settings icon
share icon
Gaaffii

An akkamiinan Hafuura Qulqulluudhaan guutama?

Deebii


Hafuura Qulqulluudhaan guutamuu hubachuudhaaf waraabbiin barbaachisaan Yohaannis 14:16, bakka Yesus amanoota keessa Hafuurri Qulqulluun keessa jiraatu fi keessa isaanii jiraachuun sunis dhaabbataa akka ta'e abdii kennee. Hafuura Qulqulluudhaan guutamuu fi Hafuurri Qulqulluun nama keessa ta'uu adda baasuun barbaachisaadha. Hafuuri Qulqulluun dhaabbataan nama keessa jiraachuun amantoota muraasaaf miti, garuu amantoota hundumaaf. Goollabbii kana kan deeggaranu eertuuwwan heedduutu caaffata qulqullaa'oo keessa jiru. Jalqaba irratti Hafuurri qulqulluun daangaa malee kennaa amantoota hundumaaf kennamedha kennaa kanaaf Kiristostti amanuu malee haaldureen umtuu hin jiru (Yohaannis 7:37-39). Lammata, Hafuurri Qulqulluun battala fayyinaa kenname (Efesoos 1:13). Galaatiyaa 3:2, Hafuurri nama keessa jiraachuunii fi qabdii fudhachuun yeroodhuma fayyinaatti akka raawwatame dubbachuudhaan dhugaa kana irratti xiyyeeffata. Sadaffaa, Hafuurri Qulqulluun amanataa tokko keessa yeroo dhaabbataadhaaf jiraata. Hafuurri Qulqulluun amantootaaf akka qabdiitti, yookiin kiristositti ulfina isaanii isa fuulduraa mirkaneessuudhaaf kennameera (2 Qorontoos 1:22; Efesoon 4:30).

Inni kun Hafuuraan guutamuu isa Efesoon 5:18 keessatti agarsiisamee wajjin garaa gara. Nuyi guutummaa guutuutti isa irratti ofgatuu qabna innis guutummaatti akka nu dhuunfatu fi haala sanaan, nu guuta. Roomaa 8:9 fi Efesoon 1:13-14 amantoota hundumaa keessa akka buufatu dubbata, garuu inni gadduu danda'a (Efesoon 4:30), nu keessa jiraachaas dhaamuu danda'a (1 Teseloonqee 5:19). Inni kun akka ta'u yeroo hayyamnu, humni Hafuurri Qulqulluun guutummaatti nu keessattiifi karaa keenyaan akka hojjetu hin shaakallu. Hafuura Qulqulluudhaan guutamuun kutaa jireenya keenyaa hundumaa akka dhuunfatuuf, akka geggeessuudhaa fi toachuudhaaf walabummaa kennaafii agarsiisa. kanaaf humni isaa karaa keenyaan fayyadamee kan nuyi hojjennu Waaqayyoodhaaf bu'aa buusa. Hafuura Qulqulluudhaan guutamuun gochaa bekkeedhaan ta'u duwwaadhaan hin agarsiifamu; inni darbees yaada keessa namaa, fi fedhii gochaa keenyaatiif hojii irra oola. Faarsaan 19:14, 'Yaa Waaqayyo kattaa koo fi furii ko, waanti ani si duratti afaan kooiin dubbadhu, garaa koottis yaadu fudhatamaa anaaf haa ta'u' jedha.

Cubbuun Hafuura Qulqluudhaan guuttamuu kan ittisuudha, Waaqayyoodhaaf abboomamuun immo Hafuuraan Guutamuun akkaataa ittiin argamuudha. Efesoosn 5:18 akka nuyi Hafuura Qulqulluudhaan guutamnu abbooma; haa ta'u malee, Hafuura Qulqulluudhaan guutamuudhaaf kadhachuu miti akka guutamnu kan taasisu. Waaqayyoodhaaf abboomamuu keenya duwwaatu walabummaadhaan Hafuurri Qulqulluun akka nu keessatti hojjetu taasisa. Sababni isaa nuyi amma iyyuu cubbuudhaan faalamneera, yeroo hundumaa Hafuura Qulqulluudhaan guutamuun kan danda'amu miti. Nuyi yeroo cubbuu hojjennu, aluma sana Waaqayyoon duratti qalbii diddiirachuu fi amanamummaa Hafuuraan guutamuu fi Hafuuraan geggeeffamuu keenyaa haaressuu qabna.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

An akkamiinan Hafuura Qulqulluudhaan guutama?
© Copyright Got Questions Ministries