settings icon
share icon
Gaaffii

Kitaabni qulqulluun waa’ee Pornoogiraafi maal jedhaa? Pornoografii ilaaluun cubbuudhaa?

Deebii


Irra caalmaan, interneetiin baay’ee wanti barbaadamuu pirogiraafii wajjin wal qabata. Pornoogiraafii amma addunyaa jeeqa jira. Tarii wanta kami iyyuuu caalaa, seexani wal qunamtii saalaa jal’isaa fi balleessaa jira. Inni gaarii fi ta’uu kan qabu fudhatee (abbaa manaa fi haadha manaa gidduu kan godhamuu wal qaunamtii jaalalaa) bakka isaa halalummaa, fakkii jibisiisaa, ejjaan, dirqisisani gudeeduu, fi wal qunamtii saalaa saala wal fakkaataan godhamutti jijjire. Pornoogiraafii sadarkaa jalqabaa ta’uu danda’a, kan irraangadee nama sigigaachisuu isaa dabaalaa jiru cubbamaa ta’uun kufaati safuu (Roome 6:19). Amalli Pornoogiraafii araadni isaa qorannoon bira gahameera. Baalli sammuu namaa adoochuu kan fayyadaman isa guddaa fi baala sammuu namaa adoocchu isa cimaa haga isaatti akka fayyadu, “ol” kan jedhe dheebuu ba’uu argachuuf, Pornoogiraafiinis nama dhuunfaa ni harkisa, guddaa guddaa gara ta’eetti gara araada ejjaatti fi gara fedhii gaarii hin taaneetti.

Ramaddiin inni guddaan sadan kajeelaa foonii, kajelaa ijaa, fi of jireenyaati (1Yohannis 2:16). Pornoogiraafiin sirritti fedhii foonii akka nu keessa buluuf sababa ta’a, innis haala hin ganamneen kajeelaa ijaati. Pornogiraafiin sirritti nu gahuu hin danda’u, waan yaaduun nurra jiru, akka Filliphisiyuus 4:8. Pornogiraafii araada dha (Qor. 6:12, 2Phaex. 2:19), akkasumas kan balleessuu dha (Fak. 6:25-28, His. 20:30, Efe. 4:19). Yaada keenyaan namoota kan biroo booda nutty fakkaate, kunnis qabiyyee Prnoo giraafii kan ta’e, Waaqayyoon ni gadisiisa (Mat.5:28). Kan baratamee Pornogirafiif kennamuun jireenya namichaa yeroo qabatuu, namichi akka hin fayyine kan argisiisuu dha (1Qoro. 6:9).

Pornoogiraafiidhaan kan qabamaniif Waaqayyo mo’icha kennuu danda’a, fedha isaatis. Pornogiraafiin qabamteetaa, isa irras bilisummaa siif wayyaa? Carrichaaf wantootni gargaaran tokko tokkoo kunoo: 1)cubbuu kee Waaqayyotti himadhu (1Yoha. 1:9), 2)Waaqayyo akkasi qulleessuu akka si haarressu, akkasumas sammuu kee akkajijjiruu gaaffadhu (Roome. 12:2). 3)Waaqayyoon kadhadhuu, sammuun kee Filliphisiyuus 4:8 irra kan jiruun akka guutamu. 4)Qaama kee qulqullumaan qabachuu baradhu (1Tas. 4:3-4). 5)Hiika sirri wal qunamtii saalaa hubadhu, kanaaf hidhata gaa’ila kee qofaa wajjin fedha kee raawwadhu (1Qor. 7:1-5). 6)Kana hubadhuu hafuuraa wajjin utuu deemtuu fedha foon kee hin raawwattu (Gala.5:16). 7)Tarkaanfii hoji irra oolu fudhadhu, fakkiwwaan nama miidhanin carra saaxilamuu kee hir’isuuf. Daangaa Pornogiraafii komputeera kee irra godhi, itti fayyadama Televishini fi vidiyoo kee daangeessi, akkasumas kristaanaa kan biraa barabaadi kan siif kadhatuu fi damaqaa akka taatu kan si gargaaru.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kitaabni qulqulluun waa’ee Pornoogiraafi maal jedhaa? Pornoografii ilaaluun cubbuudhaa?
© Copyright Got Questions Ministries