settings icon
share icon
Gaaffii

Al-tokko fayyinaan yoom iyyuu kan fayyan ta’uu?

Deebii


Namni tokko al tokko fayyinaan yomi iyyuu jarri kan fayyaniidhaa? Namoonni Kiristoosiin akka fayyisaa isaaniitti gara beekuu yeroo dhufan, gara Waaqayyo wajjin tokkummaa qabaachuutti fidaman inni fayyina isaanii bara baraaf akka waabdii qabaatu jara taasisa. Keeyyattoonni caaffattoota qulqullaa’oo heedduun dhugaa isa kana labsu. (a) Roomaa 8:30, “warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga’eera” jechuudhaan dubbata. Waraabbiin kun kan nutti himu yeroo Waaqayyo nu filate, inni akkuma nuyi fuula isaa duratti waaqa keessatti hulfina arganneeti. Amntootni guyya tokko akka hulfina argatan kan isaan dhowwu hin jiru sababni isaas Waaqayyo isa waaqa keessatti isa karoorseera. Namni tokko altokko qajeelaa taanaan-inni akkuma waaqa keessatti ulfina argatetti waabdii kan qabuudha.

(b) Phaawloos gaaffii barbaachisaa lama gaafata Roomaa 8:33-34 keessatti “Warra Waaqayyo foo’ate eenyutu hadheessa ree? Egaa Waaqayyo akka warra balleessaa hin qabneetti isaan lakkaa’e, kan hadheessu hin jiru. Eenyutu itti farada ree? Erga Kiristoos Yesus de’ee kaafamee immoo, gara mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatee, kan itti faradu hin jiru.” Warra Waaqayyo foo’ate eenyutu hadheessa ree? Eenyu iyyuu sababni isaa Kiristoos abukaatoo keenya. Eenyutu nu hadheessaa? Eenyu iyyuu sababni isaa Kiristoos, inni bakka nuuf jedhee du’e, innni isa faraduudha. Nuyi akka fayyisaa keenyaatti abbaa firdiis abukaatoos qabna.

(c) Amantoonni dhaloota haaraadha (kan haaromfamanii dha) yeroo amanan (Yohaannis 3:3; Titoos 3:5). Fayyina isaa dhabuun kirstaanaaf, inni akka nama hin haarmfamneeti jechuudha. Dhalachuun inni haaraan akka nama dura fudhatamu Macaafni Qulqulluun ragaa umaa hin kennu. (d) Hafuurri Qulqulluun amantoota hundumaa keessa jiraata (Yohaannis 14:17; Roomaa 8:9) amantoota hhundumaas dhagna Kiristoos keessatti cuuba (1 Qorontoos 12:13). Amanataan tokko hin fayyine jechuun, inni kan Hafuurri Qulqulluun kan isa keessa hin jirre yookiin dhagna Kiristoos irraa adda kan baafaame jechuudha.

(e) Yohaannis 3:15 amantoonni hundinu kan Kiristoos Yesusitti amanan “jireenya bara baraa akka qabaatan” dubbata. Har’a Yesus Kiristoositti amantee jireenya bara baraa qabaatte, garuu bori immoo dhabde, inni tasa jireenya bara baraa miti jechuudha. Sababa kanaaf, fayyina kee ni dhabda taanaan, abdiin jireenya bara baraa Macaafa Qulqulluu keessaa dogoggora ta’a.

(f) goollabbiin waliin morkii inni caalaan, akkan yaadutti caaffatni qulqullaa’oon mataan isaa karaa wayyuun akka dubbatu nan yaada, “Duuni jireenyi, ergamoonni Waaqa irraa warrii bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, waanti amma jiru , waanti dhufuuf jirus hundinuu, waanti humna agarsiisuu danda’us, waanti ol ka’ee jirus, waanti gadi fagaatee jirus, uumama keessaa waanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kiristoos Yesus nuuf dhufetti danda’ee gargar nu hin baasu.” Yaadadhu Waaqayyo isa si fayyise sanumatu si eega. Nuyi al tokko fayyinaan yeroo hundumaa kan fayyinee dha. Fayyinni keenya bara baraan caalaatti kan waabdii qabuudha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Al-tokko fayyinaan yoom iyyuu kan fayyan ta’uu?
© Copyright Got Questions Ministries