa kan argisisan. Isaan kunnis kan isaan of keessatti qabatan dhiifama gochuudhaafi kan diduu (2ffaa Qoro 2:11-11) fi Doktrinnii sobaa amanuudhaa fi babal’isuu, keessumatti immoo Yesus Kristoosi fi kan qalbi jijjirannaa (araara gochu) hojii isaa kan ilaalate (2ffaa Qoro 11:3-4)13:15, 1ffaa Ximoo 4:1-5, 1ffaa Yoa 4:1-3).

Afuurri xurawaan jireenya kiristaanootaa giddu galuu kan isaan qaban kan ilaalate, ergamaan Pheexiroos ibsa dhugaa tokkooti jechuun amanaan dhiibbaa seexanaa irra buufachuu akka danda’uu (Maati 16:23). Tokko tokkoo dhiibbaa seexanaa jabaa ta’ee jala kan jiraatan kiristaanoota heeru, “yaabilos” akka ta’an, haa ta’uu malee qulqulluu sagalee isaa irratti raawate kan heerame fakkeenyi tokko illee hin jiru, Kristoositti kana amane seexanaan kan qabame. Baay’een isaanii barumsi afuuraa kan itti amanan, kiristaanni qabamuu hin danda’u, sababni isaa keessa isaa afuurri qulqulluun waan buluuf (2ffaa Qoro 1:22, 5:5, 1ffaa Qoro 6::9), afuurri Waaqayyoo afuura xuraawaa wajjiin iddoo bultii waan hin qooddaneef.

Inni tokkoo akkamitti madaa isaa iddoo bultii of gochuudhaaf banamaa akka ta’uu sirritti nutti hin himne. Dhimma Yihudaa kan bakka bu’uu yoo ta’ee laphee isaa hamaadhaaf banaa of godheera_ dhimma isaatii fi sasata dhuunfaa isaatiif (Yoha 12:6). Kanaafis ta’uu kan qabuu inni tokkoo cubbuu baratameen akka bitamuu laphee isaa yoo bane afuurri xuraawaan akka itti galuu afeeruu isaati. Shaakala warra misi’ooni irraa, afuura xurawaan qabamuun kan inni wajjin adeemuu waaqollii ormootaa waaqeffachuu wajjin, akkuma kana wantoota uumamaa ol ta’aniin qabamuu dha. Macaafni qulqulluun waaqeffannaa waaqollii tolfamoo waaqeffannaa afuuraa xuraawwaa wajjin irra deddeebi’ee wal qabsiisa (Lewoota 17:7, Keeesa deebi 32:17, Faarf. 106:37, 1ffaa Qoro 10:20), kanaafis, sagaagila keessa galuun gara waaqeffannaa afuura xuraawaatti akka geggeessuu ajaa’ibsiisaa miti.

Olitti kan jiran keeyata qulqulluu sagalee isaa irratti fi shaakala misi’onoota tokko tokkoo irratti hundaa’uudhaan namootni baay’een jireenya isaani gidduu seexanni akka galu cubbuu tokko tokkoo hamachuu isaanitiin yookaan waaqeffannaa afuura hirmaachuu isaani (beekanis osoo hin beekinis) jedhee xumuramuun ni danda’ama. Fakkeenyis sagaagila, baala sammuu namaa adoochuu/dhugaati alkoolitiin baduu, innis sammuu kan dogogorsuu, fincila hadhaa’ummaa, fi afuura kan waaman of keessati qabata.

Dabalatanis tilmaama keessa inni galu jira. Seexana fi ergamootni hamootni wanta tokko illee gochuu hin danda’aan gooftaan akka isaan hin goonee kan inni hiyamne (Iyoob 1:2). Dhimmichi kana ta’ee osoo jiruu, seexanni, kaayyoo mataa isaati akka raawwatu yaaduun, kaayyoo gaarii Waaqayyooni raawwata, akkuma ganuu Yihuudaa. Namootni tokko tokkoo uumamaa ol kan ta’eefi gocha seexanaatiin nagaa kan hin taane gammachuu guddifachaa dhufu. Kun sirrii kan hin taanee fi macaafa qulqulluu kan hin taanee dha. Waaqayyoon duukaa yoo buunee, mi’a lolaa isa yoo uffannee fi jabina isaatti yoo amane (Efen 6:10-18), isa hamaa sababni sodaanuuf tokko iyyuu hin jiru, Waaqayyo hundumaa bita!


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Macaafni qulqulluun waa’ee afuura xurawaan qabamuu/afuura hamaadhaan qabamuu maal jedhaa? Bara kanattis in ta’aahii? Yoo ta’ees, malattoon isaa maalii?