Haati manaa Qaayin eenyu turtee? Haati manaa Qaayin obboleettii isaa turtee?



Gaaffii: Haati manaa Qaayin eenyu turtee? Haati manaa Qaayin obboleettii isaa turtee?

Deebii:
Macaafni Qulqulluun Haati manaa Qaayin eenyuun akka turte adda baasee hin himu. Deebii ta’uu kan danda’uu haatii manaa Qaayin obboleettii isaa yookiin mucaa obboleettii isaa yookiin mucaa obboeessa isaa ta’uu dandeessi. Qaayin Abeeliin yeroo ajjeese umuriin isaa meeqa akka ture hin Macaafni Qulqulluun hin dubbatu (Seera Uumamaa 4:8). Lamaan isaanii iyyuu qonnaan bultoota waan ta’aniif tarii lamaan isaanii mana mataa isaanii kan qaban dargaggeessota ga’aa ta’uu danda’au. Yeroo Abeel ajjeefame Addaamii fi Hewaan Qaayin fi Abeeliin malee ijoollota heedduu akka godhatan shakkii h in qabnu. Booddees ijoollota heedduu qabu turan (Seera Uumamaa 5:4). Qaayin Abeeliin erga ajjeesee booda waa’ee jireenya isaa sodaachuun isaa (Seera Uumamaa 4:14) duraan dursee ijoollee heedduu fi tariis akaakayyuun ilmaan Addaam fi Hewaan yeroo sanatti akka jiraachaa turan agarsiisa. Haati manaa Qaayin mucaa durbaa Addaamii fi Hewaan yookiin intala mucaa isaanii turte (Seera Uumamaa 4:17).

Addaamii fi Hewaan uumama isaan jalqabaa waan ta’anii fi ilmaan isaanii walii walii isaanii wal fuuchuutti kan hafe filannoo gara biraa hin qaban. Waaqayyo yeroon booda biyya lafaa irratti namoon heedduun hanga jiraachuu jalqabanitti gaa’ila firoota gidduutti taasifamu hin dhowwine ture (Seera Leewotaa 18:6-8) sababni har’a walqunnamtiin saalaa namoota frooma dhiigaa qaban gidduutti tasiifamu(oboleessaa fi obboleettii) ijoollee yoo wali irraa godhatan ijoollee sana irrattiwaanti adda ta’e mulachuudhaan rakkina guddaa fida. Namoonni maatii adda addaa irraa ta’an yeroo ijoollee qabaatan maatiin lachanuu amala duubatti deebi’aa ta’e kan qabaatan baay’ee hin mudatu. Rakkinni idda sanyii dhalootaa wajjin kan walqabatan baay’achuu isaanii irraa kan ka’e, dhaloota gara dhalootaattis walitti darbuu isaanii wajjin amalli dhiigaa sanyii namaa garaa garummaan isaa baroota hundumaa keessatti haala guddaadhaan “faalameera.” Addaamii fi Hewaan rakkina hiri’ina gosa dhiigaa hin qaban innis jaraaf dhaloota warra jalqabaa muraasa isaanii akka fayyummaa gaarii nuyi kan har’a qabnu irraa adda kan ta’e akka qabaatan jara gargaareera. Ilmaan Addaamii fi Hewaan maal ta’us rakkina karaa gosa dhiigaa dhufu hamma ta’e qabu turan. Sababa kanaaf walii walii isaanii wal fuuchuun jaraaf sodaachisaa hin turre.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Haati manaa Qaayin eenyu turtee? Haati manaa Qaayin obboleettii isaa turtee?