settings icon
share icon
Gaaffii

Deebi’ee dhufuun Yesus Kristoos maalii?

Deebii


Deebii’ee dhufuun Yesus Kristoos abdii amantootaati, Waaqayyoo waan hundumaa kan ittiin to’atuu innis amanamaa dha abdii isaatii fi sagalee raajii isaa kan jiraniif.yeroo jalqabaa dhufaatiin isaa, Yesus Kristoos gara ardii kan dhufee akka daa’imaa ta’ee dallaa Beetelem keessatti dha akkuma raajame. Yesus baay’inaan waa’ee Masihii raajii dubbataman raawwateera, yeroo dhalateetti, jireenyatti yeroo tureetti, tajaajila isaatti, du’a isaatii fi du’aa ka’uu isaa. Ta’us, raajiin tokko tokkoo jiru, Masihii kan ilaalatee Yesus amma iyyuu kan hin raawwanne. Deebi’ee dhufuun Yesus Kristoos deebi’uu Kristoos ta’a, raajii hafan raawwachuudhaaf. Dhufaatti isaa jalqabaatti,Yesus tajaajila rakkina fudhate ture. Lamaffa dhufuu isaatti, Yesus mootii mo’uu ta’a. dhufaati isaa jalqabaa, Yesus baay’ee gadi of qabuudhaan haalaa ta’eeni dha. Lamaffaa deebi’uu isaati, Yesus loltuu waaqa irraa cina isaa hiiriirseeti kan inni dhufu.

Raajoonni kakuu moofaa garagarummaa kana ifatti hin teesifne, dhufaati isaa lamaan gidduu garagarummaa jiru. Kunnis Isaayaas 7:14, 9:6-7 fi Zaka. 14:4 irratti argama. Raajiin isaa waa’ee namoota lama kan dubbatan fakkaachuu isaa irraa kan ka’e, beektootni Yihudootaa baay’een, Masihiin rakkina fudhatuu fi Masihiin mo’ichaa laman isaani iyyuu ni jiraatuu jedhani amanu.Wanti isaan hin hubanne yoo jiraatee Masihiin tokkoo akka jiraatuu fi wantoota lamanuu kan godhuu ta’uu isaati. Yesus Masihii rakkina fudhatu ta’ee raawwateera (Isaa boqonnaa 53) dhufaati isaa jalqabaati.Yesus fayyisummaa Isiraa’eel gahee mootummaa isaa kan inni taphatuu deebi’ee lamaffaa dhufuu isaatin raawwata. Zaka. 12:10 fi Mul.1:7 waa’ee deebi’ee dhufuu isaati kan ibsanii dha, Yesus kan waraaname ta’uu isaa irra deebi’ee heeruudhaan. Israa’eeli fi addunyaa martinuu ni gaddu, Masihicha dhufaati isaa jalqabaatti waan hin fudhaneef.

Yesus gara waaqaatti erga ol ba’ee boodee Maleekaan ergamaatti labseera “’yaa namoota Galiilaa’ jedhan, ‘gara Waaqaatti ilaalaa maaliif as dhaabbattuu? Inni gara samitti ol fudhatamee Yesuus kun, gara samiitti osoo ol udhatamuu akkuma ilaaltan kana deebi’ee dhufa”’ (Hoji’erga 1:11). Zakaariyaas14:4 bakka deebi’ee dhufuu isaati ibsa, Dabra Zayit ta’uu isaa. Maatihos 24:30 ni labsa, “yeroo sanatti ilmi namaa mallattoon isaa samii irratti ni mul’ata, yeroo sanatti namootni lafa irraa hundumtuu ni wawatuu jedha, ilmi namaas humnaa fi hulfina baay’eedhaan duumessa Waaqaatiin osoo dhufuu ni ilaalu.” Tiito 2:13 deebi’ee dhufuu isaa “mul’achuu ulfinaa” akka ta’e ibsa.

Deebi’ee dhufuu isaa haala baay’ee ibsameen kan mul’ate mul’ata 19:11-16 irratti, “samiinis banameen arge, farda adiin arge, inni irra taa’ees amanamaadhaa fi dhugaa jedhama, tolaanis ni farada ni waraanas. Iji isaas akka araba abidaati, mataa isaa irras gonfoo hedduun jiru, isa malee tokko illee kan hin beekne maqaan barreefame qaba, dhiigii kan itti facaafamee huccuu ufateera, maqaan isaas sagallee Waaqayyoo jedhameera. Loltuun waaqa keessa immoo uffata quncoo talbaa adii fi qullaa’aa uffatani fardeen adadii irra ta’aani isa duukaa in bu’an. Afaan isaa keessaa bil’aa qara lamaa isa inni ittin saba Waaqayyoo warra hin ta’iin rukkututu ba’e, inni ofi isaati saba sana siiqee sibilaatiin ni tiksa, inni ofi isaatti iddoo cuunfaa waayini dheekaamsa soodaachiisaa, isa kan Waaqayyoo hundumaa danda’uu dhidhituuf jira. Uffata isaa irratti gudeeda isaa irratti kan barrefame. Mooti moototaa fi goofta gooftootaa maqaa jedhu qaba.”

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Deebi’ee dhufuun Yesus Kristoos maalii?
© Copyright Got Questions Ministries