settings icon
share icon
Gaaffii

Durbi da’uun maaliif barbaachise?

Deebii


Barsiisi durbi da’uu baay’ee barbaachisaadha (Isaayaas 7:14; Maatewoos 1:23; Luuqaas 1:27, 34). Jalqaba, mee caaffanni qulqullaa’oon haalicha akkamiin akka ibsu haa ilaallu. Deebii gaaffii Maariyaamiitiin, “kun akkamitti ta’uu danda’a?” (Luuqaas 1:34), Gabri’eel deebiseefii, “Hafuurri Qulqulluun sirra ni bu’a, humni Aabbaas si golboba” (Luuqaas 1:35). Ergamichi Yoseef Maariyamiin fuuchuu akka hin sodaanne jajjabeesse jechoota kanaan:Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef (Maatewoos 1:20). Maatewoos, “Hafuura QUlqulluudhaan ulfooftee argamte”(Matthew 1:18) jechuun kaa’a. Darbees Galaatiyaa 4:4 ni barsiisa: “Waaqayyo ilma isaa erge innis yeroo ergame dubartii irraa dhalate.”

Keeyyattoota kana irraa, dhalachuun Yesus bu’aa Hafuurri Qulqulluun qaama Maariyaam keessatti hojjechuu isaatiitiif baay’ee ifa. Kana harkaan hin qaqqabatamne (Hafurri) fi kan ijaan argamu (gadameessi Maariyaam) lachan isaanii itti hirmaataniiru. Maariyaam, dhugaadhumatti, ofii iseetiin hin uulfoofne, akka namaa galutti isheen “qodaa” dha. Hojii dinqisiisaa sagaleen foon uffachuu kan raawwatu Waaqayyoon duwwadha.

Haa ta’u malee, walitti dhufeenya Maariyaamii fi Yesusiin ganuun, dhugaadhumatti Yesus nama akka hintaane agarsiisa. Caaffanni qulqullaa’oon Yesus nama guutuu akka ta’e barsiisa, akkuma keenyaa qaama kan qabu. Isa Inni Maariyaam irraa fudhate. Aluma tokkicha, Yesus amala cubbu dhabeeyyii isaatiin kan bara baraa ta’uu isaatiinis guutuummaatti Waaqayyodha. (Yohaannis 1:14; 1 Ximootewoos 3:16; Ibroota 2:14-17.)

Yesus cubbuudhaan hin dhalanne; innis, inni amala cubbuu hin qabu (Ibroota 7:26). Inni kun amalli cubbamummaa karaa abbaa dhalootaa gara dhalootaatti akka darbuu fakkaata (Roomaa 5:12, 17, 19). Durbi da’uun amalli cubbuu kun akka akka itti hin dabarre fi Waaqayyo bara baraa akka nama guutuu ta’u eega.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Durbi da’uun maaliif barbaachise?
© Copyright Got Questions Ministries