settings icon
share icon
Gaaffii

Barbaachisummaan cuubbaa Kirstaanummaa maalii dha?

Deebii


Cuubbaan kiristaanumma, akkaataa Macaafa Qulqulluutti, jireenya amanataa tokkoo keessatti waanta alaan ta’e bakkeedhaan dhugaa ba’uudha. Cuubbaan kiristaanaa amantaan tokko kiristoosii wajjin du’u awwaalamuu fi du’aa ka’uu isaa agarsiisa. Macaafni Qulqulluun, “yookiinis nuyi warri kiristoos Yesuusitti dabalamuudhaaf cuubaamne du’a isaatiinis isatti dabalamuudhaaf akka cuubamne ni walaltaniiree? Nuyi cuubamuudhaan du’a isaatti isatti dabalamnee isaa wajjin awwaalamneerra. Kiristoos humna abbaa isa ulfina qabeessaan warra du’an keessaa akkuma kaafame nuyis immoo jireenya haaraatti ni jiraanna” ni dubbata (Roomaa 6:3-4). Cuubbaa kiristaanaa keessatti, bishaan keessatti gadi lixuun Kiristoosii wajjin ddu’uu fi awwaalamu akka fakkeenyaatti agarsiisa. Bishaan keessaa ba’uun immoo du’aa kaafamuu Kiristoos agarsiisa.

Cuubbaa kiristaanaa keessatti, namni sun utuu hin cuubamin dura waantonni lama barbaachisoodha: 1) namni cuubamu sun duraan Yesus Kiristoositti amanuu qaba. 2) namni sun cuubbaan maal akka agarsiisu beekuutu isa irra jira. Namni tokko akka fayyisaa dhuunfaa isaatti Yesus Kiristoositti yoo amane, cuubbaan kiristaanaas sadarkaa namoota duratti Yesus Kiristoositti amanuu fi abboomamuu isaa ifatti namoota duratti labsu ta’uu isaa yoo hubate cuubamuudhaaf fedhii qabannaan, nama sana akka hin cuubmne kan isa dhowwu hin jiru. Akkaataa Macaafa Qulqulluutti, cuubbaan kiristaana barbaachisaadha, sababni isaa inni sadarkaa abboomamuuti- amantii Kiristoos irratti ta’ee fi isaaf amanamummaa qabaachuu ifatti namoota duratti dubbachuu dha- du’a Kiristoos, awwaalamuu isaa fi du’aa ka’uu isaa wajjin walii galuudha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Barbaachisummaan cuubbaa Kirstaanummaa maalii dha?
© Copyright Got Questions Ministries